Naayijeeriyaatti barataan haadha manaa pireziaantii arrabsite jedhamee hidhame dhiifama gaafatee bahe

Pirezidaantii Naayijeeriyaa fi Giiftii Duree

Madda suuraa, EPA

Naayijeeriyaatti barataan yuunivarsiitii giiftii duree biyyattii arrabsite jedhamee torbee lama erga hidhamee booda dhiifama gaafatee bahe.

Barataa yuunivarsiitii kan ta'e Amiinu Adaamu Mohaammad Jimaata darbe dhiifamaan manaa hidhaatii gadi lakkifame.

Aangawoonnis barataan kun haadha manaa pirezidaantii Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii arrabsus dhiifama waan gaafateef "nus dhiifama goonefiirra" jedhan.

Himanni "oduu sobaa tamsaase" jedhu irratti banamee mana murtiitti gaafa dhiyaatu keessaa hin qabu jechuun haalee ture barataan kun.

Kanaan dura fuula tiwitara isaa irratti Ayishaa Buhaarii [haati warraa pirezidaanti] maallaqa uummataa bu'aa mataa isheef jecha qisaasti jedhe barreessee turus kuni maqa balleessii miti jedhee mana murtii haalera.

Garuu erga mana hidhaatii dhiifama gaafatee bahee karaa tiwiitaraa fi ergaa viidiyootin waa'e giiftii waan barreessee tureef dhiifama gaafate.

"Miira kee tuquuf tasumaa yaadee hin barressine," jechuun barreesse.

Giiftii duree waan dhiifama isaaf gootef ishee galateeffachuun "ishee haadha keenya" jechuun ibse.

Barataan haati warraa pirezidaantii maallaqa uummata nyaatti jechuun erga hidhamee dhiifa gaafatee booda Naayijeeriyaa keessatti namoonni baay'en miidiyaa hawaasaa irratti falmii kaasun barreesu.

"Giiftii dureetu isa dhiifama gaafachuu qaba malee isa ta'uu hin qabu, sababni isaa ammoo akka hin taanetti qabame waan ta'eef" jedhu.

Amiinu Adaamu Mohaammad

Madda suuraa, BABA AZARE

isa osoo hin taane giiftii dureetu dhiifama gaafachuu qaba jechuun miidiyaa hawaasaa irratti falmii kaasaa jiru.

Kaan ammoo rakkina uumame furuuf barataan kun dhiifama gaafachuun isaa sirriidhuma jedhu.

Amiinu Adaamu Mohaammad to'annoo jala oolee akkuma himanni irratti banameen akka gadi lakifamuuf miidiyaa hawaasaa irratti duulli eegalee ture. Kamisa darbe ammoo Amnestii Intarnaashinaal Amiinu Adaamu Mohaammad irra "reebichi" fi miidhan biraa irraatti raawwachuu ibsuun akka gadi lakkifamuuf gaafatee ture.

Amiinu Adaamu Federaal Yuuniarsiitii keessatti Kunuunsa Naannoo barataa kan jiru yoo ta'u erga mana hidhaatii bahee baruumsa isaatti deebi'eera.