Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin nagaa maal fakkaachuu qaba, AUn wal waraansa Itoophiyaa hiikuu danda'aa?
Wal waraansi kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamaa ture dhiheenyatti fala argataa laataa? kan jedhu gaaffii namoonni hedduun gaafatan.
Jilli mootumaa Itoophiyaafi humnootii Tigraay bakka bu'an marii nagaatiif Afriikaa Kibbaatti walgahii taa'aa jiru.
Kaayyoon mariichaas wal waraansi badii hedduu qaqabsiisaa jiru kun dhaabbatee furmaata barbaaduufi nagaa buusuudhaaf.
Waraanni kun dhaabbatee wal dhabdeen jiru karaa nagaatiin akka furamuuf yaadni yoo dhiyaatu kun kan jalqabaa miti.
Haata'u malee, bakka bu'oonni garee wal waraanaa jiranii karaa ifa ta'een wayita mariidhaaf bakka tokkotti dhufan isa jalqabaati.
Kanaan dura ija miidiyaatiin alatti qaamoleen kunneen al tokko ykn lama wal arguun isaanii himamulleen gama lamaaninuu ifatti kan jedhan omtuu hin turre.
Mootummaan labsii dhukaasa dhaabuu gamtokkee labsuu isaa hordofee, TPLF erga waraana dhaabeen booda baatiiwwan muraasaaf naannichatti nagaan mul'atee ture.
Haata'u malee, Hagayya darbe keessa qaamooleen lamaanuu gara waraanaatti deebi'uun isaanii dhagahame.
Erga waraanichi irra deebiin eegaleen booda humnootiin Itoophiyaafi Ertiraa olaantummaa akka argataniifi magaaloota Tigraay gara garaa akka to'atan himamulleen, gama mootummoota lamaanitinuu waraanicha ilaalchisee odeefannoon kennamu baayyee hir'ateera.
Kun osoo haala kanaan jiruu ture egaan, qaamooleen lamaan marii nagaa taasisuuf gara Afriikaa Kibbaatti kan balalii'an.
Mariin nagaa kun gaaffiiwwan hedduu kan kaasuufi gaggeessummaa Gamtaa Afrikaa (AU)tiin ta'ee dhiibbaa biyyoota lixaafi Ameerikaa duubaan taasisan waliin ta'uun akka ta'e xinxaltoonni BBC dubbise ni dubbatu.
Marii nagaa maal fakkaachuu danda'a? Carraan milkaa'uu isaa hangam? Gamtaan Afriikaa walitti bu'insiicha furuuf dandeettiin isaa hangam?
Kanaafi kaan ilaalchisee xinxaltoonni yaada nuuf qoodan qabu.
Mariin nagaa maal fakkaachuu qaba?
Yaared Haayilamaariyaam Itti-gaafatamaa Waldaa Mirga Namoomaa Itoophiyaati.
Era waraanichi eegalee kaasee waldaa isaanii dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa kaan osoo sarbamni mirga namoomaa hin babal'atiin dura waraanichi karaa nagaatiin akka furamuuf gaafataa turan.
Obboo Yaared waan dhiibbaan dhaabbilee idil-addunyaa itti baayyateef ykn waraanichaan humni isaanii waan dhumeef marii kana jalqaban taanaan galma hin gahu jedhan.
''Waanti ijoon maricha qajeellummaafi dhugaan barbaaduuf miirrii jiraachuudha,'' jedhu.
Hayyuun siyaasaa Mahaarii Taaddalaa (PhD) yaaduuma kanaan wal fakkaatu qabu.
Milkaa'inni marii nagaa irra caalaa kan madaalamu haala waraanaa qabatamaan lafarra jiruun, fedhii siyaasaa qaamoolee wal waraananiifi murtoo hawaasa idil-addunyaatiin ta'uu dubbatu xinxalaan kun.
Hunda irra kan caalu ammoo qajeelummaadhaa jedhu.
''Ummanni bo'aa jira. Biyyii miidhamaa jirti. Faayidaa biyyaaf jecha dhaabbachuu qaba jedhanii yoo ta'e kan seenan (akkas akka ta'es abdiin qaba) mariichi salphaa ta'uu baatulleen, imala dheeraa ni deemu.
Waraanichi akka dhaabbatuufis sababii ta'uu danda'u.''
Yaared akka jedhanitti, marii nagaa kennuufi fudhachuu waan hammatuuf kanneen mari'atanis kanaaf qophaa'anii deemuu qabaatu jedhu.
''Marichi akka tarsimoo ittiin yeroo argachuutti kan fudhatame yoo ta'e garuu waraanichi hin dhaabbatu. Ummata, qabeenyaafi yerootti qoosuu ta'a.''
