Daa'imman maatii saala walfakkaataa Xaaliyaanitti rakkoof saaxilaman

Bara 2018’tti Mariyaa Silviyaa Fiyeengo fi Firanseskaa Pardiin, jaalalleewwan saala (korniyaa) wal fakkaataa Xaaliyaan, akka maatii ijoolleetti yeroo jalqabaaf galmaa’an keessatti argamu.

Bulchaan Miilaan, Guseeppee Saalaa, seerri biyyaalessaa ifa ta’ee utuu hin jiraatin, ijoolleen maatii saala walfakkaata keessatti dhalatan yookaan guddifachaan makaman akka beekamtii argataniif tarkaanfii fudhateera.

Mariyaa Silbiyaa fi Firaanseskaa - akkasumas ijoollee isaanii afran Maargaritaa, lakkuu Gorgiyoo fi Rafaayel, fi Antoniyoof –falmii seeraa waggoota dheeraaf taasisanii fi loogii irra ga’aa tureen booda maatii ta’uun isaanii beekkamtii argachuun isaa “waan baayyee ajaa’ibaa” ture.

Torban kana, garuu, miseensota LGBT’n wanti walqixxummaafi simmanaaf akka injifannooo guddaatti ilaalamee ture deebi’ee haqameera.

Mootummaan Xaaliyaan warra siyaasa mirgaa gaggeessan, manni maree Miilaan ijoollee maatii saala wal fakkaataa galmeessuu akka dhaabuuf ajajeera, kun ammoo ajandaa aadaa durii finxaalessuu Ministira Mummee Jorjiyaa Melonii irratti falmii jiru deebisee kaaseera.

Namootni dhibbaan lakka’aman Sanbata irratti dhorkii mootummaa kana mormuun Milaan keessatti hiriira ba’aniiru.

Namoota hiriira ba’an keessa tokko hoggantuu paartii siyaasa bitaa gaggeessan, Paartii Dimokraatikii, Elii Shileen dha.

Ergaan isheen ministera mummeef dabarsitu, “ijoollee maatii gaarii kanaa irratti logii hin geessiinaa” kan jedhu akka ta’e himteetti.

“Wa’ee ijoollee dubaraa fi dhiiraa hawaasa keenya keessatti guddachaa jiranii fi manneen barnootaa keenya keessatti barachaa jiranii dubbachaa jirra,” jetti Aadde Shileen.

“Kun kana booda fudhatama hin qabu, maatileen kunneen loogii irra ga’uun dadhabaniiru.”

Minitirri Muummee Aadde Meloonii, kan paartii warra siyaasa mirgaa gaggeessanii Brothers of Italy jedhamu hoggantuu, duula na filadhaa ishee irratti ilaalcha farra LGBT irratti xiyyeeffachuun, sirna aadaa akka eegdu waadaa seentee turte.

''Nuti yeroo hundayyu maatii turre, ta’us akka maatiitti seeraan, bulchaa keenyaa beekkamtii argachuun keenya akka nuti fudhatama qabnutti akka nutti dhaga’amu taasisee ture,'' jetti Mariyaa Silbiyaan.

''Har’a wanta mootummaan gochaa jiru yemmuu ilaalluu fi maatileen biroon carraa walfakkaata akka hin argannee yemmuu hubannu, guddaa hamileen keenya kufa''

Xaaliyaan keessatti maatiin saala wal fakkaataa seeraan beekkamtii kan argate bara 2016’tti ture.

Ta’us, mormiin waldaa Kaatolikii fi gartuulee aadaa durii finxalessaan irraa dhufe, seerri kun dhimma mirga maatileen saala walfakkaata ijoollee guddifachaan horachuu qaban irratti utuu eeyyama hin kenniin akka hanqatu taasiseera.

Mormittoonni kun ulfa gadameessa kireeffachuun taasifamuu ni jajjabeessa jedhanii turani, ta’us kun Xaaliyaan keessatti ammayyu yakkadha.

Kun ammo dhimma jireenyaa maatii LGBT keessatti, guddifachaa dabalatee qaawwaa hedduu uumeera.

Furmaata argachuuf maatileen tokko tokkoon gara mana murtiitti deemuun bekkamtii akka gaafatan taasiseera.

