Jarman garee 'finxaaleyyii' mootummaa humnaan fonqolchuuf qophaa'aa turanirratti himata bane jette

Madda suuraa, SHUTTERSTOCK
Jarman garee 'finxaaleyyii" mootummaarratti humnaa fonqolcha gaggeessuf qophaa'aa turan irratti himannaa banuu beeksifte.
Garee kana keessaa namoonni shakkaman 27 to'annaa jala oolun himanni irratti baname jedhame.
Kanneen mootummaa humnaan fonqolchuuf shakkamuun himanni irratti baname kun miseensota garee finxaaleyyii ykn leellistootaa Reichsbürger ykn Sochii Lammiilee Riech jedhamuun beekamuuti.
"Miseensonni garichaa dhaabbilee biyyaafi sirna heeraa dimokiraatawaa kan mormaniidha," jedha himanni irratti dhiyaate.
Miseensonni garee kanaa bulchiinsa sirna warra mootii kan leellisaniidha jedhame.
Mootummaan Jarman akka jedhetti gareen kun mootummaa humnaan fonqolchuuf bara 2021 kaasee qophaa'aa ture.
Garichi kaayyonsaa humna hidhate muraasa qopheessun parlaamaa Jarmanii, Budastaag, humnaan cabsee seenun aangoo to'achuuf akka ture himannaan dhiyaate ni ibsa.
Fonqolcha mootummaa erga gaggeessanii booda, Jarman biyya akkamii ta'uu akka qabdus karoora baafatanii qabu jedhame.
Karoora garichi qopheeffate jedhame kanaan 'Piriinsi' Reuss gaggeessaa biyyaa ta'a. Aangoo akkuma qabateen biyyoota michuu Waraana Addunyaa Lammaffaa mo'atan waliin marii ni gaggeessa.
Himanni irratti dhiyaate akka jedhutti Reuss fonqolcha gaggeeffamuuf jedhurratti deeggarsa barbaacha bakka bu'oota mootummaa Raashiyaa waliinis dubbate.
Paartii leellistootaa Alternative for Germany party jedhamu keessaa Birgit Malsack-Winkemann ministeera haqaa taati jedhamee karoorfameera.
Qorattoonni yakkaa akka jedhanitti, fonqolchi erga gaggeeffamee ministeera haqaa taati jedhamuun kan kaadhimamte Birgit gamoowwan parlaamaa Jarmanii, Bundestaag, keessa sirriitti barteetti.
Namoota biroo kana keessaa harka qaban wajjinis wal-arguushee ibsan qorattoonni yakkaa.
Gareen hidhatanii mootummaa Jarmanii kuffisuuf dhoksaan hojjataa turan jedhamuun to'ataman kunneen, miseensota waraanafi poolisii biyyattiillee ofitti dabaluuf yaalaa turan jedhame.
Akkaataa himannaa dhiyaatetti, garichi namoota diina jedheefi ajjeefamuu qabu jedhes adda baafatee eegaa ture.
Gama biraan ammoo kanneen miseensa garichaa ta'an walii galtee icciitii eeguu kan waliif mallatteessan yoo ta'u, namni icciitii baase waadaa haale jedhamee haa ajjeefamu jedhaniis walii mallatteessaniiru.
Kanneen fonqolcha gaggeessufi jedhamuun shakkaman kunneen meeshaalee waraanaa 380fi rasaasa 148,000 harqaa qabu jedhame.
Biiron damee tika biyya keessaa Jarmanii akka ibsetti sochiin Reichsbürger biyyattii keessa deeggartoota 23,000 ol qaba.












