Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa Ijaa: "Yeroon qaroo ijaa argadhe, jalqaba haadha koo argeen boo’e"
Bezaawwiit Xilaahuun hanga waggaa 12 guuttutti daa’ima hiriyyoota ishee waliin burraaqxuufi dhukkubsattees hin beekne turte.
Ijishees dhukkubsatee akka hin beekne yeroo ibsitu ‘’diimateellee hin beeku,’’ jetti. Tahus bara 2006 barattuu kutaa 7ffaa taatee waa arguu dadhabaa dhufte.
Torbanoota muraasa keessatti rakkoon qaroo ija ishee mudate sadarkaa arguu hin dandeenyeerraan ishee gahe. Sababiin rakkoo ijashees maal akka tahe hin beekamu.
‘’Yeroon qaroo koo dhabu taphaa fi barnoota dhiisee mana taa’uun xiin-sammuu koo miidheera, ‘’ jetti.
‘’Kana booda arguu hin danda’u dubbiin jedhu waan natti dhagahamuuf dhiphina keessa galeen qoricha sammuu fudhachaan ture,’’ jechuun dubbatti.
Ija ishee irratti waan mul’atu gatii hin jirreef, ‘’namoonni nan amanan, waanin qoosu itti fakkaata,’’ jechuun ijishee arguu dhabuun isheefi maatiinshee rakkoo keessa dabarsan dubbatti.
Waggaa sadiif haala rakkisaa keessa kan dabarsite Beezaawwiit bara 2009tti qarooshee qofa osoo hin taane fayyaan sammuus deebi’eefi.
Baankii ijaa Hospitaala Miniliik keessatti qaroo ijaa nama arjoomerraa argameefi isheef tahuu danda’u jiraachuun itti himame. Qaroo ijaa kana wal’aansa baqaqsanii hodhuu sa’aatii lama fudhateen erga galfatteen booda gammachuun ishee guddaa ture.
‘’Jalqaba haadha koon arge. Nama haaraa kanin arge malee haadha ishee na guddifate natti hin fakkaanne. Baayyeen gammade. Akkuman ishee arge yeroosuman boo’e. Nama du’e deebistee hamma argachuu ture miirri natti dhagahame,’’ jechuun ibsiti.
‘’Maatiin koo iji koo kanaan booda ni arga jedhanii yaadanii hin beekan, anis akkasuma. Abdii namatti hora, si gammachiisa,’’ jetti
Bezaawwiit qaroo erga argatteen booda barnoota waggaa sadiin dura dhaabdetti deebiteetti. Ijishee inni tokko ishee rakkisus barnootashee hamma kutaa 10tti itti fufteetti.
Wal’aansi kennameefi otoo hin milkoofnee, dhiphina caaluuf akka ishee saaxilu himti. Qaroo isa lammataa argachuuf garuu waggaa shaniif eeguun irra ture.
‘’Ifa jechaan hin ibsamnen argadhe’’
Naannoo Oromiyaa, godina Baalee kan jiraatu Fireew Shibashii xalaan ija bitaasaa irra jiru guddatee rakkoof isa saaxilee ture. Rakkoon ijasaa kuni maal akka tahe beekamuu baatus barataa teeknikaa fi ogummaa yeroo ture hojii sibiilaa waan barachaa tureef xaaxoo ibiddaa tahuu danda’a shakkii jedhu qaba.
Giniiritti tajaajila geejibaa doqdoqqee kennuun galii argachaa kan ture Fireew ijisaa dide hamma waa adda baasuu dadhabutti hojiisaa hin dhaabne ture.
‘’Yoon hojjedhe malee jiraachuu gatii hin dandeenyeef, hojii itti fufeen ture. Eegumsa Waaqaaf malee balaan adda addaa narra gahee ture. Doqdoqqee saffisaan yoon oofu waanti fagoo gatii natti hin mul’anneef dhaqeen itti bu’aafaan ture,’’ jechuun hima.
