Naannoolee haaraan hundaa’uun furmaata rakkootimoo ka'umsa gaaffiilee birooti?

Itoophiyaan sirna federalizimii sab-daneessaa hordofuu erga eegaltee waggoota 30 lakkoofiseera. Heera mootummaa biyyattii keeyyata 47 jalatti naannoleen 9 tarraa’anii jiru.
Sabaafi sab-lammoonni biyyattii keessa jiran yeroo kamittuu naannoo mataa isaanii hundeessuf mirga akka qaban hima heerri mootummaa Itoophiyaa.
Naannolee saglan heera mootummaa keessatti eeraman keessaa naannoon Sabaafi Sab-lammoota Uummatoota Kibbaa ifatti diigamuun naannolee afuritti gargar hiramee jira.
Kanaan dura naannoo Sabaafi Sab-lammoota Ummatoota Kibbaa jedhamuun beekamu irraa jalqaba of-danda’ee naannoo kan ta’e naannoo Sidaamati.
Itaansun naannoo ta’ee kan hundaa’e naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa hundaa’e. Naannon kun aanaa addaa Koontaa, Godiina Oomoo Lixaa, Godiina Beench Shakkoo, Godiina Kafaa, Godiina Daawuroofi Godiina Shakkaa of jalatti qabachuun kan hundaa’edha.
Torbanoota muraasa dura ammoo naannon haaran biraa naannoo Kibba Itoophiyaa jedhamu hundaa’ee jira. Naannichi Godiinota akka Geedi’oo, Walaayittaa, Gaamoo, Goofaa, Koonsoo, Oomoo Kibbaafi aanaalee addaa kanneen akka Burjii, Amaaroo, Daraashee, Baaskeetofi Allee fa’aa kan of keessatti hammatuudha.
Naannon afraffaan ammoo naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaati. Naannon kun ammoo naannoo Sabaafi Sab-lammoota Uummatoota Kibbaa duraan ture deebisanii ijaarun Godiinaalee akka Silxee, Guraagee, Hadiyyaa, Kambaataa Xambaaroofi Halaabaa akkasumas aanaa addaa Yam of jalatti hammachuun kan hundaa’edha.
Gaaffii naannoo ta’uu irra deddeebin ka’an
Godiinaalen naannoo kibbaa jala turan baay’ensaanii yeroo dheeraf gaaffii naannoo ta’uu irra deddeebin gaafataa turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Federaalizimiifi akkaataa itti federaalizimiin rakkoo furu kan qoratan Dr. Qananii Jibaat saboonni naannoo ta’uu gaafachuunsaanii sirna siyaasaa federaalizimii sab-daneessaa biyyattiin hordoftu waliin akka wal-qabatu kaasu.
“Saboonni gara Kibba biyyattiitti argaman bakka tokkotti naannoo akka ta’an godhamus federaalizimiin waraqaarratti barraa’e waggootaf hojiirra hin oolle. Saboonni kun eenyummaafi afaan of-danda’e kan mataasaanii qabu,” jedhu.
Obbo Dayyaamoo Daallee saayinsii siyaasafi walitti dhufeenya idil-addunyaa kan qorataniifi naannoo Kibbaa duraan turetti qondaala olaanaa ta’uun hojjatanii turan. Anga’oonni naannoo kibbaa waliin hojjachuu dhabuusaanirraa kan ka’e bakka hundaa gaaffin naannoo ta’uu ka’uuf sababa akka ta’e kaasu.
“Rakkoo ijoon naannon inni duraa bu’a qabeessa ta’uu dhabuusaati. Naannoo duraan ture itti fufsiisuf namoonni siyaasaa tokko ta’uu hin dandeenye,” kun sababa ijoo naannoleen haaraa uumamaniif kaasu.
MM Abiy Ahmad gara aangootti erga dhufanii booda, saboonni naannoo uummattoota Kibbaa jala turan gaffii naannoo ta’uun jabeessanii gaafachuu akka eegalan kaasu Dr. Qananiin.
