Amaanee Bariisoon yeroo saffisaa addunyaa galmeessuun maaraatoonii Vaalensiyaa injifatte

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin Itoophiyaa Amaanee Bariisoo fi atileetiin Keeniyaa Kelvin Kiptum maaraatoonii Vaalensiyaa injifachuun atileetii dhiiraafi dubaraan yeroo saffisaa sadaffaa addunyaa galmeessan ta’an.
Atileetonni lamaanuu riikardii bakkichaa cabsaniiru.
Dorgommii kana irratti kan eegamtee turteefi yeroo jalqabaaf kan maaraatoonii fiigde atileet Lattasanbat Giday lammaffaa baate.
Amaaneen maaraatoonii kana 2:14:58’n xumurte. Kunis atileetii dubartii sadaffaa yeroo 2:15 gadi maaraatoonii xumurte ishee taasisa.
Sa’aatiin ishee kunis maaraatoonii dubartootaan Itoophiyaaf rikardiidha. Riikardii addunyaa irraas sakondii 54 qofa hanqatte.
Dorgommii booda Amaaneen ‘’Baay’een gammade,’’ jechuun dubbatte.
Dhuunfattuun rikardii 5000m fi 10,000m akkasumas waggaa darbe walakkaa maaraatooniin riikardii kan galmeeffatte Lattasanbat Giday riikardii cabsuuf kayyeeffattee turte.
Taatullee yeroon itti xumurte 2:16:49 atileetota yeroo jalqabaaf maaraatoonii fiiganiif yeroo saffisaadha.
Riikardiin addunyaa maaraatoonii dubartootaa harka atileetii Keeniyaa Birijid Kosgeeyi jira. Kunis sa’aatii 2:14:04 dha.
Dorgommii dubartootaan atileetoonni Itoophiyaa olaantummaa fudhataniiru. Atileetoota 1-10 xumuran keessaa jaha lammiilee Itoophiyaati.
Dorgommii dhiirotaan dorgomameen atileetiin Keeniyaan yeroo jalqabaaf maaraatoonii fiige Kelvin Kiptum 2:01:53'n xumure.
Yeroon itti xumure kunis atileetii yeroo jalqabaaf maaraatoonii fiigeef, akkuma Latasanbat, yeroo saffisaa ta'e galmaa'e.
Atileetiin Keeniyaa Iluud Kipchogeefi Qananiisaa Baqqalaatti aanee atileetii sadaffaa maaraatoonii sa'aatii 2:02:00 gadi xumure ta'eera.
Atileetiin Tanzaaniyaa Gabriel Geay lammaffaan xumure.
Atileetii Keeniyaa sadaffaa bahe Aleekisaandar Mutisootti aanee fageenyichaan shaampiyoonaan addunyaa kan ta'e Atileet Taammiraat Tolaa afraffaa bahe.
Caaluu Deesoofi Milkeessaa Mangashaa 6ffaafi 7ffaa xumuran.
Amaaneen eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Amaaneen maaraatooniin ala fiigicha walakkaa maaraatooniifi fiigicha daandiirraa garagaraa fiigdeetti.
Yeroon saffisaa isheen maaraatoonii itti xumurte kana dura yeroo maaraatoonii Dubaayi bara 2016 fiigdee 2:20:48'n lammaffaan xumurte sanadha.
Waggaa lama dura bara 2020 immoo maaraatoonii Mumbaayi Hindiitti dorgomtee 2:24:51’n injifannoon xumurte.
Baatii muraasa dura Hagayya darbe immoo maaraatoonii Meksikoo dorgomame 2:25:05’n xumuruun injifatteetti.
Yeroon yeroos galmeessite kan Vaalensiyaatti galmeessite irraa daqiiqaa 10 oliin harkifata.












