Xaaliyaaniin baqattoota Itoophiyaaf hangam mijattuudha?

Lammiilen Itoophiyaa heddu gammoojjii heddu qaxxaamuranii, beelaafi dheebuu, roobaafi aduu, danda’anii guyyaa kaan ammoo du’aan waldhaansoo qabanii kan carrooman du’arraa hafanii biyyoota Awurooppaa gahu.
Xaaliyaanin biyya baqattoonni heddu ardii Afrikaarraa karaa Liibiyaa itti qaxxaamuraniidha.
Ba’iddiluu Maangashaafi Ababaa Tasfaayee gaafa Itoophiyaa bahan Xaaliyaanii deemun 'mana waaqaa' deemuu itti fakkaata ture. Gaafa achi gahan garuu Xaaliyaaniin akkamitti isaan simatte?
Xaaliyaaniin lammiilee Itoophiyaaf hangam mijattuudha? Gaazexeessitoonni BBC hojiif yeroo gara Xaaliyaanii imalan Ba’iddiluu Maangashaafi Ababaa Tasfaayee dubbisuun haala baqattoonni Itoophiyaa itti jiran iyyaafataniiru.
Ba’iddiluu Itoophiyaa bahee Gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuruun guyyaa heddu du’aan waldhaansoo qabaatuma Xaaliyaanii gahe.
Rakkina dhalli namaa keessa darbuu hin danda’amu jedhamu hunda argeera. Saamtotaafi dallaalotaan reebamuu, beela’uu, dheebochuu, hidhaa, lakkaa’amee hin dhumu kan baqattoorra gahu.
Kana dandamachuu dadhabanii kan karaatti biraa du’an heddu akka ta’an hima Ba’iddiluun.
Ababaa Tasfaayees akkuma Ba'iddiluu jiruu gidiraa keessa darbuun kan Xaaliyaanii geesse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mucaashee umurii daa'imummaatti deesse "nan dhufa" jettee dhiistee akka manaa baate himti. Gaafa manaa baatu Xaaliyaanii dhaquu kan jedhu yaadashee keessa hin turre.
Magaala Matammaa keessatti bunaafi shaayii gurgurtee ittiin jiraataa kan turte Ababaan, Sudaanitti yoo ceete galii gaarii akka argattu namni ishee gorse.
Gorsa namaa fudhattee Sudaan erga deemtee booda mana namaatii hojjachuurraa kaasee hojii garaa garaa yaaltetti.
"Sudaanirraa gara Xaaliyanii yoo deemte jireenya kee jijjiirta" kan jedhu gorsa biraa dhageesse.
"Xaaliyaanii deemun anaaf abjuu ture. Naannoo keenyaa kan nama qabu ykn fira qabutu deema. Akkas jedhamaa guddanne. Ollaa keenyaa namni yoo deemu, obboleessa ykn obboleettii achi qaba, qabdi jedhama," jechuun Xaaliyaanii deemuf Sudaan teessee maallaqa walitti corachuu eegalte.
Mallaqa walitti corattes dallaalonni jalaa nyaatan, ammas deemsaf abdii hin kutanne. Liibiyaatti mana namaa galtee erga hojjattee booda lammiilee Itoophiyaa kaan waliin gara Xaaliyaanitti qaxxaamuruuf deemsa eegalte.
Deemsa gammoojjii lubbuun namaa lubbuu saree gaditti lakkaa'amu keessatti hidhamuun alatti gidiraa jiru hunda argiteetti.
Osoo gammoojjii keessa deemtuu guyyaa tokko waanti isheen hin daganne ishee mudate.
Gammoojjii namuu keessa hin jirre keessa osoon deemuu "wiigii [rifeensa] lafatti arge. Gaafan kaasu garuu buqqeen mataa nama du'ee ashawaa jala jira," jetti.
Lammiilen Somaaliyaa lama namoota seeran ala nama daddabarsan ishee biratti reebamanii yeroo du'an ijaan arguus himti.
Qormanni biraa deemsa konkolaatan taasifamuudha. Ba'iddiluun gammoojjii sana kan qaxxaamure konkolaataa piikaappii xiqqoodhan.
Konkolaataa piikappii tokkorratti hanga nama 30 kan ta'u mi'a wajjin fe'ama. "Namni yoo kufe konkolaataa dhaabuu dhiisuu danda'u. Dhiisanii deemu," jedha.
Ababaan ammoo namoota 34 ta'anii konkolaataa xiqqootti fe'amanii gammoojjii sana akka qaxxaamuran himti.
Gammoojjii Liibiyaa gaafa qaxxaamuran qormaata biraatu isaan eeggata- Galaana Medetiraaniyaanii qaxxaamuruu.
Yeroo galaana kana qaxxaamuran bidiruun isaan ittiin qaxxaamuran baay'ina namaarraa kan ka'e ykn damabalii galaanan dhidhimuu dandeessi.
Ba'iddiluufi Ababaan carroomanii gammoojjis galaanas qaxxaamuranii Xaaliyaanii gahaniiru. "Kan kufu kufee, kan ka'u ka'eeti Xaaliyaanii kana galamu," jedha Ba'iddiluun.
Ba'iddiluun bifa kanaan Xaaliyaanii erga gahee ganna 18 guutera; Ababaan ammoo ganna 14.
Erga Xaaliyaanii gahanii ammoo keessumaa rakkooleen sadi baqattoota Itoophiyaa akka mudatu BBC'tti himan:

