Aanga'oonni haaraa muudaman Amb. Reedwaan, Obbo Tamasgeen, Amb. Taayyee Asqesillaasee fa'aa eenyu?

Ministirri Muummee Itoophiyaafi pireezidantiin Dhaaba biyya bulchuu, Paartii Badhaadhinaa, Abiy Ahimad ministiroota haaraa muudan.

Paarlaamaan Itoophiyaa har'a yaa'iisaa idilee 15ffaa wayita gaggeessaa jiru aanga'oota MM Abiy akka muudamaniif dhiyeessan raggaaseera.

Bu'uuruma kanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Amabaassaddara Itoophiyaa ta'uun waggootaaf tajaajilaa kan turan Ambaasaaddar Taayyee Asqesillaasee Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa ta'anii muudamaniiru.

Kana dura Obbo Dammaqaa Mokonniin aangoo Ministira Muummee Itti aanaafi Ministira Haajaa Alaa qabachuun waggootaaf tajajilaa turan.

Amma garuu aangoo lamaaniif ministriootni mata mataan muudamaniiruuf.

Obbo Tamasgeen Xiruunee ammoo Ministira Muummee Itti aanaa ta'uun muudamaniiru.

Obbo Xiruneen dhiyeenyatti hoggana dhaabbata tikaa Itoophiyaa, akkasumas Pireezidantii Naannoo Amaaraa ta'uun tajaajilaa turan.

Gama kaaniin Dr Maqdas Dhaabaa Ministira Fayyaa ta'uun bakka Dr Liyaa Taadessee buufamaniiru.

Ambaasaadar Reediwaan Huseen Daareektara Olaanaa Tajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo biyayaleessaa ta’un muudaman.

Ambaasadar Reedwaan Huseen eenyu?

Gorsaa Nageenyaa Biyyaleessaa Ministira Mummee Abiy kan turan Ambaasaadar Reediwaan Huseen Daareektara Olaanaa Tajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo biyayaleessaa ta’un muudaman.

Ambaasaadar Reediwaan bakka Obbo Tamasgeen Xiruunee bu’uudhaan dhaabbata tika biyyattii akka dursaniif kan mudaman har’a Ministira Mummee Abiyyiin.

Ambaasadar Reediwaan, marii nagaa waraanaa waggoota lamaaf naannoo Tigraayiitti gaggeeffame ture karaa nagaatiin furuudhaaf marii Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaatti taa’amee ture irratti mootummaa federaalaa bakka bu’uun kanneen maricharratti adda durummaan hirmaatan keessatti argamu.

Akkasums marii nagaa mootummaan federaalaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin Taanzaaniyaatti gaggeessee ture irrattis mootummaa bakka bu’uun hirmaachunsaanii ni yaadatama.

MM Abiy Ambaasaadar hara’ Guraandhala 8, 2024 Reediwaaniin alattis, Ti’iigis Haamiid Daareektara Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo taasifamuun muudamuu ibsi Waajira MM Abiyiin bahe himeera.

Ambaasaadar Huseen deetaa Ministira Dhimma Alaa dabalate waggoota darban keessa aangoowwan mootummaa adda addaa fi ittigaafatamummaa paartii biyya bulchu keessatti hojjetaa turaniiru.

Erga MM Abiy aangootti dhufuusaanii hordofuun walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Eritraa jidduu ture gara nagaatti wayita deebii’eetti, ergamaa addaa Itoophiyaa fi Ambaasaadara abbaa aangoo guutuu ta’uudhaan yeroo muraasaaf Asmaraatti tajaajilanii ture.

Ambaasaadar Reediwaan osoo Ertiraatti amabaasaadara ta’uun hin mudamiin duras Ayiirlaandiitti Ambaasaadar Itoophiyaa ta’uun isaanii ni yaadatama.

Kana malees Ministira Dhimmoota Kominikeshinii mootummaa akkasumas ministira dargaggoofi Ispoortii ta’udhaan tajaajilaniiru.

