Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababiiwwan afur qaroo ija keenyaa miidhanii fi dandeettii argaa hir’isan
Dhukkubni hin jiru jechuun guutuummaa fayyaa qabaachuu keenya hin mirkaneessu jedhama.
Fayyaa guutuun qaba jettanii osoo teessanii qaama keessan keessatti dhibeen hundee jabeeffate jiraachuu baruun ammoo dhukkubadha.
Ogeessi ispeeshaalistii ijaa Dr Yoonaas Xilaahuun jiruu isaanii waggaa 23 keessatti waan akkasii na mudatee beeka jedhu.
‘Dhukkubsattoonni tokko tokko, ‘ganama ka’ee ija koo tokko yoon sukkumu iji koo tokko ni jaame jedhu,’’ jechuun waan darbee darbee isaan mudatu tahuu dubbatu.
Iji keenya akka tasaa jaamuu danda’aa?
Deebii gaaffii kanaa booda itti deebina.
Garuu ammoo dhimmoota ija keenya miidhaniifi dandeettii argaa keenyaa hir’isan irratti haa dubbannu.
Iji keenya sababa garaagaraan miidhamuu danda’a.
Mee dhimmoota Dr Yoonaas nutti himan afran waliin haa ilaallu.
Fayyaa
Akka Dr Yoonaas jedhanitti iji keenya dhibee fayyaa kutaa qaamaa biraa irra gahuun miidhamu danda’a.
Dhukkuboonni sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa ija keenya miidhurra darbee hanga jaamsutti gahuu danda’u.
Kana malees dhukkuboota talaalliidhaan salphaatti baduu danda’aniin iji keenya miidhamuu akka danda’u Dr Yoonaas ni dubbatu.
'‘Dhukkuboonni kanneen akka gifiraa talaalliin yoo fudhatame malee ija keenya hamma jaamsutti gahuu danda’u,’’ kan jedhan haakimtichi, ‘’hanqinni nyaata madaalawaa, vitaamiin A qaroo ijaa madeessuun ija ijoollee jaaamsuu danda’a,’’ jedhanniru.
Gama biraan ija ijoollee irratti, iji ‘’ballaa’’ gaafa tahu akkasumaan dhiisanii darbuun dandeettii argaa isaanii irratti miidhaa qaqqabsiisuu akka danda’u himaniiru
Qulqullina ijaa otoo hin eegiin hafuun dhukkuba ijaa tiraakoomaa fiduun, oolee bulee ifaa ija keenyaa balleessuu danda’a. Dhukkubni ijaa sanyiin illee dhaalamuu danda’a.
Dhukkubni ijaa sababa dhibee kutaa qaamaa biraan dhufu qorannoo taasisuun miidhaa guddaa otoo hin qaqqabsiisiin bira gahuun danda’ama.
Namoonni maatii isaanii keessaa sababa sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaan ija dhuukkubsatan jiraannaan qorannoo ijaa gochuun barbaachisaa dha.
Ijoolleef immoo nyaata madaalawaa kennuufi talaalchisuun akkuma kutaa qaamaa biroo ija isaaniifis murteessaa dha.
Ijoolleen erga dhalataniin booda, ‘ija isaaniirra huubni adii wayii yoo mul’ate, otoo hin boo’iin imimmaan isaanii dhangala’a taanaan, hammi ija isa tokkoo isa kaan caala taanaan, ija isaanii irra deddeebiin yoo sukkumuu tahe hakiima bira akka geeffaman gorsu.
Gosoota nyaataa viitaamiin A fi omeegaa 3 soorachuun fayyaa ijaa akka eegantu himama.
Kuduraafi muduraa kanneen akka Paappaayyaa, maangoo akkasumas raafuu kanamalees qurxummii soorachuun ijaaf faayidaa qaba.
1. Iskiriinii bilbilaa fi kompiitaraa
Ogeessii ijaa Dr Yoonaas,’’ namoonni iskiriin irratti yeroo dheeraa dabarsuurraan kan ka'e rakkkoon ijaa gara hospitaalaatti marmaaruun isaanii dabaleera,’’ jedhu.
Akka hakimtichi jedhanitti yeroo iskiriinii irratti dabarsinu walitti fufinsaan sa’atii lamaaf yoo tahe, sa’atii iskiriinii dheeraa jedhamuu danda’a.
BBC’n gabaasa kana dura baaseen waggoota 20 darban keessatti haala mul’atee hin beekamneen yeroon namoonni iskiriinii fuulduratti dabarsan dabalauu ibsee ture.
