Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhukkubni Tiraakomaa maaliif Oromiyaatti baayyatee?
Dhukkubni ija jaamsuu kan Ibirku (Trachoma) jedhamuun beekamu xiyyeffannoo barbaachiisu dhabuun, Oromiyaa keessatti dhabamsiisuu osoo hintaanee caalaa babal’aataa jiraachuu dhaabbanni fayyaa ijjarratti hojjatu 'The Fred Hollows Foundation' BBC'tti hime.
Dhaabbatichatti Gorsaan Dhukkuboota Gammoojjii Xiyyeffannoo Barbaadanii Obbo Daamxoo Yaadataa, ''sochii hanga ammaatti taasifameen wal-bira qabamee yoo ilaalamu jijjiramni jiraachuu danda’a, garuu hojiin barbaachisuu waan hin hojjetamneef dhukkubi kun babal’achaa jira'' jedhan.
“Amma magaalaa guddittii Itoophiyaa Finfinnee keessattilleen bal’innaan hojjachaa jirra. Kun ammoo sadarkaa irra jiru agarsiisa, hir'ina qulqullina naannoo fi dhunfaatuu rakkinichi bal’isaa jira,” jedha Obbo Daamxoon.
Dhukkubni tiraakoomaa kun addunyaarratti namoota miliyoona hedduu miidhaa jira. Maanguddoota dabalate ijoollee hedduun dhukkuba kanaan qaroo dhabaa jiru.
Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti, biyyoota afriikaa garmalee dhukkubni tiraakomaa kun keessatti babalate 29 keessaa Itoophiyaan tokko. Gama biraatiin ammoo WHOn dhiheenya kana Gaambiyaa dhukkuba kanarraa bilisa ta’ushe labse.
Haala Oromiyaa keesssaa
Biroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti Qindeessan Sagantaa Dhukuboota Gammoojjii Xiyyeffannoo Barbaadanii Obbo Hirphaa Miyeechaa, dhukkubi kun naannoo Oromiyaatti sadarkaan faca’iinsa isaa wal-haa caaluu malee aanalee 318 keessatti argama jedha.
Naannichatti hojiin to'annoo dhukkuba kanaa turee waan eegalteef, akka babalate ta'u dubata Obbo Hirphaan. Aanaalee naannicha keessaa Shawaan Kaabaafi Hooro Guduruutti namoonni baayyeen dhukkuba kanaan miidhamaa qabachuu hima.
“Duraan Oromiyaa keessatti lakkoofsi daa’iman dhukkuba kun irratti argam ammaatti daran ga-bu’aa jira” jedhan Obbo Hirphaan.
Tirakooman maaliirra dhufa?
Tiraakoomaan dhukkuba ijaa baakteriyaa "Chlamydia Trachomatis" jedhamuun dhufuudha. Ijji nama dhukkuba kanaan takka badde/jaamte ammoo deebi'uu hindandettu. Kanaaf otoo sadarkaa baduu/jaamuurra hin geenye dafanii yaalamuun barbaachisaadha jedhu oggeessoonni.
Yeroo hedduu Tiraakoomaan ija lachuu kan hubu yoo ta’u, bakka qulqullinni naannoo fi dhuunfaa gad-bu'aa ta’eetti baayyata. Hanqina dhiheesii bishaan qulqulluus rakkoo tana fiduu danda’a.
Kan malee mana fincaanitti fayyadamuu dhabuufi ija dhukkubsatte tutuqanii ija nama biraa tuquun dhukkubicha dabarsa.
Titiisotaafi ilbiisonni biroo ija nama dhukkuburraa gara nama ija fayyaatti kan dabarsan yoo ta'u, huccuu ija dhukkubsattuun haxayataniin namni biraa tuquun ijasaa yoo qabate dhibee itti fiduu danda'a.
Obbo Hirphaan manneen barnoota hedduun mana fincaaniifi bishaan dhabuun, baratoota dhukkubaaf saaxiluu hima. Kan mana fincaanii qabanilleen baay'ina baratoota wajjjin kan wal-hin madaleedha jedhan.
Baratoonni kunneen dhukkubicha mana barnootatti baakteriyichaan qabamanii manaatti galuun maatiisaaniitti dabarsu. Sababa daa’iman waliin oolaniif haadholii harka caalan dhiirotarra dhukkubichaan saaxilaman.
Namoonni hedduun mallatoo dhukkubicha qabatanillee, maal akka ta’e beekuu dhabuufi yaala argachuu dhabuun qaroo dhabeessa ta’u hima gorsaan dhukkuboota Gammoojjii (Tropical) xiyyeffannoo barbaadanii Obbo Daamxoo Yaadataa.
Mallatoon dhukkubichaa maal fa'i?
Akkuma dhukkuboota biroo, tirakooman sadarka gara garaa qaba. Osoo sadarka qaroo dhaburra hinga’iin, mallatoon ijji fi qolli ijaa kan nyaaraa gadi jiruu nama hoosiisuufi gubuu, akkasumas cimmaan akka malaa fakkaatu ykn akka furrii wal harkisu ijarra jiraachuun kanneen muraasa.
Kana malees, qolli ijja haguugu dhiita’uu, ijji ifa sodaachuu/ifa laaluu dadhabuu, dhukkubbiin ija keessatti nama dhagahamufi booda irra rifeensi qola ijaa irra jiru gara ija keessatti garagaluudha jedhu oggeessi.
