Hanga haleellaan nurraa dhaabbatutti mariif hin teenyu- Hemeti

Madda suuraa, Getty Images
Janaraalota Sudaan keessatti waraana dursaa jiran keessaa tokko kan ta'aniifi humna adda -RSF dursuun raayyaa Ittisa biyyattiin wal waraanaa kan jiran, Mohammad Hamdan Dagalo maqaa masoo Hemeti jedhuun beekaman, hanga waraanni dhaabbatutti mariif akka hin teenye BBC'tti himan.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota sadan darbaniif ture dheereffamus loltoonni isaanii ''osoo walirraa hin cinne'' haleelamaa jiru jedhan.
''Nuti Sudaan barbadeessuu hin feenu'' jechuun, hokkora umameef dursaa raayyaa ittisaa Janaraal Abdul Fattaah al- Burhaan himatan.
Janaraal Burhaan ammoo fulduratti Sudaan Kibbaatti mari'achuuf yeroof waliigalanii jiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota sadan darbaniif ture guyyaa sadi kan biraaf akka dheereffamu Kamisa (Ebla 28, 2023) kan irra ga'ame, dhiibbaa dippiloomaasii biyyoonni ollaa fi biyyoonni addunyaa US, UK fi UN dureewwan waraanaa lamaan irraan ga'aniin booda.
Hemeti'n bilbilaan wayita BBC'tti dubbatan, mariif qophii ta'uu ibsuun garuu haal-dureen murteessaa ta'e guutamuu qaba jedhan.
''Dhukaasi dhaabbachuu qaba, yeroo sana gadi teenyee dubbanna,'' jedhan.
Janaraal Burhaan waliin dhibdee dhuunfaa akka hin qabne kan himan Janaraal Hemeti, garuu aangoosaaniif ammoo sochiin Janaraal Burhaan qormaata ta'uu eeran.
"Ani gama kiyyaan har'uma osoo bulchiinsa siivilii hundeessineen fedha, bor miti, har'a. Kun ejjennoo fi qajeeltoo kiyya,'' jedhan Janaraal Hemeti'n.
Humni addaa- RSF diina raayyaa ittisa biyyaa osoo hin taane gaachana biyyaati jechuun BBCtti himan Hemeti'n.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
UN akka jedhutti ammoo humni addaa- RSF uummata qe'eerraa buqqisaa fi saamicha raawwachaa jira.
Haata'u malee akka Hemeti'n BBCtti himanitti, raayyaa ittisaatu uffata humna addaa uffachuun yakka akkanaa raawachaa jira.
Kunis duula maqaa isaanii balleessuuf deemaa jiru ta'uu himan.
Keessattuu saamichaa fi hospitaalota barbadeessuun kaan to'achuu gonkumaa akka hin raawwanne himan.
"Gareen kiyya tajaajila bishaan fi ibsaa hawaasaaf dhiheessuurratti kutannoon hojjetaa jira. Keessattuu bakka to'annoo jirrutti. Akka carraa ta'ee ogeeyyiin teeknikaa fi enjinaroonni kiyya achi buuteensaanii dhabame. Kanatu rakkoo ta'e,'' jedhan.
Waraana torbee lama qabate kanaan namoonni 512 caalan ajjeefamaniiru, 4,200 kan ta'an ammoo madaa'aniiru.
Lakkoofsi kun kanarra caaluu akka malu Ministeerri Fayyaa biyyattii ibseera.
UN akka jedhutti lammiileen Sudaanis ta'e biyyoota garaagaraa biyyattii keessa jiraatan kumaatamaan lakkaa'aman qe'eesaanii gadhiisanii baqataa jiru.
Kanneen waraana dheessuun baqarra jiran daangaarratti maallaqa guddaa akka gaafatamanii fi daandiirrattis dararaa guddaan irra ga'aa akka jiru ibse UN.
Lammiileen biyyoota alaa hedduun aanga'oota biyyasaaniin kan baafamaa jiran yoo ta'u, kanneen nama birmatuuf dhaban ammoo daangaa qaxxaamuruun gara biyyoota ollaa kanneen akka Chaad, Masirii, Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaatti baqachaa jiru.
Kanneen Sudaan keessaa baqachuun daangaarratti ugguraman kumaatama keessaa maatiin Faatii Atabaanii dangaarratti doolaara 40,000 gaafatamuu himan.
Maallaqa guddaa kana kan gaafatan konkolaachistoota daangaarraa namoota kunneen fe'anii Masirii seensisaniidha.
Maatiin Faatii Atabani daa'imman umriinsaanii waggaa 10 gadii, jaarrolee umrii waggaa 80 olii fi miseensota umrii adda addaa keessa jiran torba qabatee lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman waliinm ugguramee jira.
Waraanni Ebla 15, 2023 Raayyaa Ittisaa fi Humna Addaa- RSF gidduutti eegale lubbuu dhibbootaa galaafate, kumaatama madoof saaxile.
Gareen wal-hadhan lameen dhukaasa dhaabuuf waliigaluu yeroo afur ibsan, garuu dhukaasi dhaabbatee hin beeku.
Wiixata darbe galgala guyyoota sadiif dhukaasa dhaabuuf waliigalanii turan, dhukaasi garuu itti fufeera.
Waraanni kun bu'uuraalee misoomaa hedduu barbadeesse. Dhaabbileen fayyaa, bishaan fi ibsaan kanneen waraana kanaan guddoo miidhaman keessaati.
Magaalaan Kaartuum uummata miiliyoona 10nitti siqan qabdu waraanichaan guddoo miidhamte. Jiraattonni tajaajila ibsaa, bishaan, boba'aa, fayyaa fi nyaata malee hafaniiru.












