Sudaanitti gareewwan wal-waraanaa jiran mariif Sa’ud Arabiyaa seenan

Madda suuraa, Reuters
Bakka bu’oonni gartuulee Sudaanitti wal waraanaa jiraanii yeroo jalqabaaf kallattiin walitti dhiyaatanii mariyachuuf Sa’ud Arabiyaa seenan.
Haasaan seensa marii Waraana Sudaaniifi gartuu Humna Dafee Qaqqabaa (RSF) giddutti gaggeeffamu Jiddaatti Sambata akka eegalu ibsame.
Marii kana Ameerikaa fi Sa’ud Arabiyaatu mijeesse.
Waraanni Sudaanitti torbanoota muraasa dura erga eegalame as dhukaasa dhaabuun irra deddeebiin labsame hin milkaa’in hafeera.
Gartuuwwan waraanaa jiran kun lamaan dhukaasa yeroo, gargaarsa namoomaaf dhaabuurratti akka mariyatan ibsan garuu guutummaatti waraana dhaabuuf miti.
Amma yoonaatti mariin kun taa’amuf dhiisuu ykn enyuu gartuuwwan akka bakka bu’e waanti beekamu hin jiru.
Ministirri Dhimma Alaa Sa’udii Feyisaal bin-Farhaan garuu bakka buutota gareewwan lamaanii simataniiru.
Feyisaal gama isaaniitiin mariin kun ‘’waraanni Sudaan akka goolabamuf karra banuun, Sudaan nageenyaa fi tasgabbiitti deebisa,’’ jedhanii amanu.
Hogganaan Humna Dafee Qaqqabaa Sudaan Jeneraal Hamdaan Dagaaloo tiwitara gubbaatti tattaaffii dhukaasa dhaabuuf taasifamu dinqisifachuun fi ummanni Sudaan deeggarsa argachuu akka qabu kaasan.
Dagaaloon gartuun RSF’’aangoo gara bulchiinsa siviliin hogganamuutti dabarsuuf kutannoo qaba,’’ jedhan.
Jeneraal Dagaaloon hoggaanaa waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan waliin aangoo wal saamuuf qabsoo jabduutti jiru.
Mariin Sambata Sa’uditti eegalama jedhame kan dhaga’ame wayita lolli magaalaa guddoo biyyattii Kaartumitti ittifufettidha.
Waraanichi erga eegalamee lubbuun namoota dhibbaan lakkaa’amanii darbuun, namoonni kuma 450,000 qe’eerraa buqqiseera.
Isaan keessa namoonni 115,000 ol biyyoota ollaatti baqachuu jaarmiyaan sadarkaa addunyaatti dhimma baqattootaarratti hojjatu IOM beeksisera.
Sa’ud Arabiyaa fi Ameerikaan ibsa waloon baasiiniin,’’gartuuwwan wal waraanaa jiran lamaan fedhii lammilee Sudaan fi biyyattii bu’uurefffachuun dhukaasa dhaabanii, waraanicha goolabuu qabu,’’ jedha.
Sudaan erga pirezidantii duraanii Omaar al-Bashir aangoo irraa kaafamanii hookkaraafi walitti bu’insa adda addaa keessa turte.












