Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoota umurii laguun dhaabbatu irratti jijjirama attamiitu madata?
“Sababii tokko malee miirri addaa natti dhagaʼamuu jalqabe. Onneen koos akka tasaa na nawwachuu eegalte. Nan booʼe, siriiyyuu waanan maraadhu natti fakkaatee ture,” jetti Aaddee Adii Guyyoo.
“Halkan hirriba hin qabun ture, fedhii nyaataas hin qabu, qaamni na ho’e, dafqi akka bishaanii narra yaa’a, ittaansee ammoo qorri natti dhagaʼama’’ jechuun yeroo laguun ishee badutti waan itti dhagahame BBCtti himte.
Hospitaala garagaraa deemuun qorannoon taasifamuuf kamuu dhukkuba akka hin qabne argisiise.
“Doktaroota jibbuun eegale, isaanis baratanii akkamiin wa’ee na dhukkuba kana arguu hin dandeenne, isaanuu ommaa hin beekan jedhee harka doktaroota hedduu gale.”
“Gama hospitaalaatiin ergan abdii kuteen booda, karaa amantiitin fala barbaacha eegale,’’ jechuun rakkoo sababii umurii laguun itti baduutti (menopause) ishee mudate dubbatti Aade Adiin.
Achiin booda, qorichawwan biqiltuurraa hojjetamaniifi aadaarratti hundaa’an kennaman fayyadamuu eegalte. Garuu hin wayyoofne jetti.
Aadde Adiin rakkoonsaanii baramuu dhabuu fi yeroo hunda dhukkubsachuun maatii rakkiseera yaada jedhu irra kan ka’es dhiphina sammuu cimaa keessa galte.
‘‘Qoricha dhiphina sammuufi, kan hirriba cimaa nama qabsiisuu fayyadameera. Amma akka hin fayyine arge, ijoolleekoo maatiitti dhaammadhe,” jedhu abdii kutannaa keessa galtee ture yoo yaadattu.
Booda keessa garuu waan Aadde Adiin keessa darbaa jirtu kun dhibee osoo hin taane waan umurii laguun itti dhaabbatu keessa seente ta’uu oggeettiin fayyaa dhimma kanarratti muuxannoo bara dheeraa qabdu tokko itti himte.
Aadde Adii Guyyoo dubartii umurii ganna 50, waggoota lama ol rakkoo kanaan miidhamaa turte, “Utuu abbaan warraakoo obsa qabaachuu baatee, duri addaan baanee turre. Sababnisaa, amallikoo salphaatti jijjiirama, rakkookoo naaf hin beektan jedheen booʼaa ture.’’
Rakkoon dhaabachuu laguutin walqabatee dubartoota mudatu kunis Aadde Adii qofa osoo hin taane umurii sanatti dubartoota dhibbeentaa 90 akka mudatu himu ogeessonni.
Tibbana Giifti-dureen duraanii Ameerikaa Miishel Obaamaa rakkoowwan laguun dhaabachuun walqabatee ishee mudate ilaalchisuun miidyaa irratti dubbattee turte.
Miishel kan umriinshee ganna 58, sababa kanaaf taateewwan akka hoʼuu qaamaa, furdachuu fi dafqi ishee mudachuu ibsite.
Kana horodfes, wallaansa bakka buusuu hormoonii fayyamdamuu himte. Yaalliin kun, sadarkaa hormoonii iddootti deebisuuf dubartoonni umurii laguun dhaabate irra jiran fayyadaman.
Akka Gifti-dureen waraabbii afi-gaaffii intarneetii irraatti maxxanfame (podcast) ishee keessatti jettetti namoonni baay’een rakkoo kana irratti dubachuu dhabuu isaaniitiin dhimma kanarratti odeeffannoo gahaa argachuun rakkisaa ta’e jedhan.
“Rakkoowwan laguun dhaabachuu irra odeeffannoon gahaan hin jiru. Anis sadarkaa kana irran jira, hiriyoonnikoos akkasumas rakkoon kun mudataa jira. Garuu wanti irra baratan hin jiru,” jedhan.
Laguun dhaabachuun maalidha?
Wantoonni dubatrii tokko umurii laguun itti dhaabbaturratti mudatus, jijjiirama umamaan ta’udha. Kana boodas ammoo umurii itti daa’ima godhachuu dandeessuu keessaa baatee jirti jedhuudha.
Akka ogeessonni fayyaa jedhanitti, laguun dubartii tokkoo dhaabateera kan jedhamu, dubartiin tokko walitti aansuun yoo jiʼa 12’f laguu osoo hin argin turtedha.
Miirri kunis dubartoota hedduurratti mulʼachuu kan jalqabu waggaa 40 irraa kaasee yoo taʼu, dubartoota kaanirratti ammoo hamma umurii waggaa 60tti osoo hin mulʼatin turuu dandaʼa jedha piroofeesari Guyyoo Jaldeessaa, kan waggoota 37 oliif ogeessa fayyaa dubartotaarra hojjate.
