Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aston Viilaan bara darbe Arsenaaliin dhaqa-gala mo‘ate, bara kanoo? Tilmaama Piriimer Liigii torban kanaa
Bara darbe Aston Viilaan dhaqaa-gala dirree isaafi dirreen alatti Arsenaaliin mo’ate. Kun ammoo akka Arsenaal shaampiyoonaa hin taane godheera.
Bara kana hoo? Dorgommii Arsenaal waancaaf taasisu jalqabumarraa gufachiisuu lata?
“Ani kana arguudhaaf baayyee ariifachaan jira,” jedha ogeessi kubbaa miilaa BBC Sport Kiriis Saatan.
“Aston Viilaan bara darbe tapha lamaaniin Arsenaaliin adabeera. [Bara kana] garuu Mikeel Arteettaa gareen isaa akka dammaqanii seetoodhaan taphatan mirkaneeffachuudhaaf hattoota kiisii namaa seenan qacaruu dabalatee kalaqawwan isaa hunda fayyadamaa jira.
Osoo taphattoota isaa keessaa tokko wayita hattuun kiisii seentee waan isaan qaban fudhachaa jirtuu qabeera ta’ee gaarii ta’a ture…”
Kiriis Saatan bara kana taphoota Piriimer Liigii 380 keessummoota garagaraa waliin ta’uun tilmaamaa jira.
Tilmaama Kiriis Saatan kennu akka itti aanutti isiniif dhiyeessina. Isin kan isaa dubbifachuun ofiin tilmaama keessan kenadhaa.
Sambata Hagayya 24
Biraayitan v Maan Yunaayitid
Taphni kun dirree Biraayitan istaadiyeemii Ameksitti waaree booda sa’aatii 8:30 irratti gaggeeffama.
Taphoota Piriimer Liigii gara jalqabaa kana mo’achuuf Erik Teen Haag akkaan barbaada. Kun ammoo Maanchester Yunaayitid gahumsa agarsiisuu qaba jedhamee irraa eegamurra ga’uuf isa gargaara waan ta’eef.
Bara kana Maan Yunaayitidiif Lisaandiroo Maartiineez taphataa murteessaadha. Namni hunduu waa’ee taphataa sarara fuula duraa akka odeessu beekamaadha. Garuu kilabichi yeroo dare Maartineeziin sarara ittisaarraa dhabuun isa miidhee waan tureef amma sarara kanarratti foyyee qaba.
Torban darbe Biraayitan Everteniin ni mo’ama jedhee tilmaameen ture, garuu salphaatti mo’atee deebiye. Faabiyaan Harzeler jalqabbii gaarii agariisaa jira.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-1
Kiristaal Palaas v Weest haam
Taphni kun waaree booda dirree Kiristaal Palaasirratti waaree booda sa'aatii 1:00 irratti taphatama.
Torban darbe Kiristaan Palaas tapha Bireentifoord waliin turerratti gaarii taphatee ture garuu dhumarratti ni mo'ame. Oliiver Gilaasner jalatti Kiristaal Palaas biraa argaa jirra. Haata'u malee, Jo'aachiim Anderesan gadhiisee Fulhaam waan deemeef kun isaanii fmiidha aguddaadha.
Juulen Lopetegu'iif Weest Haam haaraa waan ta'eef mo'achuun jalqabuu barbaada.
Tilmaama Kiriis Saatan: 2-2
Fuulhaam v Leester
Taphni Fuulhaam dirreesaa Karavaan Kotej irratti sa'aatii 11:00 irratti Leester simatee keessummeessu kun bara kana gara Piriimer Liigiitti kan deebi'e Leesterfiif salphaa hin ta'u.
Fuulhaam tapha torban darbe Maan Yunaayitid waliin taphaterratti qabxii dhabanis dorgomaa cimaa ture.
Leester Siitiin ammoo Tootenhaam waliin 1-1 walqixa ba'uun qabxii qooddatee galuun cimina agarsiisee ture. Jaamii Vaardii Piriimer Liigii keessatti deebiyee arguunis hawwataa ture; goolii sanas isatu warra Leesteriif lakkofsise.
Amma garuu Fuulhaam qe'ee isaarratti ni mo'ata.
Tilmama Kiris Saatan: 2-0
Maan Siitii v Ipsiwiich
Taphni kunis dirree Siitii Itaad irratti sa'aatii 11:00 irrati gaggeeffama.
Gabaa jijjiirraa keessatti waan Ipsiwiich godhe dhugaatti jaalladheera. Armaadoo Birooyaa mallatteessifataa jiru. Saamii Simoodics, Liyaam Delaap fi Omaarii Haachinsan akkuma kana garee kanaaf dhfaniiru.