Bulchaa Miilaan dabalatee, bulchitoonni tokko tokko, ijoolleen maatii saala walfakkaataa of danda’anii akka galma’aniif murteessaniiru.

Bulchaan Miilaan Obbo Saalaa, ministeera biyyaa keessaa irraa xalayaa erga argatee booda adeemsa kana addaan kutuuf akka dirqameeru beeksiseera. Xalayaan kun murtee manni murti olaanaa Xaaliyaan beekkamtii maatii argachuuf maatiin eeyyama mana murti argachuu akka qaban kan eerudha.

“Siyaasaa fi hawaasaan kun tarkaanfii gara dubaatti nu deebisu ta’uun isaa ifadha, bakka maatilee carraa kana argachuuf amataa isaanii Milaan irratti gatanii turanii of ka’een ilaalaa jira,” jechuun bulchaan kun filannoo biraa akka hin qabne dubbateera.

Ijoolleen maatiin isaanii lamaan waraqaa raga dhalootaa isaanii irratti galmeessuuf mirga qaban irraa dhorkaman maraammartoo seeraa keessatti hafu.

Maatilee kunneeniin gufuulee adda addaatu eeggataani. Rakkoon tokko, yoo maatiin seeraan beekkamtii qaban lubbuun isaanii darbe, ijoolleen kun eegumsa mootummaa jala seenuun, ijoollee maatii hin qabnee ta’uu danda’u.

Hawaasa LGBT Xaaliyaan keessatti, kun aarii fi yaaddoo dabalaa dhufe yemmuu ta’ee jirutti, tarkaanfiin mootummaan Meloni mirga LGBT jeequu irratti gaggeessaa jiru ammo haalicha hammeesseera.

“Ijoolleen tajaajiloota ijoo, kan akka tajaajila fayyaa, dhaala fi deeggarsa ijoolle irratti bu’aa muraasaa qofaa argatu,” jedhan Yunivarsitii Sapiyeenzaa, Rooma irraa pirooffessarri seeraa, Angeloo Shillasi.

“Yeroo ammatti, maatii tokko (jalaallewwan keessa tokko) qofaati seeraan beekkamti qaba, inni tokko akka ekeeraadha. Jireenya dhugaa keessatti maatii fi ijoolleen waliin taphatu, waliin nyaata bilcheessu, waliin ispoortii taphatu, waliinis bashananaaf deemu. Waraqaa irratti garuu, gargar jiru, mootummaan isaan hin argu. Kun haala wal faallessudha.”

Ministirri muummee, Fulbaana darbe filatamte, deeggartuu maatii aadaa fi sirna Kiristaanaa yoo taatu, dhimmoota “ilaalcha korniyaa fi duudha LGBT” jettu irratti falmuun duulteetti.

Angootti ba’uu isheen ji’oota muraasa dura, lammilee Xaaliyaan eessayyu jiraniif gadameessa kireessuun dhala godhachuun akka yakka ta’uuf seerri eeruu akka ba’uuf yaada dhiyeessiteetti, kun ammallee karoora paartiishee keessa jira.

“Ijoolleen dubaraa fi dhiiraa haarmee lamaa fi abbaa lama qaban Xaaliyaan keessa jiru, MM Meloonii kana fudhachuu qabdi,” jechuun hoggantuun Dhaabbata Rainbow Families, Aleessiyaa Serosinii dubbatteetti.

Seneetiin Xaaliyaan dabalataanis torban kana wixinee waraqaan raga maatii Awurooppaa kan miseensota Gamtaa Awurooppaa 27 biratti fudhatama qabu akka fudhatama qabaatuuf dhiyaatee kuffisaniiru.

Ijoolleef, kun ragaa maatii qabaachuu kan agarsiisuu yoo ta’u, maatiif ammoo mirga biyyootii EU keessatti beekkamtii argachuu kan kennuu fi mirga lammummaa fi dhaalaa isaanii kan eegudha.

Miseensi paarlaamaa paartii mormituu, Rikaardoo Magii, kan waqaa raga Awurooppaa kana deeggare, “addunyaan gara tokkottii yemmuu adeemu, mootummaan Xaaliyaan ammo gara biraatti adeemaa jira,” jechuun komii isaa ibseera.