Hundeeffamuun naannoo haaraa Ummatoota Kibbaarratti jijjiirama attamii fida?

Madda suuraa, Getty Images
Ji’a Amajjii walakkaa godiinota Naannoo Uummatoota Kibbaa jala jiran 6 fi aanaalee addaa 5 keessatti filannoon murtee uummataa ykn rifarandamiin ni gaggeeffama.
Murtee kanaan naannon uummatoota Kibbaa waggoota digdamaa oliif ture diigamee naannoon haaraan tokko ni hundaa’a. Naannon uummatoota Kibbaa duraan ture ammoo bifa “haaraan” caaseffama jechuudha.
Bifa kanaan naannoleen Itoophiyaa gara 12tti guddatu.
ALI bara 2012 keessa naannoon sidaamaa bifa haaraan hundaa’ee ture, bara darbe ammoo naannoon Uummattoota Kibba Lixa Itoophiya haaraa hundeeffame.
Naannoon Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa hanga hundaa’utti naannoon Uummattota Kibba of jalatti godinaalee 13, aanaalee addaa 8fi magaalota 22 of jalatti hammatee ture.
Waggoota afran darban keessatti naannoo uummatoota Kibbaa keessatti aanaaleen gara godinaatti, godinoonni ammoo gara naannootti jijjiiramuuf gaaffii kaasaniin mormii ka’ee tureen lubbuun namaa darbee, miidhamni qaamaafi namoonni buqqa’uufi badiin garaa garaa mudatee ture.
MM Abiy gara aangotti erga dhufanii as naannicha keessa godinoonni 13 gara 17 yoo guddatan osoo baay’ee hin turiin naannoleen haaraan lama hundaa’an.
Murteen uummataa Guraandhala 6, 2023 gaggeeffamuuf jiru naannicha guutummaatti jijjiiruu danda’a.
Hundeeffama naannoo haaraafi murtee uummataa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji’a Guraandhalaa keessa godinaaleen akka Koonsoo, Walaayittaa, Oomoo Kibbaa, Gaamoo, Geediyoofi Goofaa akkasumas aanaaleen addaa akka Burjii, Baskeettoo, Ammaarroo, Alleefi Daraashee fa’aa naannoo haaraa waliin hundeeffachuuf ykn naannoo duraanii jalatti hammatamanii hafuuf sagalee isaanii ni kennu.
Filannoo murtee uummataa kana raawwachiisuf ammoo birrii miliyeena 410 akka isa barbaachisu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa BBCtti hime.
Godinoota jahaafi aanaalee addaa shan keessatti murtee uummataa raawwachuuf wiirtuuwwan qindeessituu 31fi buufataalee filannoo 3,752 hundeessuu boordichi beeksise.
Dabalataanis bakkeewwan namoonni buqqa’an jiraatanitti buufataalee filannoo addaa 4 hundeessuu hime.
Namoonni filannoo murtii uummataa kana raawwachiisan 11,400 irratti hirmaatu jedhame.
Mallattoo filannoo ta’anii kan dhiyaatan gugee adiifi mana citaa yoo ta’an naannoo haaraa hundeessuu kanneen filatan mallattoo gugee filatu jechuudha.
Mallattoowwan filannoo murtee ummataatiin dhiyaatan, gugee adiifi mana citaan asixaa alaabaa ummattoota kibbaa irra jiru bakka kan bu’an yoo ta’u, haala haaraadhaan caasseeffamuuf gugee adiin bakka bufameera.
Kana dura naannoo haaraa ‘‘hin deeggaru’’ filannoo jedhuuf saawwa adiin bakka buufamee kan ture yoo ta’u, haala gaaffii manni maree federeshinii dhiyeesseen mana citaan bakka bu’uu boordiin filannoo ibseera.
Hundeeffamma naannoo haaraa fi egeree isa 'duraa'
Naannoon godinoota jahaa fi aanaalee addaa shaniin hundeeffamu kunis maqaa ‘‘naannoo Kibba Itoophiyaa’’ jedhutu kennamaaf.
Naannoon dura ture Sabaafi Ummattoota Kibbaa jedhu ammoo gara ‘‘Itoophiyaa Jidduugalaa’’ jedhuutti akka geeddaramu dhagahameera.
Hojiilee kanneen raawwachisuufis waajjirri raawwachiisaa hojiiwwan caasaa haaraa naannoo turee fi hundeeffama naannoo Kibba Itoophiyaa jedhame saaqameera.
Oggeessi bara dheeraa naannoo kibbaa keessatti hojii komunikeshiin hojjataa turaniifi amma kan waajjira miti mootummaa tokko keessa hojjataa jiran Obbo Daayaamoo Daalee BBCn dubbise, naannoolee amma hundeeffamanis akka Lixa Itoophiyaa kan magaalaa muummee tokkicha qabaata ta’u dhiisuu danda’u jedhu.