‘’Dargaggeessa taatee qaroo kee battalatti dhabuun ulfaataa dha. Abdii si kutachiisa. Maaliifan jiraadha? Gaaffiin jedhu yeroo sitti dhufu, calluma jettee jiraachuu jalqabda, konkolaataan otoo na dhahee jechaa jiraachuu jalqabeen ture. Yeroon karaa qaxxaamuru namoon ‘iji kee hin arguu?’ jechaa waan sammuu koo tuqu fa’i natti dubbatu.
Waggaa kudhniif haala kanaan rakkachaa kan ture Fireew qaroon inni nama du’eerraa argate jireenyasaa karaa hin yaadneen geeddareera.
Namoonni itti himanii baankii ijaa deemuun galmaa’e. Yeroo dheeraaf erga eegeen booda waggaa darbe baatii Guraandhalaa keessa qaroon isaaf tahu argamee, wal’aansa baqaqsanii hodhuu sa’atii sadiin booda qaroonsaa deebi’eefi.’’Ifa jechaan hin ibsamneen argadhe,’’jechuun hima.
‘’Yaaliin booda haguuggiin ija koorra ture yeroo ka’u, ifa dinqisiisaan arge. Dukkanaa gara ifaattin dhufe. Akkanattin argaa na jechisiise. Waan guddaa hamma ifaa gahu yeroo argattu jechaan ibsuun ulfaataa dha.’’
Namni ganna 33 Fireew qaroo arjoomaan argame otoo hin galchatiin dura waan meetira tokkon gadi dhiyaatee jiru qofa arguu danda’a ture. Amma garuu hamma meetira shaniitti arguu akka danda’u dubbata.
‘’Kitaaba dubbisuu nan barbaada ture. Macaafa Qulqulluus dubbisuun barbaada ture. Sichi egaa dubbisuu nan danda’a. Of danda’ee hojiin hojjechuuf na rakkisu jira ture. Amma garuu homaa rakkoon hin jiru. Fedhiin garaa koo fiixaan naa baheera, dubbisuu danda’eera,’’ jedha.
Sosochii haaraa Bezaawwiitii fi Fireew irratti hirmaatan
Bezaawwiit waggaa shan booda dha qaroo isa tokko kan argatte. ‘’Yeroos ija tokkoon qofa gatii taheef kanan argu ‘ishuman qabu nan dhabaa laata?’ Jedheen dhiphadha ture,’’ jetti
Tahus yeroo ammaa qaroo ijaa lamman argachuunshee waan ishee yaaddessuufi gara duubaatti ishee deebisu akka hin jirre dubbatti. Gammachuu jechaan hin ibsamne kana namoota haala wal-fakkaataa keessa dabarsaniif qooduun gargaaruuf tattaaffii gochaa jirti.
Ishee fi Fireewu dabalatee namoonni biroo karaa Baankii ijaa qaroon ijaa isaanii deebi'eef dhimmicharratti hubannoo uumuu karaa marsaalee hawaasaa sochii eegalaniiru.
Beezaawiit sosochii kana keessatti dammaqinaan kan hirmaattu yoo ta'u hanga ammaa obboloota ishee dabalatee namootni 17 du'a isaanii booda qaroo ijaa isaanii akka arjooman amansiisftee akka mallatteessan gooteetti.
"Kaayyoon keenya inni guddaan maal seete, nuti arguu dandeenyeerra, hawaasa keenyaaf hubannoo uumuu fi hakimoota keenya galateeffachuun aadaa akka ta'u feena. Namootni qaroo ijaa hin qabne kuma dhibbaan lakkaa'aman waan jiraniif isaan gara yaalaa akka dhufan gochuudha."
Direektarri Baankii Ijaa Itoophiyaa Aadde Lamlam Ayyalaa rakkinoota baankichi qabu keessaa inni ijoon, hubannoo dogoggoraa namootni waa'ee wal'aansa qaroo ijaa buqqisanii dhaabuu qabanidha jedhu.
Kanaaf sosochiin Beezaawiit fi waahillan ishee eegalan dhimmicha caalaatti barsiisuu fi lakkoofsi arjoomtota qaroo ijaa akka dabalu godha jedhamee amanama.