Falmitoonni mirga namoomaa kunneenis irra deddeebiin waa’ee qajeelummaa kaasu.
‘‘Walitti bu’inis umama ta’uu mala. Garuu haraarri kan jiraatu yoo qajeelummaan jiraatedha. Bu’aa biyyaa, miidhaa waraanni qaqqabsiisu madaaluu, fedhii siyaasaa isaanii, of tultummaa dhunfaasaanii dhiisuun kan ummataaf fayyadu yaadudha. Kan ummata fayyadu ammoo ifadha.
Nagaadha.’’
Mariin nagaa biyyoota addunyaa kaanittis ni gaggeeffama garuu baayyeen kan hin milkoofneef ‘qajeellummaan’ waan hin jiraanneefi qaamooleen mari’atan ‘ajandaa dhoksaa’ qabaachuun gara marii waan dhufaniif jedhu Obbo Yaared.
Miirri of tulummaa qaamooleen lamaanuu qalbii qajeelaan gara marii akka hin dhufne taasisa jedhu.
‘‘Yeroo baayyee rakkooleen waraana biyya keenyaa hanga dhumaatti deemun, ummataafi qabeenyaa biyyaa fixanii, dargaggoota kuma dubbaan lakkaa’aman fixanii, erga dadhabanii gara mariitti dhufu.
Kun aadaa keenya waliin kan wal qabtedha. Namoonni siyaasaa dargaggoo hiriirsaniifi rasaasa qaban hanga fixanitti wal waraanu.’’
Tibba waraanni eegaleetti dhuunfaafi dhaabbata isaaniitiin waamicha nagaa taasisaniif qeequmsi umdatee akka ture kan yaadatan falmaan mirga namoomaa kun, turulleen carraan nagaaf kennamuu qabaata jedhu.
''Amma erga ummanni dhumee, qabeenyaa biyyaa midhamee, dubartoonni hedduun gudeedamanii booda gara marii nagaatti dhufaa jirra. Seenaan ofiisaa irra deebi'aa jira.
Aadaan garaagarummaa siyaasaa keenya karaa ámmayyaa ta'eefi qaroominaan furuu keenya baayyee gadi aanaa ta'uun gatii nu baasisaa jira.''
Karaa ámmayyaa'e jechuun maali jechuu akka ta'e kan gaafataman háyyuun kun, dhimma biyya keessa jiraatan Awurooppaatti ta'e akka fakeenyaatti kaasu.
''Beeljiyeen waggaa shan/jáhan hár'aa mootummaa hundeessuu dadhabde. Paartileen sabaafi kaaniin kan qoodaman turan. Garuu ammoo taa'anii waliin mari'atu ture.
Rasaasni háfee qaruuraalleen waliitti darbachuun hin turre. Rakkoo isaaniif yeroo kennan. Ni dhukkubchiisan. Hunda mariisiisan. Dhumarrattis dhufanii mootummaa gidduugalaa hundeessan. Hámmayyaa'uu jechuun kana egaa.''
Kana malees gaheefi milkaa'inni jaarsoolii háraaraafi tarsimoowwan irratti kan bu'urreeffate ta'uu kaasu Dr. Mahaariin.
Adeemsi, caasaaniifi ajjandaan marii attamiin dhimmoota wal falmisiisoo ta'anaiif dursi akka kennamuufi dhimmoota marii ijoo kaan adda baasuu umrteessa jedhu.
''Gamtaan Afriikaa akka jáarsa muummeetti jila kaan waliin mari'achuun hánga yoonaatti tarsiimoo ifa ta'e hin baafne,'' jedhu Mahaariin.
''Kun balaa qabaachuu mala'' ejjannoo jedhu qabu. ''Jáarsummaan iftoomina hin qabaanne waan burjaajii uumuuf amantaa marii nagaatiif barbaachisaa ta'e dhabamsiisa,'' jedhu.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Bitooteessa 2022 irra gahameen booda, waraanni xiqqoo dhaabbachuu hordofuun qaamoolee lamaan walitti araarsuuf yaalii taasisaa kan turan pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo osoo hin milkaa'iin háfana.
Aanga'oonni Tigraay walabummaa ergamaa addaa Gamtaa Afriikaa kanarratti gaaffii kaasaa turan.
''Dhaabbatichi jáarsoolii qaamoolee lamaan biratti fudhatama qaban kan biraa umduu qaba ture,'' jedhu xinxaltoonni.
''Sababiin isaas walabummaan ulaagaa ijoo jáarsummaati,'' jedhu.
Pirezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa kan dhihenya aangoo kan isa dhaalanitti dabarsan marii nagaa kana keessatti akka hirmaataniif afeeramaniiru.
