Xaaliyaaniitti namoonni 9 Hamaasiif Yuuroo miliyoonaan lakkaa'amu walitti qabuun to'annoo jala oolan

Madda suuraa, Stefano Guidi/Getty Images
Poolisiin Xaaliyaan namoota waggoota lamaan darban keessa Hamaasiif gara Yuuroo miiliyoona 7 walitti qaban jedhe to'annoo jala oolcheera.
Ibsi poolisii maallaqni kun namoota nagaa Falisxeemiif gargaarsa namoomaa ta'uuf kan yaadame ta'us, maallaqni kun garee hidhattootaa kanaaf ''haala baay'ee walxaxaa ta'een'' ergameera jedheera.
Shakkamtoota to'annoo jala oolan malees, poolisiin yeroo qorannoo gaggeeffameen qabeenya Yuuroo miiliyoona 8tti tilmaamamu to'annaa jala oolchuu beeksiseera.
Poolisiin Xaaliyaan shakkamtoonni kunneen ''maallaqa gocha shororkeessummaaf oolu danda'u dabarsuudhaan'' himatamu jedha.
Shakkamtoonni kunneen kan to'annoo jala oolan qorannoo waloo poolisii farra shororkeessummaa Xaaliyaanii fi poolisii faayinaansiitiin taasifamaa tureen ta'uu ibsameera.
Qorannoon kun kan eegale haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwateen booda ta'uun isaa ni beekama.
Poolisiin qorannoo isaa kan jalqabe haleellaa kanaan dura ''daddabarsi maallaqaa shakkisiisaa hedduun erga gabaafamee booda ture.
Poolisiin akka jedhetti, walitti qabaan maallaqaa ''walxaxaa'' kun irra caalaa dameelee bulchiinsa Xaaliyaanii Jeenowaa fi Miilaan keessatti akka raawwatame bira gaheera.
"Shakkamtoonni kunneen deeggarsa namoota nagaa Filisxeemiif sassaaban. Haa ta'u malee, galii argame keessaa dhibbeentaan 71 kutaa waraanaa Hamas, akkasumas maatii namoota of ajjeesanii fi namoota shororkeessummaan shakkamaniif kan ooludha," jedha ibsi poolisii.
Shakkamtoota keessaa preezdaantii hawaasa Filisxeem Xaaliyaanitti argamuu Mohaammad Haanuun akka ta'e Ministirri Biyya Keessaa Maatiyoo Piyaantedoosii himaniiru.
Mohaammad Hosniin kanaan dura maallaqa Hamaasiif arjoome jedhamee himatamaa kan ture ta'us, deebii ''soba'' jecdhu kenneera.
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa tiwiitara isaa irratti poolisii galateeffatus, shakkamtoonni kun hanga murtiin itti murtaa'utti "yakkamtoota" akka hin jedhamne ergaa dabarsaniiru.