Afaanifi Aadaa
Rakkoo guddaa baqattoota Itoophiyaa Xaaliyaanitti isaan mudatu keessaa tokko aadaafi afaan biyyichaatti baruu dadhabuudha.
Baqattoonni Itoophiyaa waliin ooluun, nyaata Itoophiyaatti bara qofa nyaachuu, namoota birootti dhiyaachuu dhabuun akka adaafi afaan biyyichaa hin barreef danqaa akka ta'e kaasa Ba'iddiluun.
Ababanis kanuma jetti: "Nuti guyyaa guutuu Habashaa wajjin oolla. Miilla keenya malee sammuun keenya biyyaa hin baane. Waggaa 20 ykn 30 jiraatanii kilinika dhaqanii dubbatanii tajaajila argachuu kan hin dandeeye jiru," jechuun nama afaan hiikun tajaajila akka argatan himti.
Ba'iddiluun rakkoo kune dursee waan hubateef afaan Xaaliniyaaniffaa warri kaan ni ulfaata jedhanii sodaatan baree bareechee dubbata.
"Afaan Xaaliyaanii afaan ulfaatu miti. Namatti tola. Namoonnisaanis hanga kana nama hin dhiiban," jechuun nama afaansaanii sirriitti dubbatutti inumaayyuu akka dhiyaatan hima.
Ababaanis hanga afaan bartutti rakkoon heddu akka ishee mudate himti.
Kan yaadanii fi kan qabatamaan argan

Ababaan gaafa Xaaliyaanii deemtu mootummaan biyyattii simatee waan iddoo jireenyaa kennuuf itti fakkaate. Gaafa bidiruurraa buute poolisoonni qabanii baqattuu ta'uushee waraqaa kennaniif kan isheen abdatteefi qabatamaan argite dugdaafi garaa itti ta'e.
Poolisoonni waraqaa erga kennaniifi booda achumatti dhiisanii deeman. Baabura qabattee gara magaala Room deemtus namni ishee simatu homtuu hin jiru.
Nama kana dura achi tureefi mana kireeffatee jiraatu wayii argattee inni iddoo boqonnaa kenneef. Achumaanis wl-fuudhan. Garuu hin fullaane.
"Naa ta'uu dinnaan dhiisee bahe, ulfa ta'een bahe," jechuun hanga mucaa deessutti mootummaan iddoo jireenyaa akka kenneef himti.
Mucaa deessee baay'ee osoo hin turiin mootummaan mana keessaa akka baatu ishee ajaje. Namoonni rakkooshee argan mucaa dhalate qarshiin akka kennituuf gaaffii dhiyeessafii turan. Isheen garuu mucaashee kennuu hin barbaanne.
Waggaa 18 Xaaliyaanii kan jiraate Ba'iddiluun ammoo Xaaliyaaniin akka yeroo biyya jiru "biyya warqii lafaa hammaarratan" itti fakkaatu sana osoo hin taane, nama hin dafqineef akka garaa hin laafne hubachuuf yeroo itti hin fudhanne.
Waggaa tokkoof hojii malee taa'ee olii gadi naanna'ee namaafi haala jireenyaa erga baree booda Vaatikaanitti kan argamu Imbaasii Angoolaa keessa waggaa 12 mana qulleessuu, mi'a miiccuu, nyaata bilcheesssuufi keessummeessun hojjateera.
Harka namaa kajeeluu keessas baheera. Haa ta'u garuu gara biyyaatti deebi'eellee hojii wayiitti bobba'uuf maallaqa isa dandeessisu akka walitti qabachuu hin dandeenyeefi jireenyi baqattummaa hammam ulfaataa akka ta'e hima.
Haadha ijoollee lamaa kan taate Ababaanis qabeenya horachuun haa hafuutii baasidhuma ittiin biyya geessee deebitu danda'uunuu akka itti ulfaatu himti. Waggaa 13 keessatti si'a tokko qofa biyya akka deemtes dubbatti.
Ogummaa hojii
Namoonni Itoophiyaadhaa godaanan hedduunsaanii ogummaa hojii akka hin qabne hima Ba'iddiluun.
"Ani kan hubadhe namoonni Itoophiyaarra baqannu hedduun keenya ogummaa hin qabnu," jechuun rakkoo Xaaliyaanitti baqattoota mudatu hima.
Namni ogummaa elektirikii, ujummoo bishaanii sirreessuu, wayyaa hodhuus ta'ee kan biraa qabu harka dhungatanii akka simatan hima Ba'iddiluun.
Rakkoon jiru garuu baqattoota Itoophiyaa keessaa ogummaa akkasii kan qabu namoota muraasa qofa.
"Baqattoonni bakka biraatii dhufan hedduunsaanii yoo xiqqaate namoota ogummaa hojii qabaniidha," jechuun dubbata.












