Elzaalvaador 'shiftoota' nama dararan to'achuuf waraana 10,000 bobbaafte

Loltota Elsavaador

Madda suuraa, PRESIDENT NAYIB BUKELE

Elsaalvaador shiftoota gurmaa'uun yakka garaa garaa irratti hirmaatan to'achuuf loltoonni biyyattii 10,000 ta'an magala Soyapangootti bobba'uu isaanii pirezidaant Nayi Bukele ibsan.

Daandin gara magaalattiitti geessu hunduu cufaamee humni waraanaa miseensota 'shiftootaa' (gangs) sakatta'aa jiraachuu dubbatan pirezidaantichi.

Namoonni magaala keessaa yoo bahanis dhaabsisuun eenyummaa isaanii sirriitti sakatta'aa jiraachutu himame.

Biyyattiin oppireshinii cimaa kan gaggeessaa jirtu jalqaba bara kanaa kaasee baandawwan karaarra jiraatan namoota dararuun balaa guddaa geessisuu isaanii hordofeeti.

Magaalan oppireeshiniin itti gaggeeffamu Soyaapangon magaala guddoo biyyattii San Saldavaador irraa 13 km kan faggaattu yoo ta'u namoota 290,000 keessa jiraata.

Pirezidaant Nayi Bukele fuula tiwitara isaanii gubbaatti, "Bulchiinsi magaala Soyapaangoo guutummaatti marfameera. Miseensonni humna waraana fi poolisii garee shiftaa tokko tokkoon funaanaa jiru" jechuun barreessan.

Uummanni nagaan homaa sodaachuu akka hin qabne himuun, "Oppireeshiniin gaggeeffamu garee shiftaa fi yakkamtoota irratti malee lammiilee nagaa irrattu miti," jedhan.

Suura mootummaan gadi lakkise irraa akka mul'atutti humni waraanaa hidhannoo guutudhaan bobba'anii mul'atu.

Jiraattun tokko miidiyaa AFP tti akka himanitti waraanni bobba'uun isaa waan gaarii ta'uu fi gammachuun akka simatan himan.

Ji'a Bitootessaa keessa pirezidaantin Elsalvaador labsii yeroo muddama erga labsanii kaasee namoonni 'shiftoota' waliin hidhata qabu jedhaman 58,000 to'annoo jala ooluu aangawoonni dubbatan.

Gareewwan mirga namaaf falman garuu qabiinsa namoota irratti komii fi gaaffii kaasaa jiru.

Gareen 'shiftaa' gurmaa'e haleella uummata naga irrattu fudhateen guyya tokkotti namaoota 62 erga du'anii booda pirezidaantin biyyattii labsii kana kan labsan.

Labsii yeroo hatattamaa labsame lammiilen biyyattii dhibbeentaan 75.9 deeggaruu iaanii Central american Universitin qorannoo gaggeessen mirkaneesse.