Kanaafis naannoon haaraan sagalee ummataatiin booda hundeeffamuu jiruufi daangaa Keeniyaatii hanga Walaayitaatti haguugu waajjiraalee murteessoo kan akka bulchiinsaa jiran Arbaa Minciitti hundeessuu akka danda’u wantoonni agarsiisan jiru jedhan.
Waalaayitaa Sooddoo, Saawulaa fi Jiinkaan dhaabbilee mootummaa murteessoo f jalatti hammachu akka danda’an kan kaasan yoo ta’an, aanaalee addaa ‘‘waajjiraalee tokko tokkoo nu haa gahan'' jechuun haasaan jiraachu dubbatu.
Naannoon Kibbaa kan of keessatti naannoolee sadii hundeessuuf jirus, osoo murteen hawaasaa hin gaggeefamne haala haaraatiin ijaarama.
Of jalattis godinaalee Guraagee, Silxee, Halaabaa, Hadiyaa, Kambaataa Xambaaroo fi aanaalee Addaa Yem kan hammatu ta’a.
Naannichi kana hojiirra oolchuuf ammo heera mootummaa naannichaa irratti jijjirama taasisuuf jira.
Godinni Guraagee yaada kilaastaraan ijaaramu waan kuffiseef murtee kanarra gahameera. Naannichis Magaalaa Hawaasaa bakka waggoota kudhaniif turee irraa kan gara magaaloota ‘‘Jidduugala Itoophiyaa’’ jalatti hamatamaniitti kan dabarfamu ta’a.
Naannichis magaalaa mummee tokkoo oliifi teessoon bulchiinsa naannichaa Hosaahinaa ta’u akka danda’u tilmaamameera.
Hundeeffamuun naannoo jijjiirama attamii fida?
Obbo Daayaamoon aanga’oonni mootummaa gara naannoolee itti dhalataniitti imaluun ‘‘gugee adii’’ filadhaa jechuun duula gaggeessaa akka jiran dubbatu.
Haata’u malee caaseeffamni naannoo haaraa gama jireenya ummataatiin jijjirama fida jedhanii akka hin yaadne dubbatu.
‘‘Sababiinsaas naannoo kana bulchaa kan ture paartiidhuma kana ture. Aanga’oonnis isaanuma. Kanaafu magaalaatu nutti siqa kan jedhuun alatti, jijjirama baayyee fida tilamaama jedhu hin qabu.
''Jijjiramni guddaan kan eegamu osoo imaammanni ykn paartiin jijjirameeti’’ kan jedhan Obbo Daayaamoon, jijjirama fiduuf naannoo hundeessuun dirqama miti jedhu.
‘‘Ummata sadarkaa gadinaarratti argamuuf tajaajilawwan bu’uuraa gandaa fi aanaa irratti argama. Achitti itti-gaafatamummaan akka jiraatu taasisuu fi malaammaltummaa ittisuudha malee naannoon waan ijaarameef jijjiramni hin jiraatu’’ jechuun falmu.
“Magaalaa guddoo namoota fedhii akkamii qabaniitu dhaqa? Bulchitoonni aanaa wagahiif itti marmaaru danda’u. Miseensoonni paartii walgahiif dhaqu ta’a malee, qonnaan bulaan sababiin naannootti marmaaruuf hin jiraatu.
''Naannoon kallattii tajaajila ummaataatiin sadarkaa fagoodha. Tajaajilli sirriin aanaafi gandarratti argama jedhu.
‘‘Fakkeenyaaf aanaafi gandoota Naannoo Kibbaatti filannoon erga gaggeeffamee wagga 10 darbeera. Kanaafuu osoo achitti dimokraasiin hin dagaagiin naannoodhaan waan bittinaa’aniif jijjiramni hin dhufu’’ jedhan.
Gama biraatiin godinaalee jahaafi aanaalee addaa shan naannoo tokkoo hundeessuuf qopheeffaman keessaa godinni Geediyoo naannoolee hafan waliin walitti dhufeenya lafoo kamuu hin qabu.
Godinichi kibbaa fi bahaan naannoo Oromiyaa Godina Gujii waliin kan wal daangeessu yoo ta’u, gama kaabaatiin ammo naannoo Sidaamaa waliin wal daangeessa.
Kana jechuunis Godina Geediyoofi Aanaa Addaa Ammaaroo jidduu fageenya km 50 ol kan aguuguu jira. Naannichi rakkoo nagenyaas keessatti mul’ata.
Murtee kana paartiilee siyaasaa Godina Geediyoo mormanilleen, mana maree godinichaatiin irratti waliigalameera.
Aanaan Addaa Yeem hanga naannoon Sidaamaa hundeeffamuutti naannoo addaa naanoo Kibbaa waliin karaa lafaatiin waliitti hin dhufne yoo ta’u, sababii naannoon Sidaamaa hundeeffameef amma Geediyoo carraa walfakkaataan mudateera.












