Isterliing hattoonni mana isaa cabsanii waan seenaniif waancaa addunyaa dhiisee Ingilaanditti deebi'e

Madda suuraa, Fifa World Cup
Tapahataan sarara fuulduraa Ingilaand fi kilabii Chelsif taphatu Rahiim Isterliing garee Ingilaand waliin dorgommii waancaa addunyaaf Qataar kan ture yoo ta'u hattoonni manasaa cabsanii erga seenanii booda gara Ingilaandi deebi'e.
Garee Ingilaand keessatti taphattoota collee abadataman keessaa kan ta'e Isterliing, dorgommii waancaa addunyaa Qataar irratti tapha biyyisaa hanga ammaatti tapahatte afur keessaa lama qofarrati hirmaatee dhiisee deeme.
Taateen kun kan isa mudate Sambata darbe yoo ta'u, osoo maatiin isaa mana keessa jiranii gareen hidhatan manasaa cabsanii seenuun guddoo isa rifaasise.
Hoogganaan Kilaba Ingilaand Gareth Southgate, erga Ingilaand Dilbata kaleessaa Senegaaliin 3 fi 0n injifattee oduun kun dhugaa ta'uu mirkaneessan.
''Yeroo garii jireenya keessatti wantoonni kubbaa miilaa nuuf caalan jiru. Dhimmi maatii keenyaa dursa argachuu qaba,'' jedhe Southgate.
Rahiim Isterliing ijoollee sadi qaba, taateen kun osoo isaan mana keessa jiranii mudate.
Hiriyaan Isterliing kan garee Ingilaandiif waliin taphatan Declan Rice tapha kaleessaa (Dilbata) booda yaada kenneen akkas jedhe.
''Ganama kana ciree irratti argeen ture. Yeroo muraasa booda hoogganaan keenya rakkoo maatiitu isa mudate nuun jedhe. Nutis ergaa ergineef.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ingilaand tapha kaleessaan Senegaaliin erga mo'attee booda tapha itti aanu Firaansi waliin akka tpahattu beekameera. Kunis Sambata dhufu ta'a.
Garee Ingilaand dhiisee kan biyyatti deebi'e Isterliing qofa miti, gaafa Sadaasa 30 taphataan sarara ittisaa Arsenaal Ben White sababa dhimma dhuunfaaf garecha dhiisee biyyatti deebi'e.
Waggaa lama dura gareen hidhatanii socho'an Kaaba Dhiha Landanitti manneen taphattootaa fi namoota bebbeekamoo cabsanii seenuun shakkaman hidhamaniiru.
Yeroo sanas mana Isterliin cabsuuf yaalanii turan.
Taphataan umrii ganna 27 kilaba Chelsiif fuuldura irra taphatu Rahiim Isterliing waancaa addunyaa Qataar wayita Iraan waliin eegalan goolii biyyisaa galchite ja'a keessaa innis qooda qaba.
Tapha itti aanurratti Ameerikaa waliin wayitaa 0 fi 0n ba'anis tureera.
Erga inni dhiisee biyya deemee hoogganaan garechaa bitaa fi mirgaan fuuldura irra Marcus Rashford fi Phil Foden hiriirseera, gidduun Harru Kane.
Gareen Ingilaand taphoota gurguddoo akkanaarratti Rahiim Isterliing abdata.