"Fagoo osoo hin deemiin anarratti arguun ni danda'ama. Ani wantan kana dura hojjechuu hin dandeenye hojjechuu danda'eera. Kuni hundi sababa namni hayyamamaa ta'e tokko qaroo ijaa isaa arjoomeefi. Qaroo ijaa hamma awwaallu osooa arjoomnee, maaliif ifa awwaalla?" jechuun kan gaafatu Fireewu, ilaalacha kana namoota biratti fudhatama akka argatu gochuuf sosochiin isaanii murteessaa ta'uu hima.
"Itoophiyaatti namootni kuma 300 ol godaannisa qaroo ijaa qabu"
A.L.I bara 1995 kan hundaa'ee baankiin Ijaa Itoophiyaa waggoota 16 darban namoota akka Beezaawiit fi Fireewu godaannisa qaroo ijaa fi rakkinoota birootiin arguu dhaban ykn ammoo dandeettiin arguu isaanii daran gadi bu'ee ture 2500 oliif qaroo ijaa dhiyeessuun arguu akka danda'an godheera.
Lakkoofsi kun lakkoofsa namoota wal'aansa kana fedhanii waliin yoo madaalamu gadi aanaadha jedhu Aadde Lamlam.
"Namootni kuma 300 ol godaannisa qaroo ijaattiin miidhaman jiru. Kanaaf wal'aansi qaroo ijaa buqqisanii dhaabuu amma dura hojjenne daran xiqqaadha," jedhu.
Rakkoon godaannisa qaroo ijaa fi isaan walqabatan wal'aansaan fayyuu danda'a kan jedhan Aadde Lamlam, kun akka ta'u garuu arjoomtonni osoo lubbuun jiranii qaroo ijaa isaanii arjoomuuf yoo waadaa galan qofa jedhu.
Arjoomtoonni lubbuun isaanii erga darbeen booda ija isaanii guutummaa osoo hin taane kan fudhatmu qaama qaroo isaanii miilimeetirii 12-14 tahu dha.
‘’Fuulduree qaroo ijaarraa kan argamuufi qaama hamma qeensa abgudduu gahu kan ifa dabarsu qofaatu baankii ijaa Itoophiyaaf kennama. Kanaaf namni tokko erga du’een booda miidhaan ijaa mul’atu irraa hin gahu,’’ jechuun ibsu.
Adeemsi kunis daqiiqaa 30 hanga 40 kan fudhatu yoo tahu namni tokko du’ee torbee keessatti raawwachuu qaba.
Gama biraan baankichi mootummaafi tola ooltota idila addunyaa irraa gargaarsa qarshii qabaatullee hanqinni qarshii hojiisaaf qoramaata tahuu dubbataniiru.
‘’Haalli kuni guutamnaan dhaabbatichi haala yaadeen naannolee garaagaraa irra damee banuun tajaajilasaa babal’isuu danda’a. Kanaaf immoo dhaabota mootummaa dhimmi kuni ilaallatu wajjin hojjechaa jirra.’’
Baankiin ijaa bara 1995 A.L.I Finfinneetti hundeeffame hospitaalota Gondar, Jimmaa, Hawaasaa fi Tigraay Kuyaatti argaman keessatti yaalii kana kennaa jira.
Kana malees lakkoofsa arjoomtotaa guddisuuf Finfinneefi naannolee birootti dameewwan dabaluuf Ministeera Fayyaa waliin hojjechaa jira.
Lammiileen hubannoon qaroo ijaa arjoomuuf qaban yoo dabaleefi rakkoon maallaqaa yoo salphate jireenyi namoota baayyee akka geeddaramu amanti Bezaawwiit.
‘’Qaroo keessan arjoomaa kan jennu, gatii danda’amuufi, ani arguu ijaan danda’efin mana bahee, barnoota koo itti fufe. Waa hojjedhee akkan darbus nan amana. Kanas raawwachuu kanin danda’u anaaf oolmaan waan naa oolameefi,’’ jetti.