Maancester Siitiin akkuma barame Chelsii waliin taphatee mo'ateera. Kun waanuma arameefi eegamudha; kanaaf Siitiin yaadoo Arsenaal, Liiverpuuliifi kaan oolchii hin qabne ta'ee itti fufa.
Tilmaama Kiriis Saatan: 4-1
Saawozihampitan v Notingihaam Forest
Taphni kunis sa'aatii 11:00 irratti dirree Saawozihampitan St. Marii Isteediyeemiirratti gaggeeffama.
Saawozihamitan tapha torban darbe Niwkasil waliin tapharanirratti cimoo turan.
Waan isaan ittiin qeeqaman carraa Niwukasil namni tokko kaardii diimaan jalaa bahee taphattotan 10 qofaan turanitti fayyadamuun lakkoofsisuu dhabuusaanii ture.
Ga'umsi Saawozihampitan agarsiisee ture garuu qabxii argachuun ni malaaf ture.
Notingihaam Forest garuu miidhaa hamaa Daanilloo mudateen yaaddoo keessa jira. Ta'us garuu Forest ni mo'ata jedheeman tilmaamama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 0-1
Tootenhaam v Everten
Tapha dirreesaarratti simatee sa'aatii 11:00 irratti gaggeefffamu kanaan Tootenhaam akka mo'atu tilmaameera Saatan.
Torban darbe Tootenhaam tapha Leester waliin turerratti boqonnaa dura qofa yaalii goolii galchuu baayee taasise, garuu waan hin milkoofneef qabxii gateera.
Everten ammoo torban darbe daqiiqaa 20 jalqabaa Biraaitan waliin taphaterratti gahumsa dinqisiisaa agarsiisee ture.
Tapha kana garuu Tootenhaam deeggartootasaa duratti waa ntaphatuuf ni mo'ata.
Tilmaama Kiriis Saatan: 3-1
Aston Viilaa v Arsenaal
Taphni kun dirree Aston Viilaa, Viilaa Paark irratti sa'aatii 1:30 irratti taphatama.
Torban darbe Arsenaal Wololviz waliin taphatee caalaa agarsiisuun mo'ateera.
Aston Viilaanis Weest Haamiin mo'ateera.
Taphni kun walixeen waan xumuramu fakkaata garuu gareen arteettaa Arsenaal kiisii Aston Viilaa seenanii butatanii mo'atanii galu jedheen tilmaama.
Tilmaama Kiriss Saatan: 1-2
Dilbata Hagayya 25
Barnimaz v Niwukasil
Vitaaliitii Isteediyeemiitti Barnimaz Niwukasil simatee sa'aatii 10:00 irratti keessummeessa.
Niwukasil torban darbe hafuura kutatanii Saawoziampitaniin tahattoota kudhaniin taphatanii mo'ataniiru. Barnimaz ammoo Nootingihaam Forest waliin walqixa bahe.
Cimina torban darbe agarsiisaniin Barnimazitu caala garuu ani deeggaraa taphataa sarara fuula duraa Niiwukasil Aleksaadar Ayizaak waanan ta'eef Niiwukasil ni mo'ata jedheen tilmaama.
Tilmaama Kiris Saatan: 1-2
Woolviz v Cheslii
Taphni kunis sa'aatii 10:00 irratti dirree Woolviz irratti gaggeeffama. Garee leenjisaa Cheslii haaraa Enzoo Maareskaa filatee hiriirsu arguu hawwaan jira. Haata'u malee, filannoo isaa keeessa Raahem Isterliing hin jiraatu. Taphataan kun lakkoofsi torba irraa fudhatameera.
Chesliin yroo darbe Maan Siitiin qimmiidameera. qimmiiddaan kun itti dhaga'amuun hin oolu jedheen yaada. Woolviz tapha Arsenaal waliin torban darbe taphataniin ifaajaniiru.
Miilana Cheslii waliin walixa galu jedheen tilmaama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-1
Liiverpuul v Bireentifoord
Liiverpuul Dilbata 18:30 irratti dirreesaa Anfildirratti simatee Bireentifoord waliin taphata.
Bireentifoord goolii tokko argatanii ture torban darbe. Iyaan Tooniin amma leenjiitti deebiyeeraaf. Oduun gara Sa'ud Arabiyaa deemuu mala jedhu tureera. Umurii ammallee hedduu hojjechuu qaburra osoo jiruu achi deemuun isaa oduu gaarii miti jedhaan yaada ani.
Liiverpuuul torban darbe leenjisaa isaa haaraa Arnee Siloot jalatti Ipsiwwichiin mo'ateera.
Mohaammed Saalaah ciminasaa gaarii ta'eerra jiraaf. Sararri fuula duraa Liiverpuul Bireenifoordiif sodaachisaa ta'a jedheen yaada.
Tilmaama Kiriis Saatan: 3-1