Waraana Sudaan irratti Masriin ejjannoo akkamii qabdi?

Madda suuraa, Getty Images
Kallatii gara Kaabatiin Sudaan kan daangessitu Masriin lola Kaartumitti gaggeeffamaa jiru xiyyeeffannoo hordofaa jirti-Garuu amma yoonaatti ejjannoo ifaa ta’e waan qabatte hin fakkaattu.
Lolli Sudaan keessatti adeemu yeroo dheeraaf kan itti fufu yoo ta’e garuu Masrii ni miidha.
Masriin garee kam duuka akka hiriirtu falmii keessaa kan seente fakkaata.
Gartuuwwan lola kanatti hirmaatu keessa Masriitti kan dhiyaatu waraana Sudaani.
Mohaammad Hamdan Dagaalo(Hemet) humni dafee qaqqabaa(RSF) biyya Yuuniyitid Arab Imireetitu deeggara.
Yuuniyitid Arab Imireet maallaqaan biyya Masrii deeggaraa jirti.
Biyyoonni lachuu lammileen isaanii daldalaafi jireenyaaf bilisaan bakkaa bakkatti imaluu danda’an waliigaltee waliin mallatteessaniiru.
Waggoota muraasan asitti garuu lakkoofsi lammiilee Sudaan gara Masriitti baqatanii dabaleera.
Suuqiifi manneen nyaataafi jireenya Masrii keessa lammileen Sudaan qacaramanii hojjatu.
Bara darbe baqattoonni Sudaan hedduminnaan buufataaleen konkolaatota guutanii jennaan buufataaleen lama Kaayirootti cufaman.
Bufaatalee konkolaata kana warri Masrii qoosaaf’’buufata xiyyaaraa Sudaan’’ jedhanii waamu.
Lammiin Sudaan tokko BBCtti akka himetti, Paawundii Masrii 800($26) kaffaluun imala guyyoota sadii booda Kaayiroo qaqqabu.
Kaartumii fi Kaayiroo gidduu konkolaattoota yoo xiqqaate 25 ta’aniitu guyyaa guyyatti imala.
Lolli Sudaanitti adeemaa jiru yoo hin dhaabbanne lakkoofsi namootaa dabaluuf jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Masrii waanti yaaddessu kana qofa miti, Bulchiinsi Kaartum yoo laafe ykn qaamni ittin morkatu yoo jiraate dhiibbaan isaa Kaayiroos ni qaqqaba.
Masriin biyya Sudaan sababni akka michuutti ilaaltuuf keessaa tokko dhimma hidha Haaromsaa Itoophiyaan walqabatu.
Masriin lagicha hidhuun jireenya lammilee Masriif yaaddoodha jetti.
Pirezedant Abdul Fattaa al-Siisin muddama Sudaan keessa jirtuuf fala barbaaduuf dhama’aa jira.
Loltoonni Masrii muraasni humna dafee qaqqabaa Sudaan(RSF) jedhamuun qabamuun ibsamee ture.
Masriin guyyaa lamaa booda garee kamiyyuu akka hin akka hin deeggarre ibsuun, gartuu wal-waraanan lamaan jaarsummaan araarsuuf gaafatte.
Masriin gartuu walaaba miti jedhanii kanneen amanan jiru.
Masriin waraana Sudaanitti hidhata akka qabdu ni beekama.
Loltoonni Masrii kan qabaman waraana Sudaan waliin otoo shaakala waraanarra jiraniiti.
Masriin sababa waraana biyyatti hidhata qabduuf ifatti hin himtu.
Kunis dirree siyaasa Sudaan geeddaramuu waliin hidhata qaba. Biyyoota lamaan keessattis warraaqsi siyaasaa mudateera.
Masriitti Hosinii Mubaarak bara faranjootaa 2011 aangoorraa wayita buufamu, Sudaanitti ammo al-Bashiir bara 2019 aangoorraa buufame.
Fonoqolcha mootummaa biyyoota lamaaniirratti waraanatu qooda qaba.
Waraanni Sudaan ce’uumsa gara bulchiinsa Siviliitti akka goone ifatti ibsullee, bara 2019 warraaqsi kan finiinse ‘’freedom for change’ kana hin simanne.
Masrii raafamni dinagdee mudateera. Maallaqni masrii doolara Ameerikaa walii wayita wal bira qabamu harka walakkaan gadi hir’ate. Masriitti qaala’insi jireenyaa jabaate, hiyyuummaan jabaate.
Yuunitid Arab Imireetis Masrii maallaqaan yoo deeggartu, Masriitti gartuu hidhattoota humna dafee qaqqabaa RSF jedhamu meeshaa waraanaan gargaarte.
Masriin faallaa Yuunitid Arab Imireetis hiriiruun ishee yaaddeessa.
Gareen kamiyyuu lola kanaa humnaan fala barbaadu yaaluun fayidaa biyyaaleessaa Masrii miidha.
Wal waraansa Liibiyaa keessatti Jeneraal Kaliifaa Haftaa kan deeggarte turte Masriin, dogoggora yeroo sanaarraa waan baratte fakkaata.
Ministira Dhimma Alaa Masrii kan turan Nabiil Fihaami BBC wayita dubbatan akkas jedhan:’’ Fayidaa biyyaaleessaa Masrii ilaalcha keessa galchuun Sudaanitti nageenyaaf tasgabbiin akka jiraatu feena,’’ jedhan.

Madda suuraa, AFP












