Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Takilee Abarraa: Deeggaraa kubbaa miilaa qaroo- dhabeessa
Takilee Abarraa Asaffaafi Kambolojoon (istaadiyeemiin) erga walbaranii waggoonni kurnan hedduu darbaniiru.
Bara 1968 irraa kaasee ulaa seensaafi bahiinsaa Kombolojoo sirnaan beeka.
‘’Yeroon isaa bara Dargii keessa, naannoo bara 1968, bara sana kilaboota 50tti dhiyaatanitu ture. Kilaboota hundasaanii nan hordofa ture.
''Gareen addatti beeku hin turre. Eertiraa irraas kilaboonni dhufan turaniiru. Finfinneetti wayita taphatan nan ilaalan ture,’’ jechuun waan yaadatu dubbata.
Ramaddii garee olaanaa keessatti gareewwan akka ’’Jirbii Dirre Dhawaa, Aduliis Asmaraafi Abiyoot Firee, Tigil Firee bara Dargiitti turaniiru malee,'' yeroo sanatti Gareen Buna Itoophiyaa hin turre.
''Bunni Itoophiyaa bara 1977 gariichatti dabalame. Namni beeku hin jiru, Waldaa hojjattootaa ture.’’
Bara sanatti dorgommiin kilaboota 50 ni gaggeeffama ture. Bunni fi Takilee Abarraa yeroo sana wal baru Takileen hin daganne.
‘’Bunni yeroo Aday Ababaa waliin taphatuun ilaale. Dorgommichi ulfaataa ture. Bunni garee olaantummaa qabu ta’e natti mul’ate. Sababni isaammoo yeroo sanatti leenjisaa bilchaatafi ofitti amanu qaba ture.
''Kilaboota yeroo sanatti turan keessa kan na hawwatu Buna qofa ture. Haala kanaani garicha kanan bare,’’ jedha.
Jaalalli kubbaa miilaaf qabu garee Bunaa waliin eegale.
‘’Yeroon itti hidhame tureera. Bu’aa bahiifi dararaa hedduun na mudateera. Istaadiyeemii akkan hin seenne yeroo dhorkame tureera. Qabeenya koo dhabeera.
''Buna ilaalutti bara hojii kootii qisaaseera. Waa danuun na mudateera; gufuun lakkaa’amee hin dhumne na mudateera,’’ jechuun waan darbe yaadate.
Akkamitti akka istaadiyeemii akka hin seenne dhorkame isa jedhuun haa eegallu.
Yeroo sanatti loltootatu wayita taphni istaadiyeemiitti taphatamu eega. Namni iddoo taphaatti lola kaasu akka 'istaadiyeemiii hin seenne' jedhame.
‘’Bunaaf jecha nama biraa waliin wal lola jedhaniitu istaadiyemiirraa na ugguruuf mureessaan.’’
‘’Buna waanin jaaladhuuf yeroo namoota kaan shubbisiisu natti dheekkamu ture,’’ jedhe.
''Guyyaa tokkoo loltoonni qabanii gara Lagahaar geessan. Lagaahar baabura duriitu ture. Baabura moofaa sana tokkoosaa keessatti natti cufanii deemu ture. Achitti na irraanfatan.
''Maatii kiyya keessaa eessa dhaqe? jedhu, Eessatti akkan bade wallaalaniiru. Hidhaa sana caala garuu beela isaa hin dandeenye ture.
‘’Baay'ee na jeeqee yoon iyyu, namoonni konkolaataan deemaa turan waamanii na hiiksisaniiru,’’ jedhe.
Hidhaarra hiikamullee akka istaadiyeemii hin seenne na ugguran. Haata’u malee, uggurri kun tapha kubbaa miilaa ilaalurraa nan dhorkine jedhe.
Mala biraa malateera. ‘’Isaan na dhorkanillee, dhokadheen seena ture. Muka baargamoo ykn shibootti rarra’een seena ture,’’ kan jedhu Takileen, ''Taphni na jala hin darbu ture’’ jedhe.
Sana booda immoo irra deebi’ee hidhameera. Sababa biroof ture kan hidhame.
‘’Hiriyaa tokkoon qaba. Abdallaa Ahimad jedhama. Otoo shubbisnuu loltoonni callisaa jedhanii lamaan keenyatti shugguxii nutti baafatan. Shugguxii wayita nutti baafatan hiriyaan koo akka malee rifate.
