Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US dhiiraa fi dhalaa irratti dabalataan koorniyaa sadaffaan paaspoortiirra akka jiraatu karoorsite
US koorniyaan sadaffaa paasportii irratti akka filannootti akka jiraatuuf karoorsuu ibsite.
Ministirri haajaa alaa Antoonii Biliinkan filannoo dhiiraafi dubaraan alatti dabaluun yeroo fudhachuu mala jedhan.
Seerri geeddaramu kuni namoonni paaspoortii isaanii irratti dhiira, dhalaa kan jedhu ofiin akka filatan eeyyama jedhaniiru.
Kana dura kan waraqaan ragaa dhaloota isaanii jedhuutiin alatti saala/koorniyaa isaanii yoo himatan ragaa hakiimaa akka fidan gaafatamu.
Waajirri isaanii ‘’imaltootaaf tajaajila mijataa tahe kennuuf’ qaamota ilaallatu waliin akka hojjetuufi namoonni jijjiirama taasifamu akka hordofan gaafateera.
‘’Tarkaanfii kanaan, kutannoo hawaasa jaalattoota saala wal-fakkaataa ykn LGBTQI gargaaruuf qabnu nan ibsa,’’ jedhan.
Tarkaanfiin kuni warreen saala dhiiraafi dubartiin of hin ibsine, qaama saalaafi hormaataa kan dhiiraafi dubartii qabaniifi saalaan warra of ibsuu hin barbaanneef carraa kenna.
Kunis tarkaanfii dhiyeenyaa bulchiinsa Joo Baayidaniin kenname dha.
Torbee darbe pireezidantiin biyyattii mirga LGBT deeggaruuf bakka bu’aa addaa filataniiru.
Biyyooti addunyaa garagaraa ragaalee idilee irratti dhiiraafi dubartiin alatti filannoo adda addaa ni kennu.
Indiyaa, Paakistaan fi Nepaal dhiiraafi dhalaan alatti filannoo abbaan ittiin of ibsu ni kennu. Neezarlaandis filannoo kana bara 2018tti kenniteetti.
Dhimma kanarratti duula kan geggeesitu lammiin UK paaspoortii saala lamaan qofa hin daangeffamne akka kennu falmitus bara 2020tti hin mikoofneef ture.
Dhaddachi UK dhimma kana dhaggeeffachuuf Adoolessa 12 beellama qabateera.