Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wixineen labsii haaraa ayyaanota uummataa, Ayyaana Caamsaa 20 ni hambisaa?
Waggootii 49 darbaniif hojiirra kan oolaa ture Labsiin guyyootii ayyaana uummataafi guyyootii boqonnaa murteessu, bakka buufamuuf wixineen haaraa qophaa’eera.
Manni Maree Ministeerotaa marii ji’a Muddee keessa taasiseeen, wixinee labsii kana raggaasisuun, gara Mana Maree Bakka Bu’oota uummataatti ergeera.
Paarlamaan Guraandhala 08, 2024 marii idilee isaa gaggeessuun, ji’a tokkoof boqonnaa fudhatee, Bitootessa yemmuu hojii deebisee eegalu labsiilee ni ilaala jedhame eegamu keessa wixineen labsii dhimma guyyootii ayyaana uummata ilaalu isa tokkodha.
Guyyootii ayyaana uummata murteessuuf wixineen paarlaamatti ergame kun, labsii bulchiinsa Dargiin A.L.I 1967’tti ba’ee, ADWUI ammoo A.L.I 1988tti fooyyessee ture kan haqu ta’a.
Labsiin mootummaa Dargiin ba’eefi yeroo ammaatti hojiirra oolaa jiru, guyyootiin ayyaana uummataafi amantaa 13 sadarkaa biyyatii akka kabajaman kan eerudha.
Kanneen keessaa kan amma hin kabajamne Ayyaana yaadannoo Warraaqsa Fulbaana 1 kabajamufi Ayyaana Fulbaana 2 kan “guyyaa Eertiraan biyyaashee Itoophiyaan walitti makamte” jedhamuun kabajamaa turedha.
ADWUI erga angoo qabatee booda, guyyootii ayyaanaa labsi kanaan tarreeffaman keessa guyyaa injifannoo irratti qofa foyya’insa taasisuun labsii kana hojiirra oolchuu itti fufe. Oggeessa seeraafi abukaatoo kan ta’e Obbo Anduwaalem Bewqetu akka ibsanitti, foyya'insi sun Guyyaa Ayyaanaa guyyaa Goototaa Bitootessa 28 kabajamaa ture gara Ebla 27’tti kan geeddaredha.
Labsii amma hojiirra jiruufi hojiimaata isaa irratti qaawwaan jira jechuun BBC’tti kan hime Anduwaalem, seera kana irratti kan ibsame guyyaan warraaqsaa labsii biraan utuu hin haqamiin mootumman guyyicha kabajuu akka dhaabe himu.
“Guyyaa Ertiraan Itoophiyaatti makamte jedhamuun guyyaa wagga haraa irratti walumatti kabajamaa ture… Ertiraan sana booda adda cittee, biyya of dandeessu taatee jiraachaa jirtudha. Labsiitiin garuu nuti kana hin hambisne,” jechuun oggeessi seeraa kun qaawwaa jiru ibsaniiru.
Wixinee haaraaf ibsi qophaa’ees labsiin kana dura “akkataa kabaja guyyootii ayyaana kunneenii gadi fageenyaan kan hin ibsine” ta’uu eera.
Ibsi kun, “labsiin kun akkataa ayyaanotni kun ittiin kabajaman ifatti kan hin ibsinee waan ta’eef, kabajni ayyaana kunneenii hanga barbaachisaa ta’etti sadarkaa idil-addunyaatti akka beekamaniifi akka ba’an akkasumas bu’aa hawasummaafi dinagdee barbaachisu argamsiisaa jiru jechuuf ni cima,” jechuun labsii kana fooyyessuuf sababa waan jedhu ibseera.
Jijjiiramootaa labsii haaraan fidu
Wixineen labsii haaraa murtee Waajjira Ministira muummeefi ministeera haqaan qophaa’e kun, labsii isa kanaan duraarraa wanti adda isa taasisu dhimmi ijoon akkaataa kabajaa ayyanoota wal qabatee gadi fageenyaan haalota kan ibse ta’uusaati.
Wixineen labsii kun ayyaanota ummataa; “ayyaanota biyyaalessaa kabajamanii oolan”, “ayyaanota biyyaalessa yaadatamanii oolan,” fi “ayyaanota amantaa” jechuun adda isaan qoodeera.
