Hariiroo walxaxaa hayyoota gurguddoo adunyaa lamaan- Oppinheeyimeriifi Albarti Inistaayin kana beektuu?

"Amma yerootti bu'aa hojiikee haammattudha.'' Kun jecha hayyuu fiiziksii Albarti Inistaayin dhuma fiilmii Oppenheemer irratti miiltoo isaa Roobart Oppenheemiriin jedhedha.

Fiilmichi akkamiin Roobarti Oppenheemer bara 1940 keessa pirojaktii mootummaa Ameerikaa Manhaatan dursuun ''abbaa boombii atoomawaa'' akka ta'e himudha.

Fiilmicha keessatti Inistaayin gara dhuma jireenya isaa keessa ture. Yeroo sana lamaan isaanii, qorannoodhaaf yuunvarsiitii Piristanitti waliin turan.

Boodarra Oppenheemer bara 1947 hanga 1966tti daariktara pirojeektii Manhaatan, bakkatti boombiin atoomawaa qophaa'ee, tahuun hojjechaa ture.

Lamaan isaanii bara sana keessa saayintistoota haalaan qaalii tahan keessaa tokko turan.

Garuu lamaanuu akkaataatti fiiziksii hubataniifi akkamiin akka qorannoon isaanii addunyaa fayyadaduufi miidhaa qabaaturratti garaagarummaa ofii ni qabu.

''Nuyi waayillan hojii baay'ee walitti dhiyaannudha, inumaa hiriyyootas,'' jedhe Oppinhemer, bara 1965 konfiransii boqachuu Inistaayin waggaa kurnaffaa sababeffachuun Paarisitti qophaa'e irratti.

Fiilmii isaa keessatti daarikterri fiilmichaa Kiristoofer Noolaan saayintistootni lameen yeroo waliin dubbatan galcheera.

Garuu bifa asoosamaan tahus, Oppenhemer gorsa abbummaaf Inistaayinitti yeroo odeessu agarsiisa.

Dhugaa dubbachuuf, lamaan isaanii jireenya isaanii isa dhugaa keessatti garaagarummaa qabaatanis garuu kabaja guddaa waliif qabu jedhe.

Jireenya hayyoota lameenii wal cinatti

Yeroo dargaggoo Roobarti Oppinheemer bara 1920 yuunvarsiitii irraa eebbifamuun ‘theoretical physics’ ispeeshaalaayiz godhu, Albarti Inistaayin ammoo bara 1915 hojii isaa fiiziksii keessaan badhaasa Noobelii mo’ateera.

Inistaayin yaad-rimee ‘Theory of General Relativity’ jedhuufi hojii isaanii kaaniin saayintistoota Ameerikaa biratti dhiibbaa guddaa uumuun badhaasicha mo’ate.

Jarman keessatti yeroo ari’annaan warra Jiiwushii irratti hammaate Inistaayin Awurooppaadhaa baqachuun Ameerikaa Niiw Jeersii, Piristen keessa buufachuun bara 1932 hojii isaa itti fufe.

Yeroo xiqqoon booda Adoolessa bara 1939, xalayaa waayilli isaa Liyoo Sizlard, barreesse irratti mallatteessuun pirezidaantii US yeroo Sanaa Firaankliin D Ruuzvelti, erge.

Xalayicha irratti sababa argannoo saayinsii Yuuraaniyeemii caccabsuu argataniin Jarman, boombii atoomawaa hojjechuu akka adandeessu Waayiy Haawus akeekkachiisuun barreesse.

Yaadni kun icciitiidhaan Ameerikaan akka isheen pirojeektii Manhaatan dhaabdu sababa taheera. Oppinheemer ammoo bara 1942 hogganaa pirojeektichaa gochuun muudan.

Yeroo sana Oppinhemer saayintistoota adda duree jiran keessaa tokko ture.

Akka maddeen adda addaa jedhanitti Inistaayin ganna 64 tahe, yeroo sana sababa hiddi dhaloota isaa Jarman taheefi ilaalcha warra [Left Wing] waan qabuuf pirojeektii gabbisa boombii atoomawaa Manhaatan keessatti hin hirmaanne.

Fiilmiin Noolaan kitaaba waa’ee Inistaayinii fi Pinhemer, Kaay Birdii fi Maartin Sheerwiin barreessan irratti bu’uureffate.

Noolaan fiilmicha keessatti hariiroo lameen isaanii agarsiisuuf yaaleera. ''Hariiroo isaanii akka hojiin isa hangafaa fi hogganaa isa xiqqaadhaan akka jalaa butameettan ilaala,’’ jechuun daarikterichi Niiw Yoork Taayimsitti hime.

Inistaayin gabbisa boombii Atoomawaa keessa turee?

Yeroo pirojektiin Manhataan gaggeeffamaa turetti, Oppinhemer boombiin atoomawaa hojjechaa jiru fageenya hammamii deemuu danda’a kan jedhu irratti waan shakkii qabuuf deemee Inistaayin irraa yaada isaa gaafateera.

