Gaardiyoolaan himannaan Siitiirratti baname dhiyootti dhaga’amuu jalqabuutti “gammaduu” hime

Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaan himannaawwan akaakuu 115 kilabicharratti dhiyaatan yeroo dhiyoo keessatti dhaga’amuu jalqabu jedhamnaan “gammaduu” hime.

Himannaa Siitiirratti banaman kana komishiniin naamusaa walaba ta’e dhimmicha ilaalu kan hundeeffame yoo ta’u, danbiiwwan faayinaansii Piriimer Liigii cabsuu kan jedhu ture himannaan kun.

Kunis hanga bara 2009 duubatti deebiyee kan irratti banamedha.

BBC Sports akka hubatetti himannaan Maan Siitiirratti baname kun ji’a Fulbaanaarraa eegalamee dhaga’amuu kan jalqabu yoo ta’u, bu’aan isaa ammoo gara ji’a Amajjii keessa baramuu danda’a.

Maan Siitiin himannaawwan irratti dhiyaate kana dhara jechuun “ragaa quubsaa ta’e” akka qabus himeera.

“Bu’aa hunda keenyaatiif yeroo dhiyootti waan jalqabee dafee xumurama jedhee waanan abdadhuuf ani gammadeera,” jedhe Peep Gaardiyoolaa.

“Keessumaa ammoo kilabichaaf garuu kilaboota Piriimer Liigii hundaafis akkuma kana. Akkuma namni kamiyyu waan isatti murtaa’uu barbaadu eeggachuu hin barbaadne [nuti dafnee waan jiru baruu feena].

“Dhaddacha abbootii murtii walabaa kanarratti dhiyaachuu onnee kiyya guutuun barbaada, -irra deebiyeen jedha abbootii murtii walabaa-kanaaf waan ta’e osoo dafee gadhiifamee nutis akkuma yeroo kaanii waan hojjenne fudhannee.”

Yaada himannaan Maan Siitiirratti baname kun dhaga’amuun raawwii kilabichi dirreerratti agarsiisu miidhuu mala jedhu Gaardiyoolaan hin fudhanne.

“Lakki, waa’ee kanaa odeeffamaadhuma wagga sadii ykn afur dabarsineerra,” jechuun waan haaraa akka hin taane dubbate Gaardiyoolaan

Maan Siitiin erga himatamee amma ji’oota 18 lakkoofsiseera. Himannaan kun kan irratti banames qorannoo wagga afurii hordofee yoo ta’u, hoji-gaggeessaan Piriimer Liigii Richaard Maasters dhiyeenya kana BBC Sports’tti akka himanitti “dhimmichi fala argachuun yeroon isaa ammadha” jedhan.

Dhimma seeraa birootiin ammoo Maan Siitiin Piriimer Liigiirratti himannaa baneeru qaba. Himannichis seerawwan waliigalteewwan ispoonsarshippii ‘fair’ Liigichi dhiphaa taasise kan ilaallatu yoo ta’u, bu’aan himannaa kanaas torbanoota muraasa itti aanan keessatti baramu jedhamanii eegamu.

Himannaan Maanchester Siitiirratti dhiyaate ammoo bara 2009 irraa kaasee kan waggoota sagalii ilaallatudha. Bara 2009 irraa kaasee, si’a torba shaampiyoonaa ta’aniiru, garuu himanni irratti baname kun mirkanoofnaan carraa kilaba gadiitti bu’uu, akkasums kan isaan mo’atan irraa fudhatamuullee hordofsiisuu danda’a.