Ayyaanotni biyyaalessa kabajamanii oolan, guyyootii hojiin idilee itti cufaman akka ta’an wixinee kanarra kaa’ameera.
Kana jalatti ayyaanotni ibsaman, Guyyaa waggaa haaraa, Guyyaa Injifannoo Adwaa, Guyyaa Hojjeettoota akkasumas Guyyaa Goototaadha.
Hojiin utuu hin cufamiin qophilee adda addaan yaadatamanii kan oolan ayyaanotni biyyaleessaa ammoo lama yoo ta’an, kunneenis, Guraandhala 12 kan kabajamu Guyyaa Wareegamtootaa fi Saadasa 29 guyyaa Sabaaf sablammoota Itoophiyaadha.
Guyyaan sabaafi sablammootaa A.L.I bara 1998 irraa eegalee waggootii 18f kabajamaa kan ture ta’us, labsii Ayyaanota Ummataafi guyyootii boqonnaa amma hojiirra jiru irratti kan ibsame miti.
Wiixinee Mana Mareetti ergame kana irratti ayyaanota amantaa jalatti kan ka’aaman ayyaanota amantaa Kiristaanaa shaniifi ayyaanota amantaa Islaama sadii yoo ta’an, labsii kanaan duraarra waan turan irratti jijjiiramni uumame hin jiru.
Ayyaanotni amantaa Islaamaa wiixinee kanarra ka’aman, Iid- Al Adahaa (Arafaa), Ayyaana Moolidaa fi Iid- Al Fatiirdha. Kan amantaa Kiristaanaa ammoo, Masqala, Cuuphaa, Guyyaa dhaloota Yesuus, Fannoo fi Du’aa ka’uu (Faasikaa).
Wixinee kanarra ayyaanotni kaa’aman hundi Imbaasii Itoophiyaa ykn Qonsilaa biyyaa alaa jiru keessattis “haalaa sirnoota seenaafi amantaa keenya eegeen” kan kabajaman akka ta’anis kaa’ameera.
Ibsi wixinee kana akka ibsutti kun kan taasisamu “Imbaasiwwaniifi qonsilaawwan Itoophiyaa akka qaama bulchiinsa Itoophiyaatti kan ilaalaman,” waan ta’anifidha.
Wixineen labsii kun haala ayyaanotni biyyaalessa hundi itti kabajaman kan ibse yoo ta’u, Guyyaa ayyaana waggaa haaraafi guyyaa Goototaan ala ayyanoota biyyaalessaa jiraniif kabaja isaanii kan qindeesssu waajjiraalee mootummaa federaalaa ramadeera.
Kabaja ayyaana Guyyaa Adawaa “abbummaan qindeessuuf” itti gaafatamummaan kan kennameef ministeera ittisaafidha. Kabaja ayyaanota biyyaalessaa irratti haala hin ibsamneen ayyaanni Injifannoo Adawaa yemmuu kabajamu “kabajni ayyaanichaa miidiyaalee mootummaafi dhuunfaa hundaan taamsaasa argatee akka gaabafamu” akka taasifamu wiixinee kana irratti ibsameera.
Guyyaan hojjeetota addunyaa “qindeessa waajjira ministeera dhimma hojjetootaa hogganuun” akka kabajamu wiixinee kanarratti ibsameera. Ministeerri Aadaafi Ispoortii ammoo itti gaafatamummaan Guyyaa Wareegamtootaa Guraandhala 12 kabajamu itti kennameera.
Wixinee kanaan yeroo jalqabaaf tarreeffama ayyaana biyyaalessa keessa kan seene Guyyaa Sabaafi sablammoota Itoophiyaa, kabaja isaa qindeessu itti gaafatamummaan kan kenname Mana Maree Federeeshiiniifidha.
Ayyannii Caamsaa 20 hafee?
Mootummaan Dargii kufee guyyaa ADWUI aangoo itti qabate Caamsaa 20, keessumaa bulchiinsi MM Abiy aangoo qabachuusaan dura waggootii kurnaniif haala ho’aa ta’een kabajamaa tureera. Guyyaan kun kan kabajamus hojiifi manni barnoota cufameeti.