Ijoolleen umriin isaanii ganna 5-16 jiran guyyaatti gidduugalaan sa’atii 6:30 ol dabarsu jedha.
Iskiriin fuulduraa yeroo dheeraa dabarsuun rakkoo ijaa yeroof turu akka fidu Dr Yoonas dubbatu.
Kunis diimachuu, hooqsisuu, harkisamuu, goguu, gubuu fi dadhabuu fi mugsiisuufi mataa boowwaa fiduu mala.
Hakimichi qorannoowwan tokko tokko waabefachuun barteen kuni ijoollee irratti waan dhihoo qofa akka argan (short sightedness) itti fiduu danda’a jedhu.
2. Falli maali?
Yeroo iskiriinii fayyadamnutti qajeelfama ‘’diigdama, diigadama,’’ jedhamu fayyadamuu qabna jedhu Dr Yoonaas.
Qajeelfamni kuni moobaayilii fi kompiitar daqiiqaa 20 erga fayyadamneen booda sakandiii 20 ija keenya akka boqochisnu hima. Kunis fageenya meetira 6 irraa ilaaluun of gargaaruu dandeenya jedhu.
Gochaan kuni salphaa fakkatus ijaaf faayidaa akka qabu dha kan isaan hubachiisan.
3. Kishaafee ijaa hakiimaan hin ajajamne keewwachuu
Kishaafee kana idduma argineetii, ‘’iskiriiniif, aduuf ykn miidhaginaaf jennee keewwachuun ija keenyarratti midhaa fiduu mala.
Dr Yoonaas,’’kishaafeewwan tokko tokko faayidaa qabeessa tahuun isaanii waan mirkanaa’e miti. Kaan immoo kan miidhaa fidanillee tahuu malu,’’ ifa cuquliisaa ykn kan iskiriinii ni hir’isu jedhamuun bitaman akka fakkeenyaatti kaasu.
‘’Kishaafeen kompiitar yeroo fayyadamnu hin barabaachisu jechaa hin jiru. Ajaja hakiimaan keewwachuun yeroon barbaachisaa itti tahutu jira,’’ jedhu.
Kanaan ala garuu lakkoosi dandeettii argaa namootaa kan kishaafee waliin wal simuu dhiisuu mala jedhan.
Aduufi miishaginaaf kan bitaman immoo’’iji keenya akka dukkanaa’eetti gatii hubatuuf qaroo keenya ni bal’isa.
4. Umurii
Kutaa qaama keenyaa dullumni laaffisu keessaa tokko ija keenya. Keesumaa umriin 40 ceenaan iji ni dadhaba.
Dandeeettiin arguu ijaallee ni dadhaba.
DrYoonaas sababa isaa akka himanitti, ijji dandeetti qabu kan ittiin sirreeffatu, maashaaleen boca ittiin geeddaratu waan dulloomaa deemaniif jedhan.
Yeroo dargaggummaatti qaroon ijaa dhiyootti, fageenya giddugaleessaa fi halaalatti arguuf akka saphaattii deebii kan kennuu yooo ta’u, dullumni yeroo dhufu garu ajajamuu dadhaba.
Yeroo akkasittii fullee ykn kishaafee ijaatu nu barbaachisa.
Gama biraatiin moorri ijaa haguuguun ifa dabarsuuf rakkisa taasisa.
Kunis argatuu ijaa gaddideessuu mala. Rakkoo ijaa akkasii fuullee ijaa keewwachuun haga tokko fayidaa qabaachuu mala.
Rakkoon ijaa akkasii yoo hammate wal’aansa baqaqsanii yaaluu qofaan sirrachuu danda’a jedhan, ispeeshalistiin fayyaa ijaa.
Rakkoon ijaa sababii dullumaatiin dhufan wal’aansatiin fooyyessuun kan danda’amu akkuma jiru, kan wayyeessuun hin danda’amne jiru.
Ijjii keenya tasaa jaamuu malaa?
Dooktar Yoonaas akka himanitti, namoonni ijjisaanii akka tasaa ijjisaanii arguu dadhabuu hubachuu malu, garuu ijji akka tasaatti hin badu.
Rakkoon ijaa dura turen turee fi ogeeyyii fayyaatiin hin sakattaa’amne ija namaa hanga jaamsuuttii miidhaa qaqqabsiisuu mala jedha.
Keessattuu gilaakoomaan otoo mallattoo hin agarsiisiin , narvoota ijaa miidhuun qaroo namaa jaamsuu mala.
Kanarraa ka’uuni namoonni umuriin isaanii ganna 40 olii yeroo yerootti sakatta’iinsa fayyaasaanii tasisuun kan barbaachiseef.