Xaaliyaanitti Ministeerri Muummee sanyummaa leellistu filatamuun baqattoota yaaddesse

Jiyorjiyaa Meloonii Xaalyiyaanii keessatti dubartii yeroo jalqabaatif ministeera muummee taatee filatamtee jirti yoo taatu, kuni ammoo Waraana Addunyaa Lammaffaa booda paartii sabummaa leellisu aangoo siyaasa biyyattii akka to'atu taasisa.

Paartin ishee sabboonummaa leellisu kan Brothers of Italy jedhamu godaantummaa xiqqeessuu akka ajandaa cimaatti qabatewe jira.

Baqattoota Afrikaa kuni yaaddoo guddaa uumee jira. Musxafaa Joorjuu Afrikaa irraa baqatee magaala guddoo Paleermoo kan taatee Sisiilii keessa kan jiraatu yoo ta'u, "Jireenya baqattoota akka kiyyaa heddu irratti dhiibbaa guddaa uuma jedheen yaadda'a" jedha.

Dargaggeessi ganna 24 fi odu himaa Waldaa Hawaasa Gaambiyaa kan ta'e Musxafaan tarsiimon paartii ministeera muummee haaraa baqattoota irratti garaa garummaa fi jibba hammeessuu danda'a sodaa jedhu qaba.

Ji'a Waxabajjii keessa baqataan lammii Naayijeeriyaa qaro dhabeessi Aliikaa Ogorchukwu jedhamu guyyaa adiidhan ajjeefamuu isaa akka fakkeenyatti fudhata Musxafaan.

Baqattoonni biyya garaa garaa gara Awurooppatti seenuf karra Xaaliyaanitti fayyadamu. Bara kana qofaa baqatoonni kuma 70 ta'an bidiruudhan Xaaliyaanii qaqqabaniiru.

MM Xaaliyaanii Jiyorjiyaa Meloonin baqattoonni seeran alaa nagaeenya biyyattii fi jireenya lammiilee biyyattif yaaddoo ta'aniiru waan ta'eef daangeeffamuu akka qabu dubbataa turte.

Akkasumas baqattoota biyyaa baasuu, bidiruuwwan namoomaa baqattoota galaana Medetiraaniyaa keessatti akka hin dhidhimne baraaran irratti xiyyeefachuun baqattoonni gara Xaaliyaanii akka hin seenne barbaaddi.

Musxafaa Jorjuu akkaatan inni itti gara Xaaliyaanii imale akkuma baqattoota hedduu gidiraan kan guutameedha.

Jireenya gaarii barbaacha Lixa Afrikaa Gaambiyaa irraa baqachuun bara 2016tti Xaaliyaanii dhaqqabe.

Gaambiyaa irraa ka'ee Liibiyaa erga galeen booda mana hidhaatti si'a sadi darbatame.

Achii ka'uun deemsa galaana irraa yaaddon guutame booda Sisiilii gahe. Maasii qonnaa keessatti kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'een hojii humnaa eegale.

Baqattummaaf iyyatee waan tureef iyyanni isaa fudhatama erga argateen booda gara Paleermoo deemun baruumsa isaa eegale.

Amma ogummaa fayyaatin digrii jalqabaa waggaa lammaffaa barataa jira, gaafa eebbifame hospitaala magaalattii keessatti argamutti qacaramee hojjachuuf abdii qaba.

Ministeerri Muummee biyyattii haaraa filatamte waan waadaa galte hojiitti hiikti taanan carraan baqattoota hedduu rakkoo keessa gala.

"Hawaasa biyyattiitti makamuuf dookumentii seera qabeessa qabaachun murteessadha," jedha Musxafaan.

Keessumaa baqattoota galaana Medetiraaniyaanii qaxxaamuranii dhufuuf jiran warra oolchan bidiruuwwan tola ooltotaa irratti xiyyeeffatamee baay'en isaanii du'aaf saaxilamu kan jedhu sodaa isaa guddaadha.

Haa ta'u garuu baqattoonni Pooppi Firaansis gara isaanii ta'uun isaanii abdii isaan horachiisa. Torban darbe Vaatikaan bataskaana St. Piitaritti haasaa yeroo taasisan baqattoota deeggaranii turan. Pooppi Firaansis Xaaliyaanii maqaa dhahanii dubbachuu baatanis poolisii haaraa baqattoota irratti xiyyeeffate kana gidduu galu jedhamee abdatama.

"Baqattoota adda baasun waan fokkisaa fi cubbuudha. Galaanni Meditiraaniyanii iddoo awwaalchaa guddaadha," jechuun dubbatan. Kana jechuun isaanii waa'ee baqattoota heddu galaala meditiraaniyaanii keessatti yeroo garaa garaa dhidhimanii dhumanii dubbachuufi.

Itti dabaluunis, "Warra gargaarsa barbaadanitti balbala cufuun cubbuudha" jedhan.