'Laguunkoo kan harmeekoo waggaa 25n dursee narraa bade'

Isin osoo umurii ganna kudha wayii ykn 20’n keessaa jirtanuu, yoo laguun keessan bade ykn menopause seentanii maal gootu? Tarii yaaduun cimaa ta'uu mala.

Eemaa, Soo-Miyaat fi Elsipeet kan mudatees dhimmuma kana fakkaatuudha.

Isaanis jireenyi umuurii dardarummaa isaanii akkasi ta'a jedhanii gonkumaa hin yaadne ture.

Shamarran kunneenis umurii ijoolummaasiin laguun dhaabbachuu, kan dubartoota tokko tokko mudatu akka isaan mudate itti himame.

Sababii dhimma baayye waa'een isaa hin dubatamne ta'eef, ijoollummaan laguun baduuf saaxilamuun qofummaan akka jiraataniif isaan saaxile.

Menopause yon laguun dhaabbachuun taatee umamaan dubartoota naannoo umurii ganna 51 irratti mudatuudha.

Kun umuriin daa’ima godhachuu dhumee, daandii jireenyaa haaraatti seenamuu isaa kan mul’isudha.

Haata'u malee Eemaa Deelaane umurii waggaa 25tti kan oggeessonni fayyaa akka laguunshee dhaabbate bara 2013tti itti himan.

Isheenis kun wayita itti himameetti bakka teessuu ka'uu dadhabde.

Oduu kana dhagahuun dura mala qoricha ulfa ittisuutti fayyadamaa turte.

Kanaan wal qabtees laguun ji'aa ishee adda citee ture.

“Maal jedhee akkan deebii kennu hin beekuun ture. Hakimiin koo daa’ima godhachuu akkan hin dandeenye natti hime. Innis akka waan furtuun na jalaa badeetti natti dhagahame ture,” jetti.

Eemaan dubartoota dhukkubsa gadaameessaa sadarkaa tokkooffaa (Primary Ovarian Insufficiency (POI)) kanneen qabaman keessaa tokko.

Innis kan dubartoota umurii ganna 40 duratti laguun irraa bade mudatu jechuudha.

Sababiin isaa hin beekamu. UK'tti dubartoota 100 keessa tokko dhibee POI kanaan akka qabaman ragaan kan mul'ise yoo ta'u, ogeessonni lakkoofsi kun kanarra guddachuu mala jedhu.

Rakkoon kun dubartoota hedduu kan mudatu ta'ulleen waa'eensaa hin dubbatamu.

“Waa’ee shamarran umurii gadaanaa irratti argaman irratti laguun baduu ilaalchisee mariin ga’aan hin jiru. Yeroo hedduu wa’ee laguun baduu kana yaadnu, kan baramee dubartoota maanguddoo, harrii qabanidha. Kun dhimmicha wanta ibsu miti,” jedhu oggeettiin fayyaa NHS fi TikTok irratti waa'ee dhimma kanaa dubbachun kan beekaman, Dr Nighaat Ariif.

Dubartoota akka Eemaa ta’an tokko tokkoof, maaliif gadameessi isaanii akka hojjechuu dhaabu ifa miti.

Ta’us garuu POI sababa dhibee akka sirni ittisa qaamaa akka deebi’ee qaama hubu godhu, rakkina chiromozomii, ykn ammoo wal’aansa baqaqsanii gadameessa ykn ovaarii irratti gaggeefamuun uumamuu danda’a. 

Eemaan eegeree isheef karoorri daa’imman godhachuuf qabdu turte jalaa fudhatameera.

Rakkoon fayyaa ishee qunnnamaa turan tokko tokko sababa menopoosiin akka ta’e hin barre turte. 

Dabalataan ammoo, harmeen ishee yeroo sanatti umurii ganna 40’n ishee keessa turte, yeroos menopoos irra kan hin geenye ta’uun ishee xiinsammuu Eemaa miidhee ture.

Ji’oota muraasa keessatti Eemaan qoricha Hormonii bakka bu'u HRT jedhamu fudhachuu eegalteetti.

Barattuu giraafik dizaayinii, Soyii-Miyaat Noof, menopoos kan dhufe haala hin eegamneen sababa miidha wal’aansa dhibee kaansariin ture.

Jalqaba waggaa kanaatti, umurii ganna 23’tti kaansarii xeeriitiin hubamte.

Wal’aansi Raadiyeeshinii gaggeefamaafi ture ovaarii ishee balleesse ture, ta’us garuu yeroo sanatti kun maal jechuu akka ta’e hin barre turte.

“Ogeessoti fayyaa xiyyeeffannoon isaanii ijoo kaansariikoo wal’aanuu ture… eenyuyyu waa’ee menopoos wanta natti himan natti hin fakkaatu,” jetti.

Dr Nighaat wa’ee menopoos irratti oggessota fayyaa birratti “hubannaan dabalataa” akka jiraachuu qabuu fi dubartoonni hundi dhimma kana irratti “loogii” jiru akka hambisaniif gaafatteetti. 

Mallattolee dhibee POI irratti hubannoon jiru dabalaa wan dhufeen dubartoonni dabalataan rakkoo isaanii baranii akka wal’aanaman kan himtu Dr Nighaat, ta’us garuu ammayyu dhibee kana adda baasuuf yeroo akka fudhatu himteetti.

Dhibeen POI ammo yoo hin wal’aanamiin hafe, rakkoo yeroo dheeraaf lafee, onnee fi xiinsammuu dubartootaa miidhu fidu danda’a.

Elsipeet Wiilson, umurii ganna 23, POI qabaachuu ishee kan barte shamarree ganna 15 qofa osoo taatee jirtuudha. Kun ammo jireenya hariiroo jaalalaa ishee irratti rakkoo saal qunnamtii uumeera.

“Nama tokko waliin hiriyyummaa keessa taatee, jaalalekee ibsuufi yaaluun cimaadha. Ta’us garuu qaamnikee sanaan walii hin galu, wantoonni tokko tokkos kan sitti hin tolle ta’u,” jetti.

“Kan na aarsu oggeessoti fayyaa dhibee kanaa waliin rakkoon akkanaa akka uumamu natti hin himne.” 

Soyii-Miyaat, intarneeta irratti gartuu shammaroota sababa kansariin menopoos keessatti seenani keessa jirti. Gartuu sana keessattis “Dhageetti qaba” jetti.

Kun wanta Eemaanis, yeroo booda bartedha.

Waggootii dheeraaf dhukkubbii dhibee isheetii kan dhoksitee jiraachaa turte Eemaan, boodarra waa’ee wanta keessa jirtu ifatti odeessuu eegalte.

“Dhibeenkoo wanta fe’e yoo ta’eyyu… ani ammayyu anumadha.. ani dhibeekoorran caala… Kanadha wanti guddaan baratamu.”