''Ani immoo ‘Maalifi? Biyya nagaa qabdutti shugguxiin maalii barbaachisa?' Mirga keenyan jedheen.
''Mirga namaa hin dhiibne. 'Dhukaasi, dhukaasi' jedheeni yeroon ija itti babaasu, na fuudhanii deemanii balbala natti cufan,’’ jedhee haala yeroo sana ture yaadate.
‘’Guyyaa sadiin hidhaa bule. Na reebaniiru, Erga iddoo itti na hidhan na geessanii na miidhaniiru,’’ jedhe.
Deeggaraa Bunaa ta’uun rakkoo danuu keessa darbe. ‘’Dararaa lakkaa’amee hin dhumnetu narra gahe,’’ jechuun yaadata.
Haala kanaan jaalalli Takileen kilaba kubbaa miilaa Bunaaf qabu itti fufe.
Qabxiin Bunni galmeessise oliif gadi raafamullee, Takileen deeggaraadhuma Bunaati.
Bunni seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaatiif waancaa liigii yeroo fudhatu ragaan tokko Takileedha.
Tapha bareedaaf Buna
Gammachuu kubbaaf Buna
Bunni Itoophiyaa keenya.. jedhanii deeggartoonni kilabichaa sirbu.
Balaan bara 2005 Takilee mudate seenaa isaa geeddare. Balaan konkolaataa miidhama namoota hedduuf sababa ta’e Takilees mudate.
‘’Bara 2005 balaa konkolaatatu na mudate. Waggaa kudhanu hin guunne dhiyoo kana. Balaan konkolaataa na mudateetu malee, uumamaan qaroo dhabeessa hin turre.’’
Takilee balaan konkolaataa irra gaheen miidhama qaamaaf saaxilame. Balaa isa mudateerra fayyuuf yaaleera garuu hin milkoofne.
‘’Yeroo sanatti nan fayya jedheen hospitaala Minilik dhaqe. Hakiimonni agartuun ijaa koo lachuu keessaa baduu natti himani,'' jedhe.
Qubni abuudduu isaa tokko balaa sanaan cabeera.
‘’Balaa sana booda bayyanachuu hin dandeenye'’ kan jedhu Takileen, ’’Yeroo sanarraa qabee bayyanachuun dadhabe, humnan ittiin dandamadhun hin qabu.
''Nan miidhame, qaroo koo illee nan dhabee, sireerrattin hafe,’’ jedhee dubbate Takileen.
Wal’aansa argachuu qabu argateera. Arguu dadhabullee garuu gara Kaambolojootti imaluu eegale.
Balaa irra qaqqabe hordofee wal’aansa fayyaa erga argatee booda taphni tokkollee na jala darbee hin beeku jedhee dubbata.
‘’Erga balaan narra gahee hordofuun hin dhiifne. Istaadiyeemiis nan deema,’’ jedhe Takileen.
Gaaffii ijoon ka’u, akkamittiin taphicha hordofaa? kan jedhudha.
‘’Taphicha nan dubbisa. Sosochii isaaniis durii qabee sirnaan beeka. Adeemsa isaas nan hubadha.''
Sirriitti akka nu hubachiisuuf taphicha akkamitti akka hordofuufi adeemsa taphaa namni itti himu jiraachuu isaa gaafanne.
‘’Ani nama waliin istaadiyeemii hin seenu. Daa’ima tokkon qaba; isa wajjin yeroo barnoonni hin jirre nan seena.
''Inni kubbaa miilaa jaalata. Innis deeggaraa Bunaati. Ani ofuma kootiin nan ilaala. Daa’imni koo yoo na bira jiraate na gargaara. Mucaan koos waa’ee kubbaa miilaa ni beeka. Umriin isaa ganna 14.
''Ana caalaa beeka. Dhiyoo kana ana waliin tapha Bunaa ilaaluuf waliin Hawaasaa deemnee turre. Akka ijoolummaa isaa miti, tapha sirriitti beeka,’’ jechuun dubbate.
Biyyoota hedduu keessatti istaadiyeemiin qaama miidhamtoonni deeggarsaaf dhaqaniif mijatufi adeemsi barbaachisu diriirfameera.
Namoonnis waltumsu. Itoophiyaatti kanarraa addadha jedhe Takileen.