Ministirri Fayyaa haaraa Dr. Maqdas Dhaabaa eenyu?

Dr Maqdas Dhaabaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessatti gargaartuu daayirektara olaanaa dhaabbatichaa ta'uun tajaajilaa turan.

Dr Makdas ispeeshaalistii dahumsaafi gaayinakoolojistii ta'uun biyya keessattis tajaajilaa akka turan MM Abiy ibsaniiru.

Dr Maqdas Itoophiyaa keessatti ispeeshaalistii karoora maatiifi fayyaa walhormaataa isaan jalqabaa akka ta'an gabaafameera.

Ambaasaaddar Taayyee fi Dr Maqdas miseensa Paartii Badhaadhinaa ta'uu baataniyyuu muuxannoofi beekumsi isaanii biyya waan fayyaduuf muudamni kun akka kennameef MM Abiy ibsaniiru.

Finfinneetti dhalattee kan guddatte Dr. Maqdas Dhaabaa Fayisaa hakiima ulfaafi gadamaaseeti. Bara darebe ammoo qorannoo fayyaa keessatti taasisaniifi gumaacha godhaniif badhaasa dame dubartootaan wallaansa fayyaa ulfaatiifi gadameessaa idil-addunyaa mo’ataniiru.

Gargaartuu Piroofeesaraa kan ta’an Dr. Maqdas, A L I Fulbaana 2015 irraa kaasaanii hanga aangoo amma itti muudaman kanatti dhufanitti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waajira muummee Jenevitti argamu keessa hojjechaa akka turan fuula Linkdin isaaniirraa hubatameera.

Isaan dura ammoo Kollejjee Miliyiiniyeemii Phaawuloos keessatti A L I bara 2010 irraa kaasee pirofeesara gargaartuu ta’uun hojjetaa turan.

A L I Guraandhala 2012 irraa kaasee waggoota lama walitti anseensuun pirezidantii waldaa gadameessaafi hakiimota gadameessaa Itoophiyaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, bara 2014 hanga 2015tti ammoo daarektara olaantuu Wiirtuu Fayyaa Walhormaataafi Leenjii Idil-addunyaa ta’uun tajajailaniiru.

Yunivarsiitii Hawaasaa keessatti ammoo barsiistuufi kutaa barnoota ulfaafi gadameessaa keessa waggoota shaniif hojjetaniiru.

Dr. Maqdas Dhaabaa Yunivarsiitii Hawaasaarraa ogummaa fayyaan digirii jalqabaa kan baratan yoo ta’u, digirii lamaffaa ammoo fayyaa hawaasaa akka baratan mana-mareetiif kaadhamimatuu gochuun kan dhiyeessan MM Abiy Ahimad ibsaniiru.

Itti aansuun Yunivarsiitii Finfinneerraas hakiima ulfaafi gadameessaa barachuun eebbifamaniiru.

Ministara Haajaa Alaa kan ta'an Amb. Taayyeen eenyu?

Ambaasaadar Taayyee Atsiqasillaasee dippilomaatoota muxannoo waggaa dheeraa qabaniifi ammaan tana hojiirratti argaman keessaa dursaan kan eergamaniidha.

Waggoota soddomaa oliif walitti dhufeenya iddil-addunyaafi damee dippilomaasiitiin biyyasaanii kan tajaajilan Ambaasaadar Taayyee Atsiqasillaalee, ministira dhimma alaatti, biyyoota garaa garaatti, akkasumas Biyyoota Gamtooman (UN) keessa tajaajilaniiru.,

Ambaasaadar Taayyeen gama barnootaatiin Yunivarsitii Finifinneerraa Saayinsii Siyaasaafi Quunnamtii Idil-addunyaatiin diigrii jalqabaa kan argatan yoo ta’u, biyya Ingiliizii Yunivarsitii Laankaasarirraa ammoo diigrii qorannoowwan lammataasaanii quunnamtii idil-addunyaafi tarsiimootiin argataniiru.

