Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mirga LGBT: Firaans jaalattoota saala walfakkaataaf 'wal'aansa jijjiiruu' seeraan dhorkite
Firaans jaalattoota saala walfakkaataaf (LGBTQ) 'wal'aansa jijjiiruu' (Conversion therapy) seera haaraa baasteen dhorkite.
Seerri haaraa kunis Yaa'ii Biyyooleessaan sagalee guutuun raggaasifameera.
Namni seera haaraa kanaan balleessaan irratti argame hanga Paawundii 25,000 fi ganna lama hidhama.
Pireezidant Imaanu'el Maakron seerri kun bahuusaatti gammachuu qaban ibsuun, ''of tahuun yakka miti,'' jechuun tiwiit tolchan.
Seerri kun amma duras Seeneetii biyyattiin kan deeggarame wayita tahu, cichitoonni miseensa paartii Rippablikaan muraasni mormanii turan.
Seerri kun Aabba Maakirooniin mallatteeffamnaan, guyyoota 14 keessatti hojiirra oola.
Conversion therapy kun shaakala saayinsii sobaatiin saala namaa yookaan ammoo filannoo saalaa namoonni qaban wa'laansaan jijjiiruu yaaluuti. Kunis kan taasifamu qoor-qalbii/xiinsamuu irratti, qama irratti ykn karaa hafuuraan/kadhataan irratti hojjetameeti jedhama.
Dhaabbileen fayyaa Conversion therapy kana barmaata/gocha hin taaneefi miidhaallee geessisu akka ta'e dubbatu.
Ogeeyyiin Dhaabbata Gamtoomanii yaalii 'conversion therapy' jedhamu kana irra deddeebiin balaaleeffataa turan. Yaaliin kun maloota akka lilmee waraanuu, annisaa elektirikaa itti gadhiisuufi kadhannaa kan of keessaa qabu oggaa tahu, kunis eenyummaa namoota LGBTQ tahan jijjiiruuf kan taasifamudha.
Ministirri Walqixxummaa fi Daneessaa Firaans Aadde Elizaabez Morenoo gochaan kun ''gara-jabinadha'' jechuun balaaleeffatan. Dabaluunis, namoota yaalii kanaaf saaxilaman irratti ''godaannisa qaamaafi sammuu hin fayyine dhiisee dabra,'' jedhan.
Seerri haarayaa kun namoota gochaa kanaan miidhamaniif carraa garagaraa bana jedhameera - fakkeenyaaf gareeleen miidhamtoota bakka bu'uun himannaa banuu malu.
Yoo miidhamaan umuriin kan hin geenye ykn saaxilamaadha kan jedhamu taanaan, adabbiin dabalamuu danda'a - hidhaan hanga ganna sadii dheerachuu mala, adabbiin maallaqaas gara pawundii 37,000tti guddachuu mala.
Seerri kun kan ragga'e wayita Firaansitti erga saala walfakkaataa jaalachuun (homosexuality) seeraan adabsiisuun isaa erga hafe waggaa 40 guutee kanatti.
Seeroonni walfakkaatoo tahan biyyoota addunyaa garagaraa kanneen akka Kaanaadaa, Biraazil, Ikuwaador, Maaltaa, Albaaniyaa fi Jarmanii keessattis hojiirra oolaniiru.