TikTok gaazexeessituu UK karaa akkaawuntii adurree isheetiin hordofuu amane

Madda suuraa, ROBERT TIMOTHY/BBC
- Barreessaa, Zoe Kleinman
- Gahee, Gulaaltuu Teknoloojii
Ayyaana Qillee bara dabre guyyaa lamaan dura, TikTok gara gaazexeessituu Landan buufatte Cristina Criddle'tti bilbila dhawe. Hojjettoonni kaampaanichaa lama Chaayinaa irraa fi lama US jiran, beekumsaafi fedhiishee malee ragaa itti fayyadama ishee ilaalaniiru jedhee itti hime.
"Akkaan kan nama naasisuufi hamaa ture. Akka dhuunfaatti ammoo miidhaan narra gahuuttin [fudhadhe]," jette.
"Mana maatii keenyaatti maatiiwwan koo umriin dargaggummaa keessa jiraniifi yeroo mara TikTok fayyadaman wajjin turre. 'Akkanaa, kun nu dhiphisuu qabaa?' jechuun na gaafatan."
Gaazexeessituu Financial Times kan taate Kristiinaa dhimmi mudate kun, TikTok fi dhaabbanni isa bulchu ByteDance, tasumaa hin mudatu jechuun irra deddeebiin haalaa turan. Kanaafis gaazexeessituun teknolojii kun dhimmicha BBC News'tti himuu barbaadde.
'Sodaa dhugaa'
TikTok hojjettoonni isaa damee 'audit' keessa jiran, lakkoofsa addaa teessoo Kiristiinaa agarsiisu - IP address ishee ilaaluu isaanii mirkaneesse. Jarris lakkoofsa kana, hojjettoota isaanii lakkoofsi isaanii hin baramne wajjin walbira qabanii ilaalan.
Sababni kana itti godhaniifis, dhaabbaticha keessaa eenyutu miidiyaatti icciitiin dubbata kan jedhu baruuf ture.
TikTok hojjettoonni kun "aangoo isaaniitti haala hin malleen fayyadaman, kanas kan godhan heeyyamaan ala ture," jedhe.
Kiristiinaan yoomirraa qabeefi yeroo hagamiin akka hordofamaa turte hin beektu - garuu ganna dabre keessa tahuu beekti.
"Bakki argama koo 24/7 hordofamaa ture taanaan, bakka hojii kootti duwwaa kan hafe miti jechuudha - otoo tahellee sirrii miti. Jireenya koo dhuunfaattis kan gale ture," jetti.
Wayita ani hiriyoota koo wajjin walargu, boqonnaarra yogguun ture, kun hundi achirra jira.
"Sodaan dhugaafi waanti nama yaaddessu, ani hojiikoo duwwaan hojjechaa ture."
Akkaawuntiin TikTok gaazexeessituu kanaa bilbila harkaasheerra kan jiru ennaa tahu, maqaa adurreeshee Buffy jedhamuuni. Eenyummeessaa isheerra maqaanshees tahe hojiinshee maal akka tahe hin eeramne.
Akkaawuntii kanaanis hordoftoota 170 kan qabdu ennaa tahu, waggaa sadiif viidiyoowwan Buffy 20 tahan gadhiisteetti. Viidiyoon kunis giddugaleessaan dhibba muraasatti ilaalaman.

Akkuma marsaalee hawaasaa birootti, TikTok waa'ee namoota akkaawuntii bananii fayyadamanii odeeffannoo hedduu walitti qaba. Isaa keessaa:
- ragaa bakka itti argamaa
- hanga jaalatame - "likes"
- meeshaa itti fayyadamtan - moobaayila, kompiyutara,...
- abuura intarneetarraa bakka biraattillee taasiftan
Ragaan (data) fayyadamtoota Biyyoota Lixaa Chaayinaarraa ilaalamee yookiin achittis kuufamee hinbeeku jedha kaampaanichi.
Dabaluunis hojjettoonni mirga mateenyaa Kiristiinaa dabalatee gaazexeessitoota Lixaa biroo sarban, hojiirraa hari'amuun isaanis himameera.
Kaampaaniin TikTok of harkaa qabu ByteDance, "sarbama cimaa ittiin bulmaataa irratti raawwatameef gadduu'' himuun, taateen akkasii irra deebiin akka hin mudanneef kutannoo qabaachuus hime.
'Hordofamuu'
Ji'oota gannaa dabre keessa hojjetaan haala hojimaataa TikTok'n dallansuu qabu gaazexeessituu kanatti dubbachaa ture. Hordoffiin kanaaf jecha isheerratti taasifame maddishee eenyu akka ta'e bira gahuu hin dandeenye jedha TikTok.
Kiristiinaan akka jettutti taateen kun Qajeelfama Eegumsa Daataa Gamtaa Awurooppaa - EU cimaa tahe cabsuu mala. Kaampaaniiwwan kana daddarbanii argaman irrattis adabbiin cimaa ni murtaa'a.
Ammaaf Kiristiinaan akkaawuntiishee hin cufne, sababnisaa hojiisheef jecha TikTok barbaaddi. Tahus appichi kan fe'amee jiru bilbilasheerra osoo hin taane, bilbiluma kanaaf jedhamee qophaa'eefi hagas mara itti hin fayyadamnedha - kan taahus achuma bakka hojiitti.
Kana malees taatee mudate hordofee, fayyadama marsaalee hawaasaa isheefi addurreeshee Buffy daangeessiteetti.
"Waa'ee nageenyakoo yaaduun narra ture - keessattuu nageenya dijitaalaa koo," jetti.
'Tarkaanfii dabalataa'
Yunivarsiitii Surrey'tti ogeessi nageenya saayibarii Prof Alan Woodward waan jedhan, "hordoffiin hanga kanaa, kan tasa mudatedha jedhamuu hin danda'u."
"Nami tokko karaa dheeraa deemuun, akkaawuntiin adurree kanaa Kiristiinaa tahuushee baruu qaba," jedhan.
TikTok Ameerikaatti turuufi dhabuusaa irratti falmii gochaa kan jiru ennaa tahu, biyyoota kaanittis bilbiloota mootummaarraa akka itti hin fayyadamneef dhorkaan kaa'ameera.
ByteDance waajirri muummee isaa Beejing ennaa tahu, waajiraalee biroo Awurooppaafi US keessaa qaba. Haatahu malee ragaa fayyadamtoota biyyoota Lixaarraa tahan, mootummaan Chaayinaa yoo gaafate ni kenna sodaan jedhu jira.
Kana gidduutti garuu appiin kun addunyaarra akkaan beekama - marroo biiliyoona 3.5 buufameera.












