'Dhibeen baayyee hin beekamne na qabe, maqaas hin qabu'

Shamarree ol adeemtu kan turte Deebiyi Shuwaartiz hakiimni ‘‘dhibeen kee hundi sammuu keessa jira'' wayita jedhuun baayyee rifatte.

Duraan barsiistuu kan turte dubartiin ganna 47 Deebiyin akkas jette: ‘‘waan baayyee na dhiphise ture, abdiin kutadhe, qophummaatu natti dhaga‘ame akkasuma nan qaanfadhe'' jette.

Deebiyiin dhibee namoota hedduurratti hin mul’annee fi baayyee hin beekamne dhukkubsatti.

Ogeeyyiin fayyaa dhibicha adda baasuu hin dandeenye-Deebiyiin namoota kumaatamaan lakkaa’aman waa’ee dhibeesaanii deebii barbaadan keessaa tokkodha.

Maatiin Deebiyi intalli isaanii tokkittin dhukkubsachuutti yaadda’an rakkoon fayyaa ishee akka furamu dhama’aniiru.

‘‘Maatii koo akkan gaddisiiseetti(boqu gadi cabseetti natti dhaga’ama,‘‘ jette.

‘‘Hospitaala Niwukaastilii fi Landanitti na deddeebisaa turan,’’

‘’Wayita umriin koo ganna 11 ture qorannoon dhibee koo adda baasuuf gaggeeffamaa ture, maalummaa dhibee kootii hin agarsiisu, maatiin koo kana dhaga’aa turan, hakiimonni qorannoo baayyee gaggeessaniillee dogoggoraniiru,’’jetti.

Yeroo dargagummaatti ce’uutti dhiyaattu agartuun ishee, dubbiin ishee, dandeettiin dhaga’uu fi dandeettiin bakkaa bakkatti socho’uu ishee jeeqamaa adeeme.

Deebiyin akka jettutti, ogeeyyiin fayyaa garuu waa’ee fayyaa isheef xiyyeeffannoo gahaa hin kennin hafan.

Taatullee otoodhuma dhukasattuu Landanitti Baayokeemsitriidhaan digrii jalqabaatiin eebbifamtee basiistuu saayinsii taate.

Deebiyiin bara 2,000 erga kuftee booda ji’oota kudhaniif hospitaala turte, deemuu hin dandeessu ykn hojii hojjachuu hin dandeenye.

‘’Sana booda azmaa ykn xiixaa qabaachuun ishee murtaa’uun, doktoorota gara gara biratti qoratame,’’ jette.

‘’ Hakiimoonni rakkina mudate adda baasu dadhabnaan, waa hunda dhiphana ykn mukaa’uudhaan walqabsiisan,’’jetti.

Rakkoon ishee mudate akka hin jirre ogeeyyiin itti himanillee, fayyaan koo jeeqamu ittuma fufe jette.

‘’Milkiin dhabe jedheen yaade ture jette. Bara 2005 garuu hanga tokko dhibeen Deebiyi adda baafameera.

Ogeeyyiin fayyaa dhibeen ishee dhibee maayitookondoriyaan kan walqabatu ta’uu adda baasan- Dhibeen kun rakkoo qaama seeliirratti mudatuun walqabata.

Sana booda Deebiyin ‘’rakkoowwan fayyaa baayyee baratamoo hin taane’’ sadii qabaachuun ishee barame.

Rakkoowwaan fayyaa kunneen ;rakkoo niwuroolojiin, rakkoon fayyaa biraa kan madinummaa walqabatu fi deemsa dadhabuu ykn ‘dystonia’ jedhamu.

Deebiyin gurrraanillee hin dhageessu, agartuun ishee miidhameera hanga tokko malee hin argitu, madaala qaama ishee eeguuf eeguuf ni rakkatti, harkaa fi jilba ishee jala ni hadooda, akkasuma sochiif deeggarsa nama ishee gargaaru barbaaddi.

Deebiyin waanti caalatti dheekkamsisu yoo jiraate, haalli dhibee ishee walqabataa ta’us adda addatti qoodamee ilaalamu isaaniti.

Dhibee baayyee hin beekamne akkasitiin kan rakkatu Deebiyi qofa miti , dhukkubsattonni biroos jiru, kanaaf jecha giddugaleessi ispeeshalistii UK keessatti hundaa’e.

Dhibee akkasii kun waliigalatti namoota kumaataman lakkaa’aman miidhe.

Deebiyin haala fayyaa ishee ispeeshalistota hedduutu to’ata.

Amma waggaa 35’f rakkoo fayyaa kana keessa erga turtee booda qorannoo dhibee ishee adda baasu tokkicha, kan lubbuu ishee tursiisuu danda’u argachuu akka dandeessu abdatti.

‘’Gartuun hakimoota ogummaa gargara baratan rakkoo dhibee gara garaa qabdi jechuurra rakkoo fayyaa hundaaf ka’umsa ta’e adda baasu jedheen abdadha,’’ jette.

Daa’immaan 6,000tti dhiyaatan waggaa waggaatti dhibeewwan maalummaan isaanii baayyee hin beekamne waliin dhalatu-biyya UK keessatti namoonni 350,000 ta’an dhibeewwan hedduu baratamoo hin taane walin jiraatu.

Ogeeyyiin akka himanitti, dhibeewwan baayyee hin beekamne 8,000 ol jiraachuu fi dhibeewwan kana keessaa %50’n daa’imman kan miidhu yoo ta’u, daa’immaan dhibee kanaan miidhaman harki sadii keessaa tokko otoo umriin isaanii ganna shani hin guutiin du’u jedhan ogeeyyiin.

DR Girihaam Shoortlaand hogganaa kilinkilii haaraa UKtti hundaa'eti.

Dhibeewwan maalummaan isaanii sirriitti hin baramne rakkoo fayyaa cimaa hordofiisu jedhan.