Gaaffiin naannoo haaraa ijaaruu hundi maaliif Kibbarraa ka'a, gaaffiin kun hoo yaaddoodhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Sirni Bulchiinsaa Itoophiyaa ALI bara 1983'tti dhufaatii ADWUI booda ijaarame hanqina raawwii qaba jedhamus biyyattii gara sirna Federaalizimiitti qajeelcheera.
Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammiilee hedduurraa ijaaramte waan taateef saboonni kun walqixxumaan kan waliin jiraachuu danda'an sirna Federaalizimiin akka ta'e aanga'oonni ADWUI irra deddeebiin himaa turan.
Sirna kanaaf akka tolu ammoo mootummoota naannoo ijaaruun barbaachisaa ta'e.
Dhufaatii ADWUI booda naannolee hundaa'an keessaa tokko sabaa fi sablammiilee 56 kan qabu Mootummaa Naannoo Sabaa fi Sabalammoota Uummatoota Kibbaati.
Ijaarsi bulchiinsa naannoo uummatoota Kibbaa kun garuu hunda hin gammachiifne.
Sabootni bulchiinsa kana keessa jiran yeroo adda addaatti naannoo of danda'an ta'anii ijaaramuuf gaaffiin dhiyeessaa turan erga bulchiinsi MM Abiy Ahimad dhufee baayyatee, jabaatee dhagaahamaa jira.
Hanga ammaattis gaaffilee dhiyaatan keessaa naannoon Sidaamaafi naannoon Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa deebii argachuun ofiin of bulchaa jiru.
Ta'ullee godinaalee naannoo uummatoota kibbaa keessa jiran keessaa ammallee gaaffiin naannoo ta'uun ijaaramuu dhiyaachuu itti fufeera.
Adeemsa naannoo ta'uun ijaaramuu Sidaamaan walqabatee godina gaaffii dhiyeessaa ture Walaayittaa gidduutti rakkoon nageenyaa hammaataa ka'een rakkoon guddaan dhalatee ture.
Gaaffiin naannoo ta'uu hedduun maaliif godinaalee Uummattota Kibbaatii ka'a?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manneen marii sabaafi sablammiilee uummatoota Kibbaa keessa jiran muraasa hin jedhamne naannoo ta'anii ijaaramuuf wixinee qophaaye sagalee guutuun dabarsanii gariin sadarkaa naannootti, kaan ammoo sadarkaa Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaatti dhimmisaanii ilaalamaa jira.
Dhalataa Saba walaayittaa kan ta'an hayyuun maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan fi Walaayittaan caasaa naannoon ijaaramuu qaba jechuun falman tokko yaada BBC'f kennaniin, gaaffii sabni isaanii dhiyeessu kun gaaffii haqaa ta'uu himan.
''Walaayittaan seenaa keessatti mootummaa ofiin ijaarratee ture erga dhabee booda baroota dheeraaf, akka saba lakkoofsaa xiqqaatti lakkaawwamee, walqixxummaa fi mirga biyya waloo qabaachuu sarbamee turee,'' jedhu.
Saboota naannichaa gidduu jibbi seenaansaa dhugaa ta'es, dhugaa hin taane irrattis hundaa'e, wal-tumsuu caala walirratti duuluun akka jiraatu sababa ta'uu, rakkoo nageenyaa bara 2010'tti Sidaamaa fi Walaayittaa gidduutti ka'e yaadachiisuunis himan.
Sabni Walaayittaa caasaa naannoo Uummattoota Kibbaa keessa baroota ture keessatti rakkooleen argaa jiru gaaffii naannoo ta'uun ijaaramuu akka kaasu dirqisiisuufi kanaafis dhaaba qabsaa'u Sosochii Biyyaalessaa Wolaayittaa dhaabuu keessaa qooda qabaachuu himan namni kun.
''Keessumaa waggoota afran darban jijjiirame dhufe keessaa akka qooda qabutti osoo hin taane, akka gufuu jijjiiramaatti ilaalamee rakkoon irra gahee atattamatti naannoo ta'ee ijaaramee ofiin of bulchuufi nageenya isaas eeggachuu akka qabu sababa ta'eera.''
''Sirni qollifatuu fi sirni olaantummaa saba baayyee leellisu uumameera,'' kan jedhan hayyuun saba Walaayittaa kun, Sidaamaan naannoo of danda'e ta'ee ijaaramuu wajjiin walqabatee walitti bu'iinsa dhalatee tureen Walaayittaan miidhameera, nageenyi isaas yaaddoo keessa galeera jedhu.