Sadarka kanarrattis, jijjiramni qaamaa, miiraafi jireenya dubartootaa irratti mu’latu baay’ee yaaddessaadhsa jedha.
Dubartiin laguu ji'aashee arguuun dhaabbachuun, adeemsa Baayoloojii qaama umamaati. Garuu ammoo mallattoolee qaamaafi miiraa umurii sanatti mudatan dhiibbaa cimaa irraan geessisuu akka danda’u ibsa Pirof. Guyyoo Jaldeessaa.
“Gaafa ovaariin hojii hojachuu dadhabu, killee oomishuu qofa osoo hin taane, hormonii dhiigatti makamuti xiqqaata.”
Hormooniin haala hin baramneen madduunsaa, dubartiin tokko akka dhiphattu, miirrishee akka jijijjiiramu, wanta tokkorratti xiyyeeffachuufi salphaatti waa yaadachuu akka dadhabdu gochuu dandaʼa jedhu.
Maalfaatu laguuun dhaabachuu argiisa?
Akka piroofeesar Guyyoon himutti, yeroo baayʼee dubartii tokkotti laguun dhufuu kan dhiisu suuta suutaanidha.
“Hormooniin haala barameen madduu waan dhiisuuf, dubartiin tokko laguun utuu isheetti hin dhufin turuu, yeroosaa malee itti dhufuu, ykn dhiigni baayʼeen ishee dhangalaʼuu dandaʼa.”
Dubartoota tokko tokko ammoo laguun ji'aasaanii akka tasaatti dhaabachuu dandaʼa.
“Qaama saalaarrattis jijjiramni kan mudatu yoo ta'u, qaamaa fi lafeenis ni lallaafa. Kanaaf, akka tasaa yoo kufan akka salphaatti cabuu danda’an'' jedhan.
Mallattowwan mulʼatan kunneenis hirriba nama dhowwuu fi humna nama buusuun, dhibee onneetiif illeen haala salphaatti saaxilamuu danda'u.
Dubartoonni rakkoon kunnin mudatu yoo hospitaala deeman, mallattowwan dhukkuba biraa waan fakkaatuuf, taayifooyidii jedhanii qoricha itti kennan jedha.
Dubatoota tokko tokko irratti, mallattoowwan kun waggoota hedduuf kan mulʼatan siʼa taʼu, baayʼee muraasa kan taʼan immoo jireenyasaanii guutuu keessatti darbee darbee hoʼi qaamaa fi dafqi akka isaan mudatu ibsa oggeessi fayyaa kun.
Rakkina kana akkamiin hir’isuu danda’an?
Rakkoo umamaan dubartoota umuriin lafa bulan mudatu kana hir'isuuf, wal’aansi bu’a qabeessa ta’e hedduuti jira.
Akkaataa jireenyaa ofiirratti jijjiirama gochuun dabalatee qorichaa fi wal’aansi hormoonii jira.
Piroofeesar Guyyoon yeroo dheeraaf dubartoota rakkoo kanaan saaxilaman wal’aanaa jira.
Wal’aansi adda addaa jiraatus, qorichi hormoonii bakka buusu hin gorfamu jedha. Akka qorannoon bara 2001tti geggeeffame tokkotti, dubartoonni qoricha istroojiinii fayyadaman kaansarii harmaafi marummaaniif saaxilamuu ibse.
Haata’u malee, bakka qorichi istroojiinii soorata akka ataraa (Soya beans) ykn boloqqee irra hojatamu baay’ee bu’a qabeesadha jedhu.
Qoricha malee akkaataa jireenyaa ofiirratti jijjiirama gochuun rakkina umammaan dhufu kana hir’isuun ni danda'ama.
“Dubartoonni tamboo xuuxan, tamboo dhaabuudhaan hoʼa qaamaafi dafqa isaan mudatu hirʼisuu ni dandaʼu. Nyaataafi dhugaatii hoʼi qaamaafi dafqi akka namatti baay'atu gochuu dandaʼan, kanneen akka dhugaatii alkoolii, kaafeeyinii, nyaata mi'aassituufi sukkaara hedduu qaban dhiisuu ykn hirʼisuun faayidaa jijjirama ofirratti argataniiru,” jedha.
Akkasumas nyaata gaʼaa fi madaalamaa taʼe nyaachuun barbaachisaadha.
Sochii qaamaa gochuunis rakkoowwan kana hirʼisuurratti gaʼee guddaa qaba. Fakkeenyaaf, rakkina hirribaa hirʼisuu, miirri gaariin akka namatti dhagaʼamu gochuu, jabina lafeefi guutummaa fayyaa qaamaarratti jijjiirama guddaa fiduu ni dandaʼa.
Aaddee Adii Guyyoo amma rakkoosaanii baruun, nyaata madaalamaa, ataraa fi wantoota ogeessii itti hime fayyadamaa akka jiran dubbattu.
Isaanis guutummaatti fayyuu baatanis, madda rakkoo fayyaa saanii baruun, sammuusaanii boqochiiseera. Dabalataanis, geggeessaa ogeessa waan qabdaniifu fooyyee akka argatan abdatu.