Gareen hidhattoota Raashiyaa, Waagnar, waraana Sudaan keessaa harka qabaa?

Gareen hidhattoota Raashiyaa Waagnar jedhamu Sudaan wajjin walitti dhufeenya daldalaafi waraanaa erga uumee bubbuleera jedhamee odeeffama.
Waraana amma Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru keessayis harka qaba jedhamus, gareen Waagnar garuu kana ni haala.
Hundeessaa garee Waagnarfi michuu Puutin kan ta'e Yevgeenii Pirigoozhin loltoonni isaa tokkollee Sudaan keessa akka hin jirre ibse.
Yevgeenin akka jedhetti loltoonni inni qacaree lolchiisu waggaa lamaa as Sudaan keessatti bobba'anii hin jiran.
Waagnar kampaanii waraanaa dhuunfaa loltoota mindeessee hojjachiisudha. Gareen kun yeroo dhihoo as Raashiyaaf oolmaa guddaa oolaa jira.
Keessumaa waraana Yukireenirratti heddumminaan hirmaatera.
Daldala warqee
Bara 2017 pirezidantii Sudaan kan ture Omar al-Bashir daawwannaa Mooskotti taasiseen Raashiyaa waliin walii galtee heddu waliif mallatteessan. Kana keessaa tokko Raashiyaan buufata doonii waraanaa galaana Diimarratti akka ijaartudha.
Walii galteen biraa ammoo kampaanin Raashiyaa M Invest jedhamu Sudaan keessaa albuuda warqee akka qotuudha.
Kampaanin Raashiyaa M Invest fi kan Sudaan Meroe Gold gareen Waagnar Sudaan keessa akka harka galfatuufi qabeenya uumamaa Sudaan akka qisaasessuuf karaa bananiiru jechuun himatti US.
Akka gabaasa qorannoo CNNtti Sudaan keessaa warqeen karaa daangaa bahuun gara Dimikiraatik Rippaabilik Koongoo erga geeffama. Kanaaf ammmoo dhaabbilee warqee baasan kana lamaanitti quba qabdi Ameerikaan.
Daldala warqee seeran alaa kana ammoo galmeen daldala Sudaan hin beeku akka US jettitti.
Gareen Waagnar Sudaan keessatti waan biraa maalfaa godhaa ture?
Bara 2017rraa kaasee gareen Waagnar Sudaan keessa akka socho'u suuralen garaa garaa Raashiyaafi maddeewwan biroorraa bahaa ture.
Loltoota Sudaan leenjisuu fa'aarratti hirmaataniiru jedhama.
Mormii Sudaan keessatti mudataa ture akkamitti akka ukkaamsan humnoota nageenyaa Sudaan leenjisaa akka turantu himama; BBCn garuu suurawwan waa'ee sochii loltoota Waagnar Sudaan keessa jiraachuusaanii mul'isuu kana hin mirkaneeffanne.
Bara 2021tti chaanaliin Telegiraamii garee Waagnarii waliin hidhata qabu tokko qodaalli waraanaa Waagnar osoo loltotoota Sudaanif badhaasa kennuu agarsiisee ture.

Madda suuraa, Telegram
Bara 2022 ammoo chaanalinumtu kun loltoonni Waagnar osoo loltoonni Sudaan akkamitti parashuutin akka bu'an viidiyoo agarsiisu maxxanse.
Baruma 2022 ji'a Adoolessaa keessa fiilmii garichi hojjaterratti Sudaan bakka gareen kun keessa socho'u akka taate agarsiise. Fiilmicha Waagnar piroppaagaandaf itti dhimma baha.
Gareen hidhattoota Raashiyaa Waagnar jedhamu hammam cimaadha?
Gareen Waagnar mootummoonni abbaa irree aangorra akka turaniifi qabeenya uumamaa akka saamaniif oppireeshinii waraanaa garaa garaa gochuun deeggarsa taasisa jechuun Ameerikaan garicha ni himatti.
"Bara 2018 [garichi] loltoota Sudaan kan leenjisan hidhattoota 100 ta'an Sudaan keessaa qaba ture, walitti dhufeenyi isaanii achii jalqabee guddate," Royal United Services Institute irraa Dr. Joyaanaa de Deyos.
Boodarra loltoonni garee Waagnar 500 ta'an daangaa Sudaan keessa buufachuu miidiyaalen Sudaan gabaasanii turan. Bakki gareen kun buufate lafa Rippaabilika Afrikaa Giddu Galeessan wal-daangessuudha.
Bara 2019 yeroo warraaqsi uummataa al-Bashiir irratti ka'ee ture, "loltoonni Raashiyaa" [garee Waagnar] humnoota nageenyafi tikaa Sudaan waliin ta'uun sochii mormii uummataa hordofaa akka turan Sudan Tribune gabaasee ture.
Bara 2021 fi 2022tti gareen Waagnar Humna Addaa Sudaan (Rappid Support Forces (RSF)) waliin hidhatasaa cimsachuu eegale.
Yeroo ammaa kana Sudaan keessatti Humni Addaa Humna Waraana Sudaan wajjin wal-lolaa jira.
Itti gafaatamaafi hundeessaa garee Waagnar kan ta'e Yevgeenii Pirigoozhin dursaa garee Humna Addaa Sudaan kan ta'e Jeneraal Mohaammad Hamdaan waliin michooma cimsate. Sababni daldala albuuda warqee Sudaan keessaa harka dheeraa kan qabu Jeneraal Mohaammad Hamdaani waan ta'eef.
Bara darbe Mohaammad Hamdaan Mooskoo daawwatee ture.
Waagnar biyyoota Afrikaa kam fa'aa keessa socho'a?
Waggoota hedduuf loltoonni garee Waagnar Rippaabilika Afrikaa Giddu Galeessaa keessa akka turantu himama.
Kunis albuuda daayimandii biyyattiin qabdu eegufi jedhama. Biyyoota akka Liibiyaafi Maalii keessas gareen Waagnar ni jira.
Bara 2021tti BBCn gabaasa qorannoo hojjateen gareen Waagnar waraana waliinii Liibiyaa keessatti hirmaachun loltoota Jeneraal Kaliigaa Haftaar bifa garaa garaan gargaaraa akka turan saaxilee ture.
Maootummaan Maalii hdhattoota finxaaleyyii Islaamistii loluuf jecha fuulasaa gara Raashiyaatti deebifachuun garee Waagnar waammate. Haa ta'u garuu Waagnar biyyashee keessa jiraachuu Maalin hin amantu.
Gareen mirga namaaf falmu Hiyumaan Raayits Waatch (HRW) biiyyoota akka Maaliifi Rippaabilika Afrikaa Giddu Galeessaa keessatti hiraarsaafi ajjeechaa dabalatee sarbama mirga namaa raawwateera jechuun garee Waagnar himata.