Akkuma saboota kaani Walaayittaanis godina isaa keessatti mana maree ofiin bulus afaan ofiin baratee hojjetus, gaaffiin bu'uuraa akka naannootti misoomaa, siyaaasafi diinagdeen fayidaan waliqaxaa dhabuudha jedhu.
''Diinagdeen, Siyaafi nageenyaan sadarkaa dantaa isaa eegsisuu hin dandeenye wan gaheef kana jijjiiruuf kan jalqaba gochuu qabu ofiin of bulchuu, Mootummaa Federaalaa keessattis hirmaannaa kallattii qabaachuudha. Kun immoo caaseeffama naannoon argama,'' jedhu.
Gaaffii faayidaan addaa naannoo ta'uun sabni Walaayittaa argatu maali? jedhuuf deebii yoo kennan ''Sabni kaan barootaaf naannoo ta'ee ijaaramee ture miidhameera, caasaan kun haa hafu bakka hin jennette Walaayittaan maal buufata kan jedhu fudhatama hin qabu'' jedhu.
Sababoonni dhalataan saba Walaayittaa kun kaasan sababoota sabootni kaanis naannoo ta'uun ijaaramuuf dhiyeessaniin walfakkaatu.
Naannoon Uummatoota Kibbaa suuta diigamaa jiraa?

Madda suuraa, Ethiopian House of Federation
Diyaamoo Daalee hayyuu saayinsii siyaasaafi hariiroo alaati. Naannoo Uummattoota Kibbaattis ogeessa hariiroo uummataa ta'anii tajaajilanii beeku.
Sidaamaan naannoo ta'ee erga hundaa'ee booda godinaaleen naannoo Kibbaa keessa jiran kaan hiree walfakkaatu argachuuf gaaffii dhiyeessaa akka jiran himu.
Godinaaleen hedduun gaaffii kana yeroo kaasan paartii biyya bulchurraa deebiin argatan ''kilaastaraan gurmaa'aa'' kan jedhuudha jedhu.
''Bu'uura kanaan godinaaleen murtaa'an walitti dhufuun naannoon uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa jedhu hundaa'eera. Warri kaan yaada kanas ni morman.'' Warri gaaffii dhiyeessan gariin kanneen saba ofiirratti hundaa'uun naannoo ta'uuf gaaffii dhiyeessanii jedhu. Godinaaleen kaan ammoo of keessatti sablammiilee kaanis hammatanii gaafficha dhiyeessuu himu.
''Amma kan hafan Guraageefi Daraasheedha. Miseensonni paartii Badhaadhinaa Guraagee ammallee walii hin galle. Aanga'oonni paartichaa waliigaluu didu jedhee hin tilmaamu.'' Naannoo ta'uun ijaaramuuf jalqaba manni maree godinaa gaaffichaa sagalee guutuun raggaasee gara mana maree naannootti ceesiisuu qaba.
Manni maree naannoo erga dhimmicha irratti mariyateen booda ammoo Manni Maree Federeeshinii murtee akka irratti kennuf dabrsa.
Manni Maree Federeeshinii gaaffichi fudhatama argachuu yoo beeksise ammoo riifarandamiin murteen akka irratti kennamu gara Boordii filannootti qajeelcha.
Adeemsa naannoo haaraa ijaaruu wajjin walqabatee qormaata mudatan keessaa tokko magaalaan guddoo naannoo sanii eenyu haa ta'u kan jedhu akka ta'e Obbo Diyaamoo BBC'tti himaniiru.
Naannoon Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaallee dhimma kana irratti waliigalteerra akka hin geenye ni beekna. Ammaaf Boongaadha. Kanumaan haa ragga'u kan jedhan jiru kan mormanis jiruu.''
Yaadni waajiraalee naannichaa magaalota adda addaarratti hundeesuun furmaata yaadni jedhu jiraachuu kaasanii, kun ''wantoota walxaxaa godha'' amantaa jedhu qabu. Gaaffileen naannoo Kibbaarraa bahuun naannoo ofii ijaaruu naannoo Uuummatoota Kibbaa duraan beeknurra naannolee xixiqqaa baayyee ijaaruu malee jijjiirama hedduu hin fduu jedhu ogeessi kun.
