Yunaayitidii fi Arsenaal gooliin sadii itti galee dorgommiin ala ta'an

Tapha Karabawoo Kaap marsaa arfaffaa galgala edaa taphatamaniin Maanchistar Yunaayitidiifi Arsenaal gooliiwwan sadi sadii kessummeessuun gara walakkaa xumuraatti osoo hin ce'iin hafan.

Dirreesaan ala Weestihaamiin kan falmate yoo ta'u, taphatootasaa filannoo jalqabaa ta'an teessoo jijjiirraarra kaahuun kan eegale Arteettaan, boqonnaa booda taphattoota jaha jijjiiree galchuun qabxiin barbaadu hin arganne.

Leenjisaa Arteettaa ''injifatamuu keenyattuu baayyeen aare. Anatu gaafatamaadha'' jedhe tapha booda yaada kenneen.

Daqiiqaa 16ffaarratti Been Waayit tasa ofirratti galche. Boqonnaa booda ammoo Mohaammad Kuddusiifi Jaarood Boowen daqiiqaa 50 fi 60ffaarratti goolii lama galchanii hamma taphni xumuramuuf jedhutti Arsenaal 3-0n durfamaa ture.

Martiin Odegaartuu daqiiqaa 96 ffaarratti goolii takkattii Arsenaaliin zeeron injifatamuurraa baraarte kan lakkoofsise.

Artettaan ''waancaa kanaan ala taneerra, tapha akkaan addaa taphannee dorgomuu barbaana ture'' jedhe.

Itti dabaluunis gooliin Been Waayit ofirratti galche taphicharratti dhiibbaa uumuu dubbate. Ammoo sana jijjiiruuf hojii gahaa akka hin hojjenne amane.

''Baayyeen ofitti aare. Tapha addaa taphachuu barbaanne ture garuu raawwachuu hin dandeenye. Yeroo injifatamnu mara dhukkubbiin nutti dhagaahama.''

Arsenaal kan dorgommii kana keessaa bahe tapha liigiitiin Sanbata xiqqaa dhufu Niikaasil, kan dorgommii kanaan Maanchistar Siitiifi MaanchistarYunatiidi injifate, morkata.

''Dhukkubbii amma nutti dhagaahame kana fi mo'atamuu nu mudate Niiwkaasiliif akka gaaritti akka qophoofnu itti fayyadamna'' jedhe Arteettaan.

Niiwkaasil, Yunaayitidiin 3-0n injifate

Galgala eedaa taphoota eegaman keessaa tokkoo tapha Yunaatiid dirreessaatti Niiwkaasil Yunaatidiin itti simate ture.

Yunaatiid guyyoota dura tapha darbiin Siitiin 3-0n akka hin taanetti injifatamuun miira itti uume keessaa osoo hin bahiin Niiwkaasil simate.

Niiwkaasil tapha kana boqonnaa dura gooliiwwan lama lakkoofsisee fi boqonnaa booda daqiiqaa 60ffaarrtti goolii sadaffaa itti ida'een Yunaatiditti fanxoorratti cophxoo ta'eera.

Niiwkaasil dirreessaa malee dorgommii kanaan injifannoo akkasii Yunaatidi irratti yeroo galmeessu kun waggoota 93 booda isa jalqabaati.

Bara dorgommii kana Yunaatiid taphoota 15 taphate keessaa yeroo saddeettaffaaf injifatamuusaati. kunis erga bara dorgommii 1962/63 jalqabbii dorgommii isa badaa jedhamu ta'eera.

Yunaayitiid taphoota jalqabaa 10 dirreesaatti taphate keessaa shan injifatamuunis erga bara 1930/31 seenaa badaa haaraa galmeesse.

'Yeroo kanatti sadarkaa badaarra jirra, gaafatamummaasaa natu fudhata'

Haalli qabatamaa Maanchistar Yunaayitid irra jiru kun gaaffii teen Haag Yunaayitidiin leenjisuuf nama sirriidhaa? jedhu jabaatee akka ka'u sababa ta'aa jira.

Leenjisaan kun gaaffii irratti ka'aa jiru kana akka hubatan dubbatan.

''Yeroo qabxiin gaarii ta'uu dhabu gaaffiin akkasii ka'uun sirrii ta'uu nan hubadha'' kan jedhan teen Haag, garuu ''hojii kana akkan milkeessu ofitti amanamummaa nan qaba'' jedhan.

''Yeroo kanatti sadarkaa badaarra jirra, gaafatamummaasaa natu fudhata.''

''Ani falmataadha. Haala kana akka qormaataattin ilaala'' jedhan teen Haag.

Haalli Yunaayitiid irra jiru badaa ta'uufi gahumsa taphattootaasaanii kan madaalu akka hin taane himuun akka sirreessan dubbatan.

Taphataan duraanii Yunaatiid Andii kool namni hunduu gara Oold Tiraafoord yoo dhufu akka injifatee deebi'u yaadaa jira jechuun yeroo kun ta'u maaltu bade jedhanii sirriitti itti yaaduu barbaachisa jedhe.

Leenjisaa teen Haag irratti gaaffii ka'uun walqabatee ammoo, ''taphoota itti aanan muraasatti qabxii gaarii hin galmeessu taanaan ilaalchi deeggartootni irraa qaban saffisaan jijjiiramuu danda'a'' jedhe.

Teen Haag garee kana akka fedhutti ijaaruuf paawudii miiliyoona 441 baaseera. haatumalee haalli amma jiru leenjisaafi taphattoota gidduu qaawwi jiraachuu akeeka jedha, goolii eegaan Niiwkaasil duraanii Shaay Given.