Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waaltaafi Waafaan Faanaa Birodkaasting jalatti walitti makamuuf
‘‘Miidiyaa guddaa’’ tokko uumuuf jecha Waaltaa Midiyaa ende Kominikeshiin Korporeetiin, akkasumas Waafaa Maarkeeting ende Piromoshin Faanaa Birodikaasting (FBC) jalatti walitti makamuuf.
Faanaafi Waaltaa keessa gahee parsantaa 25 kan qabu Fandiin Tigraayiin Deebisanii Ijaaruu (Endowment Fund for the Rehabilitation of Tigray (EFFORT)) dhimmicharratti akka hin hirmaatiin BBCtti hime.
Faanaafi Waaltaa walitti makuudhaaf hojiinsaa Muddee darberraa kaasee deemsaa akka jiru madden miidiyaalee lamaanii BBC’tti himaniiru.
Maddeen akka jedhanitti, dhaabbileen miidiyaalee lamaaniifi Waafaan akka walitti makaman kan taasifamaa jiru yaada MM Abiy Ahimad kennaniinidha.
Faanaan qabsoo hidhannoo Adda Dimokiraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)f yeroo jalqabaatiif akka buufata raadiyoo dhuunfaatti kan hundeeffame waggaa 29 dura A L I bara 1987 ture.
Raadiyoo Faanaa kan hundeessan paartileen afur ADWUI hundeessan waliin hidhata qabu kanneen jedhaman akka naannoo Tigraay irraa EFFORT, naannoo Amaaraa irraa Nigaat Korporeet (kan duraan Xirat jedhamu), naannoo Oromiyaa irraa Tumsaa Develooppimant Giruup (kan duraan Dinshoo jedhamu), akkasumas naannoo Kibbaa irraa Wandoo turan.
Raadiyoon Faanaa A L I bara 2003 gara Faanaa Birodkasting Korporeeshiniitti kan guddate yoo ta’u, wagga ja’a dura A L I bara 2010 buufata televizhinii banachuun isaas ni yaadatama. Raadiyoon Faanaa Finfinneetiin alatti naannolee gara garaa keessatti bufataaleen 12 afaanota torbaan sagantaa tamsaasan qaba.
Akkuma Faanaa dhaabbileen misoomaa afraniin kan hundeeffame Waaltaanis, hundeeffamni isaa ADWUI waliin hidhata qkan qabudha. “Wiirtuu Odeeffannoo ADWUI” maqaa jedhuun A L I bara 1986 dhaabbata oduu ta’ee kan hundeeffamedha Waaltaan.
Waaltaan bara darbe gara dhumaarraa kaasee buufata televizhinii “Addis Waaltaa” jedhu kan banate yoo ta’u, dhiyeenya kana ammoo buufata televizhinii afaanota alaatiin saganataa tamsaasu “Afro News” jedhamu banatee yaalii tamsaasuurra jira. Kanaan alattis “Afro FM” bitachuudhaan maqaa isaa gara “Addis Waaltaa FM” jedhutti jijjiiruudhaan abbaa buufata televizhinii ta’eera.
Dhaabbileen miidiyaa lamaan-Faanaafi Waaltaan walitti dhufuun ture A L I bara 2000 keessa dhaabbata biraa Waafaa Maarkeeting ende Piromooshin jedhamu kan hojiin isaa sagantaalee qopheessuu ta’e hundeessan. Waafaan birsaga jalqabaa miidiyaalee lamaanirraa, ‘Waa fi Faa’, fudhachuun ‘Waafaa’ maqaan jedhamu kennameef.
Sanadi akka dhaabbileen sadan walitti makamaniif qophaa’e maal jedha?
BBCn sanadii fuula 28 qabu akkaataa ittiin dhaabbileen sadan walitti makamanirratti qophaa’e argateera. Akka sanadiin kun ibsutti, sababiin ijoon akka Waaltaa, Faanaafi Waafaan walitti makaman barbaachiseef dhaabbata miidiyaa “ijaarsa biyyummaa Itoophiyaa keessatti gahee guddaa bahu” uumuudhaaf.
Sanadiin kun “Seenessa biyyaalessaa ijoo milkeessuuf biyyi keenya irratti hojjechaa jirtu ajandaa isaa isa guddaa godhachuun humna miidiyaafi komunikeeshinii imala badhaadhinaa biyya keenyaa saffisiisuu ta’a,” jechuun “miidiyaa guddaa” dhaabbileen sadan walitti makamuun uuman maalirratti akka fuulleffachuu qaban ibseera.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Onkoloolessa darbe mata-duree “Idaarraa gara Miindaatti” jedhu jalatti aanga’oota olaanootiif leenjii wayita kennanitti waa’ee barbaachisummaa ‘Seenessa’ guddaa uumaarratti ibsa kennuun isaanii ni yaadatama.
Akka sanadiin kun ibsutti, miidiyaan erga dhaabbileen kunneen sadan walitti makamanii booda hundeeffamu kun “faayidaa biyyaatiif waardiyaa” kan dhaabbatu ta’ee hojiirra oolmaa imaammataafi dhaabbileen mootummaa “miidiyaa qeeqaa deeggaru” ta’a.
“Fiilmiiwwan, muuziqaafi maxxansaalee, tiyaatirootaafi waltajjiiwwan aartii adda addaa seenessa biyyaalessummaa karaa garagaraatiin akka gadi fageenyaan hubatamu kaayyoo godhatan ,” miidiyaa akka haaraatti gurmaa’u kanaan akka galma gahu ibsa sanadiin kun.
Dhaabbileen kanneen bakka tokkotti gurmeessuun akka faayidaatti kan eerame tokko dhimma dhaabbata saba-himaa cimaa “dorgommii mo’achuu danda’u” uumuuf kan jedhudha.
Dhaabbileen walitti makaman kunneen maqaa ’Faanaa’ jedhu qabatanii yoo itti fufan ‘filatamaa’ akka ta’e sanadiin kun ni ibsa.
Raadiyootiin fudhatama bal’aa kan qabuufi TV irrattis EBC waliin kan waldorgomu, yeroo tokko tokko ammoo miidiyaa EBC kan caalu waan ta’eef, maqaa Waaltaa jedhu caalaa Faanaan beekamaadha,” jechuun sababa maqaan ‘Faanaa’ jedhu itti filatameef ibsa sanadiin kun.
Faanaan hordoftoota biratti maqaa gaarii kan horate ta’uun isaas amanamummaaf barbaachisaa ta’uus dubbata sanadiin kun. Kana malees, maqaa gabayaa keessa ture itti fufsiisuunis barbaachisaa ta’ee waan argameef maqaan ‘Faanaa’ jedhu kun fudhatameera.
Dhaabbileen kunneen erga walitti makamanii booda maqaan kanaan dura “Faanaa Biroodkarsing Korporeet” jedhu gara “Faanaa Miidiyaa Korporeeshin” jedhutti akka jijjiiramus eermaara.