''Akka Sidaamaa afaan tokko qabachuun furmaata ta'uu mala. Godinaaleen kaan garuu ammas akkuma kana duraa waliin akka gurmaa'an godhame'' jedhu.
Murteen akka kanaa ammoo yeroo buchiinsi geeddaramu mormiin isa mudatee ammas jijjiiramuu mala jedhu.
Akka isaaniitti dubbiin ijoon uummatni bajata ramadamurraa fayyadamaa godhamuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuudha.
Sirni Federaalizimii Itoophiyaaf sirna filannoo biraa hin qabneedha jedhanii kan mugguutan Obbo Yonaataan Tasfaayee, federaalizimii isa sabummaarratti bu'uureffate caala isa teessuma lafaa irratti buuureffate hordofuun rakkoolee jiraniif furmaata ta'a jedhu.
Federaalizimiin inni lammataa kan ijaaramu teessumma lafaa bulchiinsaaf mijatu irratti hundaa'uun. Heerri mootummaafi sirni Federaalizimii kun sirnaan raawwatamuun rakkoolee mudatan furuuf akkaan barbaachisaa ta'uus himan.
Sirna Federaalizimii, gaaffii naannoo ta'uufi yaaddoo isaa
Qaamoleen sirna Federaalizimii Itoophiyaan hordoftu hin deeggarre rakkoo siyaasaa amma biyyattiin keessa jirtuuf sababadha yeroo jedhan dhagaahamu.
Gama kaaniin ammoo biyya sab-daneettii akka Itoophiyaaf sirna kanatu daandii qajeelaadha jechuun muggutu.
Afrikaa Kibbaa Yunivarsiitii Keeppi Taawunitti barsiisaa seeraa kan ta'an Yoonaataan Tasfaayee yaadoota lamaanuu keessa dhugaan jiraa jedhu.
''Sababa federaalizimiitti nama kan kooti jedhaniif sagalee akka kennan, saboonni hiree isaanii ofiin akka murteeffatan, hooggantoota isaanii filachuu, afaan ofiin akka hojjetan ta'eera.''
Afaan ofiin barachuufi hojjechuun bu'aa sirna Federaalizimiin argame keessaa ta'uus kaasu.
Gama kaaniin warri sirna kana morman sirnichi sabummaarratti bu'uureffatee diriiruun rakkoo biraa dhaleera jedhu.
''Naannoo ykn godina saba irratti hundaa'e yeroo uumamu abbaafi keessummaa yaadni jedhu ni dhalata. naannoo tokko tokkotti inumaa heera isaanii keessa haalli itti calaqqisiifame jira'' jedhu Yoonaataan.
Sababa kanaatti namoonni ''kun naannoo keenya, ati bakka biraa dhufte hiree hin qabdan yoo qabaattanis eeyyama keenyaan ta'a qaba ilaalcha jedhu akka gabbisan godheera,'' jedhu.
Ilaalchi sabaan walqooduu sirni Federaalizimii diriirruun duras jiraachuu himanii erga bara 1983 as garuu ''hammaateera'' jedhu.
Heerri mootummaa federaalaa Itoophiyaa Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiileen fedhaan walitti dhufanii ijaaraniidha, saboonni kun ofiin of bulchuu bira darbee hanga fottoquutti mirga qabus jedha.
Sirna fi heera mootumaa Itoophiyaa amma jiru cimsee kan mormu dhaabni dhalattoota Amaaraa Ameerikaa naannoo uummattoota Kibbaa akkuma duranii tokko ta'ee turuutu humna siyaasaa jabaa kennaaf yaada jedhu qaba.
Dura taa'aan waldichaa Obbo Honee Mandefroo ''naannoleen humna hin jabeeffanne dhalachuun yaaddoo qaba. Fuula duratti Amaaraafi Oromoo irraa dorgommiin siyaasaa jabaan ishee mudata. Kana gidduutti naannolee kaan warra garee lamaan deeggaran ta'u.''
Naannoleen akka haaratti hundaa'an saboota lakkoofsaan xiqqaa isaan keessa jiran irratti sarbama mirgaa raawwachuu malus jechuun yaaddoo qaban himu.
Gaaffiin amma naannoo ta'uuf dhiyaachaa jiru bu'uura heeraa qaba jedhanii, ''heerri jiru mataan isaa kaayyoo biyya ijaaruu osoo hin taane kan biyya diigu qabaa,'' jedhu.












