Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teeknoloojii haaraa dhukkubbii yeroo laguu hir'isuuf qophaa'e
Poolaa Fisheer waa’ee uffannaa teeknolojii dhukkubbii yeroo laguutti uumamu hir’isuuf fayyadu jedhu yemmuu dubbiste, dubartiin ganna 33 kun “baayyee gamadde," jetti.
Akkuma dubartoota hedduu, Poolanos yeroo laguun itti dhufutti dhukkubbiin jiru baayyee cimaa waan ta’eef qoricha liqimsuurra filannoo barbaadaa turte.
“Yeroo laguun natti dhufutti ol ka’ee hojiikoo hojjechuu hin danda’u,” jetti Poolaan, kan Hangarii, magaalaa Budapeeshti keessa jiraattu.
“Kun waan hundakoo miidha – amalakoo, hamileekoo, dandeetti hojjechuukoo.”
Waggaa lama dura, uffata teeknolojii dhukkubbi yeroo laguu hir’isuuf dhaabbata Hangarii, Alpha Femtech jedhamuun qophaa’aa jiru yaaluuf, namoota hirmaatan keessaa tokko ta’uun hirmaatte turte.
Uffannaan teeknolojii Artemis jedhamu kun yeroo jalqabaaf gabaa UK fi Gamtaa Awurooppaa keessatti bara kana ni dhiyaata.
Uffatni kun wantoota ho’a maddisiisanii fi tens (elektirkii narvii kakaasuu) irraa kan hojjetamedha.
Tens kun mallattoon dhukkubbii akka sammuu bira hin geenye kan dhorkudha jedhama.
Wantoonni ho’a maddisiisan ammo maashaa gaddameessaa fi naannoo isaa jiran akka laafan ykn akka walitti hin kottoonfanne taasisu.
Uffata kanaaf annisaa kennuuf, fayyadamtoonni baatirii fi maashinii tens kiisii uffaticha keessa ka’uu ykn itti maxxansuu danda’u.
Sana booda meeshaan kun bilutuuzii (bluetooth) fayyadamuun appii bilbila fayyadamaa irra jiruu waliin wal qabsiisuun, akka isaan hanga ho’aa fi elektirisitii isaa to’achuu danda’an taasisa.
Poolaan akka jettutti, uffata kana yeroo yaalii sanatti yemmuu uffatte, laguun ishee “ wanta haaraa” dhukkubbii tiqqaa fi homaa hin qabne ture.
Uffatni kun kan oomishame hundeessituu Alpha Femtech, Aanaa Zisofiyaa Kormos jedhamtuunidha. Aanaan teeknolojii uffatamuu danda’u, xiyyeeffannoo fayyaa laguu irratti gochuun doktireetii ishee argatteetti.
Waayilli ishee, Dooraa Pelser, ammo maarkeeting irratti kan hojjettudha.
“Meeshaa fayyadamtootaaf malu oomishuuf, amala laguu isaanii irratti dubartoota 350 ta’an waliin haasofneerra,” jetti Dooraan.
Dabaluunis, ishee fi Aanaan uffata teeknolojii gatii doolara 140 ta’e kana yeroo uuman, meeshaa meedikaalaa caalaa mi’a faashinii akka fakkaatuu akka fedhan himteetti.
Rebeekaa Poowdirlii dhukkubbii yeroo laguu qofa osoo hin taanee, dhibee fayyaa endometriosis jedhamuun hubamteetti.
Dhibeen kun kan uumamu yeroo tishuun gadameessa keessa jiru qaama keessatti bakka biraa, kan akka ovaarii fi hadhooftuu keessatti uumamuun, madaa’ee dhukkubbii guddaa uuma.
Dhukkubbii ishee kana damdamachuuf, Rebeekaan bishaan ho’aa qodaatti baattattee naannofti ture.
Erga Fulbaanaa garuu, shamarreen ganna 28 Rebekaan, bishaan ho‘aa kana dhiistee, teeknolojii uffatamu biraa dhukkubbii laguu hir’isu fayyadamuu eegalte.
Teeknoliin dhukkubbii laguu hir’isuuf fayyadu Rebeekaan fayyadamtu kun Myoovi jedhama.
Onkololeessa 2021 keessa kan gabaaf dhiyaate yoo ta’u, doolara 75’n gurgurama. Gatii kanaan diskii tokkoo fi mi’a qaamatti maxxanu lama argama.
Meeshaa kana fayyadamtoonni handhuura isaanii gadhitti ykn dugda isaanii gara gadhiitti maxxansuun fayyadamu.
Mi’i kun kan oomishame dhaabbata Maanchistaritti argamu Myoovi jedhamunidha.
Hogganaan dhaabbaticha, Dr Adam Hamdii, yaada Meesha kana uumuu kan argate, erga yeroo hospitaala keessa hojjetutti bu’aa maashinii tens erga argee boodadha.
Oggeettiin fayyaa fi sirna hormaataa dubartoota Dr Keeran Morton, maashiniin tens akkamiin akka hojjetu ibsiteetti.
“Meeshaan kun dugugguruu (spinal cord) gubbaa bakka dhukkubiin itti uumamu irratti kaka’umsa uumuun, daandii itti dhukkubiin gara sammuutti deemu danqu,” jetti. “Ho’is wanta wal fakkaataa hojjechuu danda’a.”
Ta’us garuu, dubartoonni dhukkubbii laguu hamaan hubaman dursanii wal’aansaa ykn qorannoo meedikaalaa argachuu akka qaban cimsitee gorsiteetti.