Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin nagaa dhimma Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti adeemsifamu maalitti jira?
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota TPLF torban kana Afrikaa Kibbaatti eegale akkaataa jalqaba ibsame taanaan har’a xumurama.
Kayyoon ijoo marii kanaa waraana waggaa lamaaf tureefi lubbuu lammiilee kumaan lakkaa’aman galaafate akkasuman kaan hedduu balaarra buuse xumura itti tolchuudha.
Haa ta’u malee, marii Kibxata eegale irratti odeeffannoon wayiitu bahaa hin jiru.
Qaamoleen waraana keessa jiran yeroo jalqabaaf marii ta’aniin wanti irratti waliigalan jiraatun isaas hin beekamu.
Mariin yeroo Afrikaa Kibbaatti itti fufe jirutti lollis Tigraayitti adeemsifamuu itti fufeera.
Maddeen BBC’tti akka himanitti mariin guyyaa qabamerraa dheerachuu danda’a. Kunis, mariin hanga torban dhufutti itti fufuu danda’a kan jedhudha.
Sadarkaa mariin dhoksaan adeemaa jiru irra gahe mariicha kan mijeesse Gamtaan Afrikaas ta’e qaamoleen waraana keessa jiran waan dubbatan hin qabani.
Marii kana Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Olusegon Obasaanjoo, Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaafi Pirezidantiin I/Aantuu duraanii Afrikaa Kibbaa Pumzile Malaamboo – Naakuk jaarsummaan qooda fudhataa jiru.
Akka Gamtaan Afrikaa ibsetti, Ameerikaa, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniifi IGAD akka taajjabdootaatti hirmaataa jiru. Gamtaan Awuroppaa (EU) maqaan hin eeramne.
Haata’u malee, waraanni waliinii Itoophiyaa akka furmaata hin arganne wantoonni danqaa ta’uu malan jiru.
Humnoota Tigraayiif dhimmi ijoo waraanni saffisaan akka dhaabatuufi deeggarsi namoomaa akka seenu gochuudha.
Yaadi isaanii kuni dhaabbilee idil-addunyaan kan gaafatamaa turedha.
Angawoonni mootummaa federaalaa immoo 'biyya tokkotti waraanni lama jiraachuu hin danda’u?’ jechuun humnoonni TPLF meeshaa akka hiikkatan gaafatuu malu.
Dhimmi Ertiraa, bakkeewwan waldhabsiisoo ta’aniifi dhimmoonni seeraa qaamoleen lamaan irratti waliigaluu dhaban wantoota waligalteen akka yeroon hin argamneef danqaa ta’u malanidha.
Dhimmi gargaarsa namoomaafi tajaajiloota bu’uuraa bakkatti deebisuus dhimmoota mariirratti ka’u malanidha.
Waraana irra-deebiin Hagayya keessa eegaleen mootummaan Itoophiyaa bakkeewwan kana dura TPLF jala turan torban muraasa darban to’ataa jira.
Bakkeewwan kanattis tajaajiloota akka ibsaafi kaan gargaarsa namoomaa dabalate akka dhiheessu ibseera.
Qaamoleen alaa maqaa hin dhoofne meeshaa humnoota TPLF’f dhiheessaa akka jiran mootummaan ibsuunis buufata xiyyaaraa naannicha keessatti argaman akka to’atu ibseera.
Humnoonni Tigraay gama isaaniin ofirraa deebisaa akka jiraniifi lolli itti fufu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, hawaasi idil-addunyaa qaamoleen waraana keessa jiran waldura dhaabbannaa akka dhaabaniifi waraana mariin akka xumura itti tolchan dhiibbaa gochuu itti fufaniiru.
Naannoo Tigraayitti lubbuu lammiilee miliyeenaa oolchuuf gara naannichaa galuun hayyamamuu akka qabu anga’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) torban kana gaafataniiru.
Lammiileen hedduun gidiraa hamaa keessa jirus jedhe dhaabbatichi. Eega Hagayya waggaa darbe lolli akka haaraatti eegale gargaarsi naannicha seenaa hin jiru.
Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itoophiyaa konkolaachisaan isaa Ambulaansii Aduwaarraa ka'uun madoo qabatee gara Walqaayit osoo imalu ajjeefamuu gaafa Jimaataa ibseera.
Sababa waraana kanaan lammiileen kumaan akka ajjeefaman amanama. Kunis, waraana, dhibee yookiin hanqina nyaataarraa kan ka’en ta’uu mala.
Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman immoo Naannoo Tigraay, Amaaraafi Afaarirraa qe'eerraa buqqa'un ni yaadatama.