‘’Fakkeenyaaf uummata Awurooppaa fi Afrikaa waliin uummata as jiru wal bira madaalchisuu hin dandeessu’’ jedhe.
‘’Kaamboloojoo yeroo seentu si gargaaruun hafee, seenuukee ummata dinqisiifatutu jira,'' jedha.
''Amma jireenyi qaaliidha. Seensi Istaadiyeemii seenuf kaffaltiin qaaliidha. Birrii tokko otoo naaf hin kaffaliin namni ajaa’ibsiifatu ni jira. Namni odeessu jira.
''Nama biyya kanaafi biyya biraa wal madaalchisuu hin qabdu,’’ jedhe Takileen.
Kun garuu namoota hunda hin ibsu. Dhiyootti kaffaltii waggaa tokkoo isa gargaaru kan kennaniif jiraachuu dubbata. Dhimma kanaan walqabatee mudannoo isaa himeera.
Yeroo tokko tikkeetti waggaa tokkoof isaa tajaajilu qabatee daa’ima isaa wajjiin Kaambolojoo dhaqe.
Istaadiyeemi seenuuf wayitan ka’u, deeggaraan tokko ‘maalif seensifta?’ jechuun irra deddeebiin dubbate.
Takileen dhaga’eera garuu isa akka waaman hin beekne ture.
Poolisii: Takilee Takilee
Takilee: Yoo
Poolisii: Waa’ee kee natti dubbataa jiru garuu ati seeni.
Takileen wayita seenuuf ka’u, irra deebiin poolisichi ''Ammas deebisii naan jedhu'' jechuun Takileetti hime.
Takilee: Maaliif? Maalifaan deebi’a? Naaf kaffalaa? Isan kadhadhee? Kadhaan deemee? Dhimmichi maali?
Poolisii: ’’Ulee qabatee waan seenuuf namni miidhamuu danda’a’’ jechuufi jedhe.
‘’Uleedhaaan deema waan ta’eef yookiin ulee irraa fudhii ykn isuma deebisi’’ jedhe.
Yeroo kana dhaga’u Takileen hedduu gadde.
Takileetiin gara fiixee istaadiyeemichatti waamee, ‘’yaada namtichi siin jedhe ni fudhattaa?’’ jedhee gaafate.
Poolisichi ’’beenu seenin siin jedhe’’ jedheen.
‘’Maaliif gaaffii akkasii na gaafatta, Beenu seeni hin dhorkamu siin jedheera’’ jechuun deebiseef.
Takileen wayita tapha hordofuuf gara istaadiyeemii seenu, Poolisichi gara hojiisaattii deeme.
Waanti akkatti si rakkisu yoo jiraate raadiyoon ykn TV dhaan maaf hin hordoftu jedhamee gaafatameera, Takileedhaaf kuni filannoo sirrii miti.
Deebii inni kenne immoo ‘’namarra namatti garaagara'' kan jedhudha.
Maarkisizimiifi Leeninizimiin maal jedha seete ’’harki hin hojjanne hin nyaatin’’ jedha dur.
Ati kan argite, kan keessa turte, kan sitti himu wal qixa hin tarkanfachiiftu.
‘’Achi jiraattee sochiisaa, saffisaafi dhiiticha isaas ta’ee gooliifi kaanirrattillee ati kan achi turteefi, namni kan sitti himu gidduu garaa garummaatu jira’’ jedhe.
Kanaaf qaamaan achitti argamee hordofuu kan dursa filadhuuf. Gara fuuldurattis tapha hordofuu ittuma fufa jechuun hime.
‘’Yeroo hundaa istaadiyeemii nan dhaqa. Ciminaafi laafina jiru gamaggamuufi sochii jiru hubachuuf jechan dhaqa.
''Ati waan sittii hin tolle hin nyaattu mitii? Leenjisaa qeequufi taphattootti gadduuf gahumsa irra jiruufi bu’aa isaa miidiyaarra dhaga’u wayya.
''Sochii jiru hubachuuf iddoo sanattii kallattiin argamuutu caala yaada jedhuun qaba,'' jedhe.
Takileen tapha biyya alaa hedduun hin hordofu.
‘’Isaan biyya kootii waliin qixxee miti, tapha isaanii caalaa kan biyya kootiin caalchifadha,’’ jedhe.