Mootummaan gaaffii naannoo ta’uu Sidaamadhaaf erga murteessee booda kanneen gaaffii wal-fakkaataa qaban biroon bifa kilaastaraan naannoo akka ta’aniif murteesse.
Gurmaa’insi kilaastaraan naannoo ta’uu tajaajilli bakkeewwan garaa garaatti kan kennamu ta’ee giddu galeessatti ammoo hojiin qindeessuu kan itti hojjatamuudha.
Fakkeenyaf, gandoonni jaha kilaastara fayyaatiin kan walitti hidhaman yoo ta’an, gandoonni jahaanuu buufata fayyaa qabaachun ganda tokko keessatti hospitaalli gandoota jahaanuu tajaajilu adeemsa itti jiraatudha jechuun ibsu Obbo Dayyaamon.
Naannoo Sidaamatiin ala kan jiran naannoleen godiinota kilaastaraan walitti hidhuun naannon akka qindeessaa akka ta’uuf adeemsi hojii diriiruu himu.
Deebii uummataaf hin liqimfamne

Bara mootummaa cehuumsaa naannoo Uummatoota Kibbaa naannoo shanitti qooduf yaanni dhiyaatee akka ture himu Dr. Qananiin.
Mootummaan ADWUI garuu yaada kana dhiisun saboota heddu bakka tokkotti cafaquun naannoo uummatoota Kibbaa hundeesse.
Haata’u garuu saboonni kun yeroo garaa garaatti gaaffii naannoo ta’uun ofiin of-bulchuu kaasuu hin dhiifne.
Obbo Dayyaamon ammoo gamasaanin uummanni idileen gaaffii naannoo ta’uu hamma kana akka hin leellisne kaasu.
Uummanni tajaajila kan argatu aanaafi gandatti ta’uu kaasun “maqaa uummataatiin [gaaffin naannoo ta’uu] gaggeeffame,” jedhu.
“Fakkeessumaaf jecha fedhii uummataa fakkeessuf murteen uummataa Kibba Itoophiyaatti kan gaggeeffame. Naannoo kan itti gaggeeffame. [Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaatti] murteen uummataa waan hin gaggeeffamneef fedhii uummataa waanti jedhamu tasumaa hin hojjatu,” Obbo Dayyaamon.
Biirolee walirraa fagaatan
Naannoleen haaran uumamanis gaaffiin ammayyuu itti fufeera. Gaaffileen ka’an kun qondaaltota mootummaarraa osoo hin tane “aktivistoota dudduuba jiran irraa,” akka ta’e kaasu.
Naannolee kilaastaraan hundaa’aniin wal-qabatee magaalli guddoon naannichaa as ta’uu qaba, achi ta’uu qaba kan jedhu gaaffilee ka’an keessayi.
“Namoonni siyaasaa ammoo wajjirri baay’en nuuf hin kennamne jechuun keessumaa naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa keessatti Kambaataa biraa gaaffin jira,” jedhu Obbo Dayyaamon.
Naannolee kilaastaraan hundaa’an kanneen keessatti waajjiraalen magaalota garaa garaa keessa akka ta’u murtaa’un keessumaa kenniinsa tajaajilaa irratti rakkoo uumuu akka danda’us himu.
Fakkeenyaf, naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti biiroleen naannichaa magaalota jaha keessa akka ta’u godhame. Namni tokko hayyama investimentoo osoo barbaadee, biiroonsaa magaala Arbaamiinci deemuu qaba. Biiron qonnaa ammoo Dillaa jira. Namni qonnarratti hayyama baafachuu barbaadu tokko magaalota kana lamaanuu deemutu irraa eegama.
“Kun nama tajaajila barbaaduf caaseffama rakkisaadha. Kanaaf kilaastariin [tajaajila uummataaaf] rakkisaadha,” jedhu.
Kan biraa rakkoo uuma jedhamee ture caaseffama godiinaa ta’uu kan himan Obbo Dayyaamon “kanneen godiina gaafatan kennameefii. Aanaa addaa kan turan godiina ta’uun amma inni gaaffii akka hin taane,” himu.
