Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigraayitti lubbuu lammiilee baraaruf 'hatattaman' karaa seensaa argachuu qabna jedhe WHOn
Naannoo Tigraayitti lubbuu lammiilee miliyeenaa oolchuuf gara naannochaa galuun hayyamamuu akka qabu anga’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) gaafatan.
Lammiilen hedduun gidiraa hamaa keessa jirus jedhe dhaabbatichi.
Naannolee Amaara fi Affaar bakkeewwan muraasa dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhaqqabuu danda’anitti weerarri koleera fi gifiraa gabaafame jedhe dhaabbatichi.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhetti, torban saddeetif daandii qilleensatiinis ta’ee konkolaatadhaan naannoo Tigraay keessa seenuu hin dandeenye.
Kanarraa kan ka’e naannichatti weerarri maal akka fakkaatu baruu akka hin dandeenye ibsichi.
Haa ta’u garuu, aangawoonni akka jedhanitti Tigraayitti talaallin daa’imaaf kennamu dhaabachuu, akkasumas dhiyeessin gilukosii (IV fluids), insuliinii, qorichoonni antibaayotikii dhumuutu gabaafame. Buufataalee fayyaa 10 keessaa kan hojjataa jiru tokko yookin inni hin jiru jedhame.
Nyaata fi boba’aadhanis wal qabatee hanqinni jiru sadarkaa yaaddessaa irra kan gahe yoo ta’u uummata naannoo Tigraay keessaa 89% kan ta’an nyaata kan eeggatan yoo ta’an ijoollen 29% ammoo hanqinni nyaataa isaan mudateera.
Akka gabaasa UN tti naannoolee Tigraay, Amaara fi Affaar keessatti namoota miliyeena 13 deeggarsa namoomaa barbaada.
Daayireektarri Dhaabbata Fayaa Addunya (WHO) Dr. Teediroos Adihaanom jalqaba ji’a kanaa naannoo Tigraayitti “carraan duguuggaa sanyii hambisuu xiqqaadha” jechanii turan.
Aangawoonni dhaabbatichaa naannoo Tigraayitti lubuu lammiilee baraaruf karaa ittiin seenan argachuun dhimma yeroon itti kennamuu hin qabne ta’uu hubachiisan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegale lammiilee heddu gaaga’amaaf saaxileera.
Waraana kana karaa nagaan furuuf mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mariin nagaa Onkoloolessa 24 Afrikaa Kibbaatti eegalee jira.