Haata’u malee, kan biyyoota alaas darbee darbee akka hordofu himeera. Kilaabiin biyya Ingilizii Arsenaal filannoo isaa kan jalqabaati.
‘’Arsenaal wayita taphatan sochiin isaanii kilabiikoo wajjiin wal fakkaata. Isaanis kilabiin ani jaaladhu Buna wajjin sochiin isaanii akka tilmaama kootti walfakkaata.
''Lamaan isaanii kubbaa fudhatanii taphicha dursu. Kanaaf darbee darbee isaan nan hordofa,’’ jedhe.
Turtii waggootaaf lakkaa’amuuf Kaambolojootti kan deddeebi’aa ture Takileen taphataa kam caalsifata?
‘’Akkas miti, daa'ima yoo jaalatte furriidhuma isaa waliin jaalatta’’ jedhee mammaake.
''Garicha guutumaan guutuutti laphee koorran deeggara. Kilabiin keessatti guddadhedha. Kilabiin sadarkaa kana ittiin gaheedha. Kilabii duubakoo dhaabatedha. Kubbaa miila keessammoo bu’aa ba'iitu jira.
''Yeroo tokko tokko haala ati hin eegne ta’ee argita. Yeroo kaan immoo gufuun jira. Ammas fuulduratti deema jedheen eega. Sababiin isaammoo fedhiin kana barbaadu anuma waliin jira.
''Fakkeenyaaf Itoophiyaa bakka bu’ee Afrikaarratti akka dorgomuun hawwa ture. Sadarkaa sanarra qaqqabee, dorgomee argeera. Liigii keessatti tokkoffaa bahee arguun barbaadan ture, isa argeera.
''Kan baranaa jalqabeera, ammas hin xumuramne. Sadarkaa 1-3 keessa ni seena jedheen yaada,’’ jechuun yaada isaa kenne.
Takileen warroomeera. Abba ijoollee dhiiraa lamaa fi ijoollee durbaa lamaati. Garuu hojii hin qabu.
‘’Harka namaa eegachuurra’’ jechuun cilee gurguree jiraata. Gama biraatiin miseensa deeggartoota kilaba Bunaati.
‘’Waldaa deeggartootaa jechuun akkuma humna keetti kaffalti barbaachisu kaffaltee seenta, ani yeroon fayyaa qaburra kaase miseensan ture.
''Waldichi erga miidhaan garaa garaa narra qaqqabee booda na deeggareera. Anaan sirriitti na beeku, baay'een isaanii na beeku, sababni isaammoo yeroo ijji koo jaame na gargaaraniiru.
''Ani dhukkubsannaan ijoollee kootiif ruuzii na gargaaran, yeroo ayyaanaattimmoo hoolaa bitaniis na gaafachuu dhufaniiru,’’ jechuun hima.
Takileen kubbaa nama ilaalun qofaa mitii, wayita iji isaa argaa tureetti ni taphata ture.
Haata’u malee, erga qaroo isaa dhabee garuu hunduma isaayyuu dhiiseera jedhe. Sadarkaa idil-addunyaatti namoonni qaroo hin qabne dorgommiin irratti hirmaatan ni jira.
Akkamitti isarratti hin hirmaanne jechuun gaafanne.
‘’Amma qaroo hin qabu ulee qabadheen deema, isarratti dabaluun immoo ijoolleen qaba. Kaffaltii ibsaa, bishaaniifi nyaataatu jira. Otoo waanti akkasi nama dhiphisu jiruu akkamittin taphadha.
''Yeroon daa’immaniif daabboo bituuf jecha qabsoo keessa jirutti taphni natti hin mul’atu,'' jedhe.
Takileen tibbana Hawaasaa dhaqee tapha kilabaa jaalatu Buna Itoophiyaa wayita hordofu karaa foddaa TV mul’ateera.
Kilaba Bunaa ilaalchisuun yaada inni kenneen goolabna.
‘’Bunni yeroo hundaa mi’ooftuudha, yeroo hundumaa garaa garummaa hin qabu. Bu’aa bahiin tapha kubbaa miilaa addunyaa keessa kanuma jirudha.
''Gareen tokko yeroo tokkoo ni jabaata, yeroo kaanimmoo gahumsa isaatu gadi bu’a, qabxiisaatu xiqqaata malee bunni bunuma,’’ jedha.