Waancaa Addunyaa: Tapha murteessaa Senegaaliifi Ingilaand irratti waan baruu qabdan

Garee Senegaal

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoota Afrikaa tapha mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa taphataa jiran keessaa tokko kan taate Senegaal guyyaa har’aa yeroo jalqabaaf Ingilaand morkatti.

Taphni kuni akkaan murteessaadha. Ingilaand garee waggaa afur dura Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti walakkaa maayii [walakkaa xumuraa] gahedha.

Yeroos Senegaal ramaddii darbuu hin dandeenye. Biyyoonni sadarkaa FIFA’n baasunis sadarkaa 13 wal caalu.

‘‘Gama sadarkaan nuti tilmaama caalu nuuf kennamuu mala Senegaal garuu garee sodaachisaadha,’’ jedhan leenjisaan Ingilaand Gaarez Saawuzget.

‘‘Taphattoota isaanii baay’ee Pirimiyeer Liigiifi Awurooppaa keessa taphatan beekna,’’ jechuun dubbatan.

Gareen Ingilaand jifattoota akka Maarkas Raashford waancaa baranaa irratti galchii sadii galche akkasumas waancaa 2018’n kophee warqii fudhate Haari Keen of keessaa qaba.

Garuu Senegaaliis taphataa beekamaa ishee Saadiyoo Maane miidhamaan dhabduus isa malee taphattoota kaan akka qabdu mirkaneessitee ramaddii isaanii keessaa darbuu danda’aniiru.

‘’Amala jifachuu isaaniitti yoo itti cichan Ingilaand inuma mo’atu,’’ jedha taphataan isaanii duraanii Omaar Daf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Senegaal shaampiyoonaa Afrikaadha. Ammas waan gaarii abdachuu itti fufuu qabna,’’ jedhe taphataan ganna 45 bara 2002 garee Senegaal hirboo maayii keessa ture kuni.

‘’Garee ingilaand injifachuuf taaktikaan cimuu qabna,’’ jedhe.

Senegaaliifi Ingilaand keessaa kan injifate hirboo maayii irratti kan Faransaayiifi Polaand keessaa kan injifate morkata.

‘’Taphattoonni Senegaal hunduu ga’umsa galchuu qabu,’’ jedha yeroo ammaa kilabii liigii lammaaffaa Faransaay keessaa leenjisu kuni.

Yeroo Saadiyoo Maanen hin jirrettis galchiiwwan shanan ramaddii irratti galan taphattoota garagaraa shaniin galmaa’an.

Sadarkaa FIFA’n Ingilaand shanaffaarra jirti, Senegaal immoo 18ffaadha. Afrikaarraa garuu Senegaalitu dursa. Ta’us kuni mo’icha nuun hanqisu jedha.

Ingilaand taphicha gara caalu dhuunfachuu dandeessi garuu waancaa Addunyaa kanarratti morkattoota Ingilaand qunnaman keessaa Senegaal yaaddessituudha jechuun ibsa Jemaine Jenas.

Xiinxaltoonni Faransaayiifi Ingilaand tapha hirboo maayii irratti walitit dhufu jedhanii xinxalan jiru.

Leenjisaa Senegaal Aliyu Siisee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaan Senegaal Aliyu Siisee Waancaa Addunyaa 2002 irratti Senegaaliif hiriiree taphateera

Haa ta’u malee, waancaa Addunyaan Kataaritti adeemaa jiru waan hin eegamne hedduu waan agarsiiseef abaluutu injifata kan jedhurra kan of qabaniis jiru.

Senegaaliif Waancaan Addunyaa kuni isa sadaffaati. Bara 2002 hirboo maayii dhaqqabaniiru, bara 2018 immoo ramaddii isaanii darbuu hin dandeenye ture.

Gaazexeessaan BBC Afrikaa Babakaar Diyaaraa gareen kuni miira garee bara 2002’n dammaqeera jechuun ibsa.

Taphattoota Senegaal eegaman keessaa Kaalidu Kulibaaliifi Eduwaard Mendii Chelsiif taphatu. Taphataan Waatford Ismaayilaa Sar illee ‘Leencota Teraangaa’ bakka bu’a.

Bara 2002 Senegaal tapha ramaddii irratti Faransaay biyya waancaa bara 1998 qopheeffatte fudhatte injifatte turte akkasumas tapha mo’anii darbuu irratti Siwiidin mo’atte.

Deggaraan Senegaal Ousmaane, ganna 25, gareen isaanii yoo Ingilaandiin injifatan ‘’injifannoo guddicha’’ ta’a jechuun hima.

‘’Namuu Ingilaand ni mooti jedhee yaada. Nuti maaliif hin moonu?’‘ jechuun gaafata.