Gamtaa Afriikaafi dhiibbaa biyyoota Lixaa
Falmitoonni mirga namoomaa kunneen, 'humnootiin alaa' mariin akka milkaa'uuf ykn akka danqamuuf sababa ta'uu danda'u jedhu.
Hedduun deeggarsi Gamtaa Afriikaatiif agarsiisaa jiran gaarii ta'ulleen, 'kanneen yoo Itoophiyaa keessatti nagaan bu'e dantaa keenya dhabna jedhanii yaadan jiraachuu malu' yaada jedhu kaasu.
''Mootummaa Eritraatiif TPLF jiraachuu yeroo hunda yaaddoodha. Mariin jira jechuun ammoo TPLF itti fufa jechuudha. Kanaaf, mootummaan Ertiraa marii kanaaf gufuu ta'uu ni danda'a.''
Mootummaan Itoophiyaa yeroo mariin nagaa yaadamuu eegalee kaasee marichi jáarsummaa Gamtaa Afriikaatiin akka ta'uuf fedhii qabaachuu ibsaa ture.
Aangaa'onni TPLF ammoo amantaa bakka bu'oota Gamtaa Afriikaa irratti dhabuu ibsaa turan.
Mootummaan Federaalaa ammoo dhaadannoo ''rakkoo Afriikaa Afriikaan furuu'' jedhuun akka hogganamuufi marii kanaan alaa ta'e akka hin fudhanne ibse.
Dhaadannoo ''rakkoo Afriikaa Afrikaan furuu'' jedhu kunis kan dhufe Mana Umrtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)n walqabateeti kan jedhan Obbo Yaared, yeroo hedduu mana umrtii kanarratti kan dhiyaatan Afrikaanoota ta'uusaaniin wal qabatee warri lixaa mana murtii kana Afrikaanoota ittiin miidhuuf itti fayyadamaa jiru yaadni jedhu jiraachuu kaasu.
''Gama tokkoon ilaalcha sirriitu jira jettee yaaduu dandeessa, sababii warri lixaa dhaabbata kanatti fayyadamaniif. Gama biraatiin ammoo abbootii hirree Afrikaa mala ittiin miliqan gochuun itti fayyadamu jechuu ni dandeessisa.''
Adooleessaa keessa Maqalee kan dowwatan Bakka Bu'aan Ameerikaa Gaanfa Afrikaa Maayik Háamar dabalatee bakka bu'oonni dhaabbilee idil-addunyaa biroo, Tigraayitti tajaajiloonni bu'uuraa atattamaan akka deebifaman gaafachuunsaanii ni yaadatama.
Mahaarii Taadalaa akka jedhanitti, Obaasaanjoo ''kanummalleen akka ajandaatti kaasuu hin dandeenyee ture'' jechuun himatu.
Akkasumas, waraanni Ertiraa Tigraay keessaa akka bahuuf gaafachuu dhabunsaanii, amanummaa isaa gaaffii itti kaaasa jedhu háyyuun kun.
Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaafi dhaabbileen idil-addunyaa biroo Uhuruun gara mariisisuutti dhufuu iaa deeggaraniiru.
Gamtaan Afrikaa jáarsummaa ta'aa jedhamulleen duubaan ''kallattii qabsiisuufi deeggarsa kennuun gahee olaanaa taphataa kan jiran biyyoota Lixaa fi Ameerikaadha'' amantaa jedhu qabaachuu dubbatu.
''Dhugaa dubbachuuf Gamtaan Afrikaa nagaa kabachisuu ykn nagaan akka bu'u gochuu keessatti dhaabbata hin milkoofneedha.
Koongoo, Sudaan Kibbaa, Daarfuur, Somaaliyaa, Seeraaliyoon… deemtus warri Lixaa hárkasaanii galfachuun qaxanicha yoo jeeqan dhaabbanni kun dadhabaa waan tureefiidha'' jechuun gamticha himatu.
Gamtaan Afrikaa Waajjira isaa muummee Finfinneetti bu'ureeffate kunis mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti nagaa buusuu danda'aa laata gaaffiin jedhuu akka ka'utti itti fufeera.
'[Gamtaan Afrikaa ]Waldaa mootummoota mana manasaanitti rakkoo mataasaanii qaban walitti qabaman waan ta'eef, nagaa buusuufis ta'e dimokraasii buusuun dhaabbata hángas mara seenaa qabu miti.
Garuu ammoo mariin nagaa kun yoo milkaa'eef waan guddaadha,'' jedhu falmaan mirga namoomaa kun.
Qaamooleen wal waraananis Afrikaa Kibbaa, magaalaa Piritoriyaatti marii nagaa taasisuurratti argamu.
Marichis ammallee sadarkaa gadi aanaarratti kan argamu ta'ulleen hedduun kan abdiin eegaa jiraniidha.