Heerri mootummaa Itoophiyaa saboonni hunduu naannoo mataasaanii tolfachuu akka danda’an mirga kennaaf. Nannoolee haaraa amma Itoophiyaatti hundaa’aniin alatti gara fuulduraattis gara fuulduraattis naannoleen biroo hundaa’uu dhabuu isaanif wabiin akka hin jirre himu Obbo Dayyaamon.
Paartileen Walaayittaafi Guraagee keessa socho’anis dhimma qophaatti naannoo ta’uu dhabuusaaniin wal-qabatee dhimmicha mana murtiitti geessuus himu.
Dhiyeenya kana BBC waliin turtii kan taasisan hoji gaggeessaa Adda Dimokiraatawaa Uummata Walaayittaa Obbo Goobazee Go’aa murtee uummataa Walaayittaatti gaggeeffame “mirga ofiin of-bulchuu kan cafaqu, murga uummatootaf kenname kan hin kabajne, yaada qondaaltonni biyya bulchaniif dursa kan kenneefi carraa uummaya Walaayittaa gara fuulduraa balaarra kan buusu piroketii hamaadha,” jedhuun himan.
Dhiimicha mana murtiitti geessuu bira darbee uummanni Walaayittaa bulchiinsa ofiisaa hanga hundeeffatutti qabsoo karaa nagaa akka itti fufanis himan.
Kana yaada keessa galchuun “gaaffin naannoo ta’uu gara fuulduraatti ni ka’aa qofa osoo hin taane ammayyuu ka’aaa jira” jechuun himu Obbo Dayyaamon.
Qondaaltonni siyaasaa “isaanif gaafa isaanif mijachuu didu, aangoo qooddachuun gaafa gahuu didu gaaffii uummataa maqaa jedhuun irra deebin kaasuu danda’u. Kanaaf wabii hin qabu,” jedhu.
Gama biraan naannoo hundeessun wantoota akka diinagdee, siyaasa, bulchiinsafi walitti dhufeenyi uummataa yaada keessa galuu akka qabu himu Dr. Qananiin.
“Sabaafi sab-lammoonni Itoophiyaa hundi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu qabu jechuun hundisaanii naannoo mataasaanii hundeessu jechuu miti. Mootummaan fedhii siyaasaa mataasaafi dandeettii biyyattii yaada keessa galchuun gaaffii naannoo ta’uu deebisa.”
“Fakkeenyaf, Agawu, Qimaant, Walloon gaaffii naannoo ta’uu yoo dhiyeessan naannon Amaaraa hin jiru jechuudha. Gama tokkoon mootummaan sodaa kana qaba. Gama biraan ammoo saboota Itoophiyaa keessa jiran 80 oliif naannoo ta’uun yoo kenname mootummaa naannoo 80 olitu uumama jechuudha. Kuni ammoo bulchiinsafi bajataaf rakkisaa ta’a,” jedhu.
Tasgabbaa’ufi waliigaluu barbaachisa
Heerri mootummaa Itoophiyaa saboonni hundi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuufi of-bulchuu waan kennuuf, Itoophiyaan hanga sirna federaalizimii sab-daneessaa hordofuu itti fuftetti gaaffiin naannoo ta’uu akka hin dhaabbanne himu Dr. Qananiin.
Naannon uummattoota Kibbaa duraanii gaaffii naannoo ta’uu ka’aa turaniif dafee deebii kannuuf ariifachuunsaa sirrii akka hin turre kaasu Obbo Dayyaamon.
“Mariin gaggeeffamee heera mootummaarratti fooyya’iinsi godhamee, tasgabbiifi caaseffamni namoonni heddu akkasumas paartileen hunduu kan irratti walii galan ni barbaachisa,” jedhu.
Bu’uurri seeraa osoo hin jijjiiramin naannon kilaastariin hundaa’u “gaaffii biraa kaasun” rakkoolee biroof balbala akka banus sodaa qaban himu.












