Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr. Daraartuu Nagaash: Ogeettii Fayyaa shamarran sababa laguutiin barumsarraa akka hin hafneef dhama'aa jirtu
Dr. Daraartuu Nagaash yunvaarsiitii Salaaleetti Barsiistuu Fayyaa yoo ta’an, Hospitaala ispeeshalaayizdii Yunvarsiitii Salaaleetti ammoo hakiima waliigalaati.
Bara darbe daawwannaan manneen barnootaa naannoo isaaniitti taasisan hojii amma jalqaban kanaaf ka’umsa akka ta’eef dubbatu.
“Bara darbe manneen barnootaa muraasa deemeen ilaale. Barattoonni shamarran barnoota irraa ni hafu. Keessumaa baadiyyaatti sababni shamarran barnootarraa ittiin hafan hedduudha. Sana dura shamarran yeroo waan laguu ittiin eeggatan (Moodasii) argachuu dhaban rakkoodha jedhee yaadee hin beeku ture,” jechuun hubannoo duraan qabdu ibsiti.
“Manneen barnootaa irra deemetti barattoota shamarraniin haasofsiise. Yeroo baratan waa’ee laguu sirnaan hin baratan, akka qaaniitti akka ilaalan natti himan. Barsiisonnis irra butaniituma irra darbu malee sirnaan akka hin baarsiisnen bare,” jedhu Dr. Daraartuun.
Baadiyyaatti ijoolleen shamarranii yeroo laguun itti dhufu maatii isaaniittis iftoominaan himanii moodeesiin akka hin bitanne, hanqinni humna ji’a ji’aan bitachuus rakkoo biraa ta’uus himu.
“Shamarran maal fayyaadamtu jedhee gaafadhee, kaan carqii akka fayyadaman, kaan ammoo kaboota, kaan ammoo dhiigni laguu akka irraa hin mul’anneef daaraafaa akka fayyadaman natti himan. Kaan ammoo butaantaayyuu akka hin qabne himu. Gaafan kana dhagahun maal gochuun qaba jedhee yaade,” jedhan.
Barattoonni shamarran sababa yeroo laguun isaanii itti dhufu waan qulqullina isaanii ittiin eegan kana hin qabneef jecha guyyoota afurii hanga kudhanii barnoota isaaniirraa hafanii manatti akka dabarsanis barsiisotarraa hubachuu himu.
Rakkoo barattoota shamarranii miidhaa jiru kana furuufis Yunvarsiitii Salaalee akkasumas hirriyoota isaanii waliin ta’uun akkaataa rakkoo barattootaa kana furuun danda’amu irratti hojjechuu eegaluus dubbaatu.
“Yunvarsiitii keenya akkasumas dhaabbaata miti mootummaas qindeessinee barattoota shamarraniitiif akkaataa meeshaan qulqullinaa kun dhihaaturratti hojjenne. Kanaanis Shawaa Kaabaatti manneen barnootaa 18 keessatti barattoota shamarraniitiif meeshaa qulqullinaa waggaa lamaaf gahu dhiheessineerra,” jedhan.
Ji’a sadiin dura guyyaa dhalootaa isaanii sababeeffachuun namoonni kennaa isaaniif kennuu barbaadan meeshaa qulqullinaa shamarranii kanaan akka bakka buusaniif gochuun gargaarsa manneen barnootaa shaniif ta’u waliti qabus himu.
“Guyyaa dhalootaa kiyya sababeeffachuun namoonni kennaa naaf kennuu yaaddan waan rakkoo barattoota shamarranii kana furuun bakka buusaa naaf kennaa jedheen karaa miidiyaa haawaasuma hime. Namoonni hedduun biyya keessaa fi alaas akka gaariitti naaf gumaachan,” jedhu Dr. Daraartuun.
Kanaanis barattoota shamarranii 467 ta’aniif paantii fi moodasii waggaa lamaaf isaan tajaajiluu danda’u dhiheessuufii himan.
Rakkoo ilaalchaa barattoonni shamarrannii yeroo laguun itti dhufu isaan mudatu furuu fi laguun kennaa uumamaa malee waan nama qaanessu akka hin taane barsiisuuf manneen barnootaa irraa deemuun hubannoo kennaa jiraachuu fi kilaboota dubartootaa manneen barnootaa keessatti hundeessaa jiraachuus eeran.
Barattoonni shamarranni akkuma yeroo dabtaraa fi qopheen jalaa dhumu bilisummaadhaan akka bitamuuf maatii gaafatan yeroo laguun isaanii dhufus meeshaa qulqulinaa kana akka bitamuuf maatii isaanii gaafachuuf akka hin qaanofne barsiisaas jiru.
Godina Shawaa Kaabaatti manneen barnootaa 18 keessatti barattoota shamarraniitiif meeshaa qulqulinaa dhiheessuun kun milkaa’ina gaarii waan fideef duula kana ammalleen cimasnii akka itti fufanis dubbatu Dr. Daraartuun.
“Amma kan kana duraa caalaa bal’isnee irratti hojjechaa jirra. Nama hedduu bira geenyee gaafannee fedhiin gargaaruus bareeda. Miidiyaa hawaasummaa irratti amma duularra jirra. Gagargaarsa gaarii walitti qabnee rakkoo shamarran karaa kanaan mudatu hamma dhaabbatutti hunda bira gahuuf hojjenna,” jedhan.
Furmaata waaraatiif ammoo shamarran akkaataa itti ofumasaanii moodasii omishuu danda’anii fi moodasii miicamee deebisamee fayyadamu salphaatti argachuu akka danda’aniif haala mijeessaa jiraachuus eeran.