Haatahu malee, kun dhugaa lafa jiru kana hin agarsiisu. Waan fiilmii keessatti uumanii agarsiisanidha.

''Wantoota xixiqqoo an jijjiire keessaa tokko Enistaayin kan gorse Oppinhemer miti. Artur Kompitoon, nama yeroo sana yunvarsiitii Chikaagoo keessatti buufata waraanaa Manhaatan gaggeessaa turedha,’’ jechuun Noolaan gaazexotaataaf ibse.

''Inistaayin eenyummaa isa dhaggeeffattootni ykn daawwattootni beekanidha.’’

Oppinhemer bara 1943 hanga 1945tti Piristan irraa kiilo meetira kumaatama fagaachuun Niiw Meksiikoo keessatti Laabiraatoorii Loos Alaamos keessa hojjechaa ture.Yeroo kanatti saayintistiin Ameerikaa kun gorsaaf Inistaayin wal arguun isaanii waan beekamu hin jiru.

Garuu bara 1965 Oppinhemer ofuma isaa oduu Inistaayin boombii atoomawaa adunyaa barbadeessu kana hojjechuu keessatti qooda qabaachuu danda’a jedhamu adda baasee ture.

''Akka yaadakootti boombii atoomawaa hojjechuu keessatti Inistaayin qooda qaba kan jedhamu, oduu sobaati,’’ jechuun konfiraansii Paaris irratti dubbate.

Akka yaada isaatti xalayaan Inistaayin bara 1939 pirezidaantii Ameerikaa yeroo Sanaa Ruuzveltiif Jarman boombii atoomawaa hojjechaa jirti jechuun kenne mootummaa Ameerikaa irratti ''dhiibbaa fide hin qabu.’’

Yaalii boombii atoomawaa jalqabaa milkaa’aan booda, Oppinhemer qeeqa guddaa mudate.

Kalaqni isaa ittiin doorsisuuf osoo hin taane meeshaa waraanaa barbadeessaa tahe jedhamuun qeeqame.

Bara 1945 yaaliin boombii taasifame Hiirooshimaa fi Nagaasakii barbadeesse.

Saayintistootni hedduun Enistaayinii fi Sizilaard fi kaan dabalatee boombiiwwan sun magaalota Jaappan irratti darbaman kan jedhu qeeqaniiru. Sababni isaas yeroo sana Jaappan waraanaan dursitee mo’amteetti.

Fiilmiin Noolaan ammoo Oppinheemer akkamiin teeknoloojii kalqaqe daangessuun akka danda’amu irratti motummaa Waashingitan akkamiin akka amansiise agarsiisa.

Haatahu malee, namootni siyaasaa gara isaatti garagaluun hariiroo inni mootummaa komunistii waliin qabu kaasuun nageenya biyyaaf balaa waan taheef mootummaa fuulduratti bahee jecha isaa akka laatu gaafataa turan.

Birdii fi Sheerwiin kitaaba isaanii keessatti Enistaayin Oppinheemriin akkas jedhe. ‘’Biyya isaa akka gaariitti waan tajaajileef, kanarra mana falfalaa deemuu hin qabu ture,’’ jedhe akka barreessaan waldaa saayintistoota Ameerikaa Verna Hoobson dubbii isaanii dhagahuun himetti.

''Kun oolmaakeef badhaasa Ameerikaan siif kennitu yoo tahe, dugda itti gatuu qabda,’’ jechuun Enistaayin itti hime jedhe.

Hoobson akka jedhetti Oppinhemer ''Ameerikaa jaalata, jaalalli inni Ameerikaaf qabu akkuma kan saayinsii qabu sana gadi fagoodha.’’

"Enistaayin hin hubanne, jechuun Piinhemer ammoo Hobsonitti hime.

Akka Enistaayinitti yoo tahe, Oppinhemer Waashingitan irraa waan addaa eeguu hin qabu.

Danuu wal dhabdee isaanii, lamaan isaanii ammo walis dinqisiifatu, walis kabaju. Enistaayin waa’ee Oppinhemer akkas jechuun yaadatama.

''Oppinhemer ‘’nama dandeettii guddaa qabudha, barnoota hedduus qaba, naman hedduu dinqisiifadhudha, namummaa isaa garuu hojii isaa fiiziksii keessaa miti,’’ jedhe.

Guyyaa yaadannoo boqachuu Enistaayin waggaa 10ffaafi waggaa 50ffaa General Theory of Relativity irratti, Oppinheemer gumaacha Enistaayin namni Jarmanii irraa ta'e fiiziksii keessatti qabu haalaan dinqisiifate.

''Hojiileen Enistaayin gara jalqabaa haalaan miidhagoo turan. Garuu ammoo dogogoraan kan guutamaniidha. ''Oppinheemer Paariis keessatti, hojii Enistaayiin hojjachuuf keessatti hirmaate dubbisee sirreessuudhaaf waggaa kudhan itti fudhachu'' hime.

Itti dabaluun ammoo, ''Namni ani dogongora isaa sirreessuuf waggaa 10 natti fudate mana cimaadha,'' jedhe.