Gorsaa Imaammata Dhimma Alaa Ministira Mummee ta’uun hojjataa kan turan Amabaasaadar Taayyeen, daareektara olaanaa dhimmoota Ameerikaatii hanga ittaanaa ministeerummaatiin tajaajilanii jiru.

Kana malees, Biyyoota Gamtoomaniitti ergamaa dhaabbataa Itoophiyaa, waggoota lamaaf ammoo sababii Hidha Haaromsa Guddichaatiin biyya Itoophiyaa waliin barootaaf falmii keessatti argamtu Masriitti amabaasaadara ta’uun hojjataniiru.

Ameerikaa bakka waggoota dheeraadhaaf dippilomaatii ta’uun itti tajaajilanitti ammoo Biyyoota Gamtoomaniin alatti, Loosaanjalasiitti Qontsilaa olaanaa, Waashingitaniitti ammoo Ambaasaadara Ittaanaa Imbaasii Itoophiyaa akkasumas Siwuudiin Istookhooliitti ammoo qontsiilaa ta’uun tajaajilaniiru.

Dippilomaatiin kun dabaltaan, waltajjiiwwan idil-addunyaa garaagaraa irratti biyyasaanii bakka bu’uudhaan hirmaachuudhaan dippilomaatii muxannoo baroota dheeraa qabaniidha.

Ambaasaadar Taayyee Atsiqasillaaleen waggoota shanan darban keessa, keessattuu dhimma Hidha Haroomsa Guddiichaatiin wal qabateen, yeroo Itoophiyaa Masrii waliin falmii keessa seentetti, akkasumsa tibba waraana Tigraayiitti dhimmichi wayita Mana-maree Nageenya Biyyoota Gamtoomaniitti dhiyaateetti dippilomaatiin fulduratti bahuun mul’ataniidha.

Qondaala tikaa duraanii, Tamasgeen Xiruneeh

Obbo Tamasgeen Xiruneeh naannoo Amaaraa godina Gojjam Biichanaatti akka dhalatan MM Abiy muudamaaf yoo dhiyeessan himaniiru.

Obbo Tamasgeen barnoota saayinsii koompiitaraan digirii jalqabaa, barnoota bulchiinsaafi hooggansaan ammoo digirii lammaffaa qabu.

Obbo Tamasgeen gaafatamni mootummaa keessatti qaban loltummaafi tika wajjin walqabata.

Qondaalli mootummaa kun MM Abiy waliin Ejensii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa warra hundeessan keessayi. Wal beekumsiifi michuummaan MM Abiy waliin qabanis achii eegala. Obbo Tamasgeen Ejeensicha hanga sadarkaa daayireektarummaatti hoggananiiru.

Naannoo Amaaraa keessatti gorsaa nageenyaa pireezidentii naannichaa ta'uurraa hanga pireezidantummaatti tajaajilaniiru. Komishinara Poolisii naannichaa fi bulchaa godina Gojjama Bahaas turan.

Pireezidantii naannichaa ta'uun aangoorra kan tran yeroo wagga lama gadi ta'uuf ture. Haata'u male, waqtiin sun tibba waraanni Tigraay gaggeefamaa ture yoo ta'u, achii booda gara aangoo Daayireektara Olaanaa waajira Tikaa Itoophiyaa ta'uun muudaman.

Obbo Tamasgeen Xiruneeh waliigaltee Piriitooriyaa waraana Tigraay goolabe keessatti gama mootummaan qondaaltota torba marii nagaarratti himaatan keessaa tokko turan.

Walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatti gaggeefamaa jiru to'achuuf komaand poostii gidduugala ajajaa afur qabu kan sadarkaa federaalaatti hundeeffame walitti qabus Obbo Tamasgeenidha.

Obbo Dammaqaa Mokonniin torban darbe aangoo Paartii Badhaadhinaa keessaa qabanirraa bu'anii ammoo, Obbo Tamasgeen Pireezidantii Itti aanaa dhaabichaa ta'uun filatamaniiru.