Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mootiin TiikTok' Kaabii Laamee lammummaa Xaaliyaan argachuusaatti maal jedhe?
TiikTook irratti namni baayyee beekamaa ta'e Kaabii Laamee lammummaa Xaaliyaanii argate.
Kaabiin dhalataa biyya Seneegal yoo ta'u, TiikTook irratti hordoftoota miliyoona hedduu qabaachudhaan namni isa gitu hin jiru.
Yeroo ammaatti TiikTook irratti hordoftoota miliyoona 148 qabaachuun, mootii TiikTook jedhama.
Dargaggeessi umurii 22 mootii TiikTook ta'e Kaabin daa'imummaa isaatii jalqabee Xaaliyaan keessa jiraataa kan ture ta'us, lammummaa biyyattii kan argate reefu amma.
Kaabin ammayyuu paaspoortii Seneegal kan harkaa qabu yoo ta'u, lammummaa Xaaliyaanii argachuu isaatti "akka gammade" miidiyaaletti himeera.
Waggoota heddu Xaaliyaanii keessa erga jiraatee booda torbee darbe lammummaan kan kennameef ta'us "yeroo hunda lammummaa Xaaliyaanitu natti dhagahama" jedhe.
Miirri isaa lammummaa osoo hin argatinis ta'ee, erga argatee booda tokkuma akka ta'e dubbata Kaabii Laamee.
Tiiktookarii beekamaa
Dargaggeessi kun sagalee osoo hin baasin taajjabbii isaa sochii qaamaa qofaan argisiisudhaan TiikTookaroota Ameerikaa dursuudhan sadarkaa tokkoffaa irratti argama.
Kanaan dura hordoftoota heddu qabaachudhaan dursaa kan ture Chaarli Di Amiiliyoo ture.
Yeroo ammaa kana Kaabii Laamee hordoftoota miliyeena 148 horachuun yoo dursu, Chaarli Di Amiiliyoo ammoo hordoftoota miliyeena 142.8 qabaachun itti aana.
Bara 2020 tti Chaarliin TiikTook irratti hordoftoota miliyoona 100 horachuun addunyaa ajab jechisiisee ture.
Kaabin TiikTook irratti mul'achuu kan eegale, weerara koronaa booda.
Sababa weerara korononaatin yeroo biyyoonni Awurooppaa balbala cufatan, innis hojiirra hari'amee mana taa'uf dirqame.
Haa ta'u garuu, galee harkaa fi miila maratee hin teenye.
Kutaa ciisicha isaa keessa taa'ee yeroo namoonni waanuma salphaa ta'e tokko karaa salphaa ta'een hiikuu dhiisanii karaa fagoo deeman ilaala.
Kanuma fuudhee sagalee osoo hin dhageessisin mallattoodhan agarsiisun jaalatamummaa horachuu jalqabe.
Har'a Kaabii Laamee nama umurii dargaggummaatti beekamtii fi qabeenya guddaa horate ta'ee jira.
Kaabii Laamee akkamitti beekamaa ta'e?
Dargaggeessi umurii 22 dhalataa Seneegal, amma lammummaa Xaaliyaanii argate kun bara 2020 yeroo sababa weerara koronavaayirasiitin warshaa hojjatu keessaa hari'amu kalattiidhan gara mana maatii isaa deeme.
Namni hojii biraa barbaaddata jedhee isa eega, inni garuu guyyaa guyyaadhaan TiikTook irratti viidiyoo maxxansuu eegale.
Jalqaba yeroo TiikTook irratti viidiyoowwan garaa garaa maxxansu akkanatti salphaatti dafee beekamtii nan argadha jedhee waan yaade hin fakkaatu.
Viidiyoon inni irratti xiyyeeffatu namoonni sababa tokko malee waanuma salphaa tokko gochuuf karaa fagoo maalif akka deeman irratti.
Akka inni jedhutti namoonni heddu kan isa jaalataniif fuulli isaa waan nama kofalchiisufi.
Kan biraa ammoo yaada isaa ykn afaan isaa hubachuuf dubbachuun barbaachisaa ta'uu dhisuu isaati.
Fuula isaa fi sochii harka isaa qofaa ilaalun ergaa isaa salphaatti hubachuun ni danda'ama.
TiikTook irratti viidiyoowwan nama kofalchiisan alatti Kaabii Laamee kubbaa miilaa akka jaalatu dubbata.
Kilaboota kubbaa miilaa keessaa Juveentus akka deeggaru hime.