Waggootii muraasa darban keessatti garuu kabajni ayyaana kanaa kan qabannaa’e yoo ta’u, sadarkaa mootummaatti ayyaanni kun kabajamuu hafus dhaabbileen tajaajila kennan garuu Caamsaa 20 irratti cufaa ta’uun itti fufaniiru.
Ta’us garuu A.L.I bara 1984 irraa eegalee kan kabajamaa ture ayyaanni Caamsaa 20, labsii Ayyaana uummataafi guyyootii boqonnaa amma hojiirra jiruu jalatti akka ayyaana uummataatti hin labsamne. Mootummaan ADWUI ayyanaa kana kabajuu eegalee waggootii afur booda bara 1998’tti yemmuu labsii kana foyyessu, Caamsaa 20 tarree ayyaanota uummata keessa hin galchine.
Oggeessi seeraa Obbo Anduwaalem, “ ani amman beekutti Caamsaa 20 bu’ura seeraa ayyana biyyaalessa itti ta’e qaba jedhee hin amanu,” jechuun ayyanni kun kabajamaa kan ture beekkamtii seeraatiin ala akka ture himaniiru.
Dhimmi labsiin ba’e kan fooyyeffamus ta’e kan haqamu labsii biraan ta’uu kan ibsan Obbo Anduwaalem, Caamsaa 20 garuu labsii guyyicha deeggaruun osoo hin taanee “barteedhaan” kabajamaa akka ture ibsaniiru.
Haala walfakkaatan labsii amma hojiirra jiru keessatti Fulbaanni 2 ayyaana guyyaa yaadannoo warraaqsaa ta’ee kan kabajamu, erga ADWUI angootti ba’ee as “bateen” kabajamuun akka dhaabbatu taasifamuu ibsaniiru.
Manni maree ministeerotaa Mudde 10/2016 wixinee labsii kana gara paarlaammatti yemmuu ergetti BBC’n kan dubbise Ministeera Aadaafi Ispoortiitti hojii raawwachiisaan tajaajila seeraa Obbo Balaachoo Dirribaa, gaaffi dhimma ayyanaa Caamsaa 20 irratti dhiyaateef “ayyaanota biyyaalessa keessa kan galchiine seenaa uummata Itoophiyaati,” jenneeti deebii jedhu kennanii turani.
Obbo Balaachoo, “Wixinee labsii kana iratti kan qabannee dhufne ‘kan uummataati, namni simateera’ akka sabaa, hawaasaa, biyyaafi lammiitti irratti walii galluudha,” jechuun ibsaniiru.
Ogeessa seeraa kan ta’an Obbo Anduwaalem akka ibsanitti wixinee labsii paarlaamaaf dhiyaate irratti Caamsaa 20 hin ibsamiin hafuun isaa, ayyaanichi kana booda akka hin kabajamne kan ibsu ta’uu himaniiru.
“Wixinee labsii isa haaraatiin ‘Itoophiyaa keessatti ayyaanotni kunneen ayyanaa biyyaalessa ta’uun labsamaniiru’ jedhamee yoo tarreefameefi tokko ayyaanni kan dura ture kana keessa hin jiru taanaan, labsii kana duraa keessa kan ture ta’us akkanumaas haqamuusa ibsudha jennee fudhachuu dandeenya,” jechuun oggeessi seeraa kun yaadasaani kennaniiru.
Dabaluunis “wixineen labsii kun Caamsa 20 haqamuusaa ifatti yoo ibsuu baates irra hutaaleera. Kanaaf kana boosa Caamsaa 20 ayyaana biyyaalesaadha jennee falmuuf vu’uurri sirri jira jedhee hin amanu,” jedha.
Kanaan achi wixineen kun “labsii kanaan kan falleessu labsiin, qajeelfamni, danbii ykn hojimaati bartee kamuu dhimma labsii kanaan ibsaman irratti hojiirra hin oolu,” jechuun kaa’uunsaa “barteen” kabajamaa kan ture Caamsaan 20 akka hafu waan ibsu ta’uu himaniiru.