Kanniisni dhaltuun tuuta kanniisaan marfamte attamiin badhaasa suuraa mo’atte?

Madda suuraa, KARINE AIGNER/WPY
Battalli sun kan gammachuuti, tuutni kanniisa kormaa dhaltuu tokko marsanii jiru. Kormaa kana hunda keessaayis isa carraa qabeessa ta'etu qunnamaan.
Suuraan ajaa’ibaa Kaareen Eyignariin kaafame kunis wal-dorgommii suuraa bineensotaa bara 2022 mo’ate.
Gama tokkoon suurichi kan waan teeknikaa qabudha. Gochaa tuuta kanniisaa kana kaasuuf leensii guddaa fayyadamuun dirqama ture.
'‘Suuraa kana kaasuuf lafa kosiirra foqoquun narra ture,’’ jechuun qoosteetti Kaareen.
Seenaa wal-dorgommii waggaa 58 kana moa’achuun Kaareen dubartii Ameerikaa shanaffaadha.
'‘Kanniisa kana barbaachan deeme miti. Kibba Teeksaasitti hojii qonnaa irrattin bobba'ee jira, kanniisas achumattiin arge. Boolla xixiqqoo kannisni man’ee isaanii keessatti ijaarratanin arge,’’ jechuun BBC'tti himte.
Nyaanni bifa kubbaan qophaa’e kun laarvaan hamma ga’eessa ta’uttii fi marsaan wal-hormaataa akka itti fufu gargaara.
'‘Suuraan kun ajaa’ibadha, humna guddaas qaba. Suuraa amala ilbisaa agarsiisedha,’’ jedhan murteessitoonni wal-dorgommichaa.
'‘Suuricha guutuu kan godhe, waan xixiqqoo ijaan hin hubatamne qabaachuu isaati,'' jedhan.
Kana qofaas osoo hin taane, suuraaleen gara birooa akkasumas damee garagaraa irratti wal-dorgomuun mo'ataniiru.