Dhukkubi kun irra caalaa sababii hir'ina qulqullinaatiin kan dhufu waan ta'eef, ofirra ittisuu qofa osoo hintaane dhabamsiisuun illee saalphaa ta’u hima Obbo Daamxoon.
Maaliif Oromiyaatti baayyate?
Itoophiyaatti tajaajjilli bu’uraa ykn misoomni bu’uraa baay’ee duubatti hafaadha. Akkasumas hanqinni kun Oromiyaa keessatti bala’ate mul’ata jedha gorsaan kun.
Naannoon akka Amaaraa kan dhukkubni kun itti baayyate ammoo wagga 15 ol erga hojiin ittisaa fi to’annoo dhukkubichaa eegalame. Naannoo Oromiyaa garuu dhukkubichaa irratti xiyyeffachuu kan eegale bara 2016tti jedhan.
Oromiyaa keessa rakkoon jirtu hedduu ta’u ibsanii, keessuma haalli qulqullina naannoo hamaa ta’uu, mana fincaanii qotatanii itti fayyadamuun jiraachuu dhabuu, hanqinni harkaafi fuula dhiqachuu jiraachuufi hubannoon hawaasi qabu baay’ee gad-bu’a ta’u kaasan.
Bakka baay’etti dhiheessiin bishaanii rakkoodha. Kanaaf barattoonni rakkachaa jirti. “Manneen barnootaa mana fincaaniifi bishaan hinqamneetuu jira,” jedha.
Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti Qindeessaan Sagantaa Dhukuboota Gamoojjii xiyyeffannoo barbaadanii Obbo Hiphaa Miyeechaa duraan, dhukkubichi Oromiyaa keessatti baay'ee babalachuu hima.
Haatau malee dhukkubni kun wal’ansa tokko malee dhabamsiisuun saalphaa ta’u ibsa. “Fuula dhiqachuun qofa harka 50 dhukkuba kanaa xiqqeessuu ni danda’a. Kanafuu namni bishaan qulqulluu arganaan rakkoon tun badu hinooluu,'' jedhan.
Yoo fuulli qulqulluu ta’e baakteeriyaan irra qubachuu hindanda’u. Garuu ammoo aanalee garii Oromiyaa keessatti bakki namni bishaan dhugee itti rakkatu jira jedha Obbo Hirphaan.
Kanaafuu bakka bishaan dhugaatti ooluu rakkoo itti ta’etti, fuula dhiqachuun ulfaataadha. “Bishaan barbaacha lafa sa'aatii shanii-jahaa deemaniitti qulqullina dhunfaafi manasaanii eeggachun rakkisaa ta'a.''
Haala kanaan walqabate, dhukkuba kana dhabamsiisuun yeroo dabalata fudhata jedha.
Amma hoo maaltuu hajjatamaa jira?
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bara 2020tti biyyoonni addunyaa cufti dhukkuba kaan ni dhabamsiisu jette turte. Haatau malee Afriikaa keessaa biyyoota lama qofatuu dhukkuba kanarraa bilisa jedhame. Kanaaf, jecha karoora dhukkubichi itti bada jedhame 2030tti godhan.
Biroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, waggaa afran darban keessatti hojjii gaarii hojjachuu hima Obbo Hirphaan.
Sagantaa ittisa dhukkubichaa keessattis waliin-gahiinsa bishaanii, qotiinsafi itti fayyadama mana fincaanii, gandoota udaan irra bilisa ta’anfi hubbannoo hawaaasa bal’isuuf hojjiiwwan gaariin biiroonsaaniin hojjatamu dubbatan.
Kana malee tajaajila fayyaa waggaa waggaatti bifa duulaatiin gaggeessuun lakoofsa namoota dhukkubichaan qabamanii baay’e gad-buusuu ibsan.
Akka Obbo Hirphaan jedhuuniitti, wagoota afran darban keessatti namoota 200,000 kan wallaansa baqaqsanii yaaluu barbaadan keessaa namoota 150,000 wallaanu himan. Ammatti namni tajaajila kana barbaadan 50,000 jedhan.
“Hubbannoon uumata keenya dabalaa jira, miidiyaan, mana barnootaafi aanaalee keessatti hedduu barsiisaa jira,” jedhan.
Humna kana cimsuuf, doktaroota hedduu lenjiisuun oggeeyyiin dhimma kanarratti hubannoo gahaa qaban godinaalee Oromiyaa hunda keessa jiraachuu hima.
“Kun dhibee kana dhabamsiisuuf ka'umsadha. Bara 2016 yeroo sagantaa kana eegallu baayyeen keenya hubannoo gahaa hinqabnnu ture. Amma garuu sadarkaa naannootti hubannoo fooyya'aa jira.”
“Kanaaf kana irra kaanee yoo ilaaluu dhibee kana bara 2030tti Oromiyaa keessa dhabamsiisuun ni dandeenya, karoorii keenyaafi kan addunyaas tokko waan ta’eef” jedha Obbo Hirphaan.
Obbo Damxoon dhukkuba kana xiqqeesuufi dhabamsiisuuf hundi keenya iyyuu “qulqullina fuulaafi harka akkasumas kan naannoo keenyaa eeguu, bishaan qulqulluu ta'etti fayyadamuufi nama mallattoo isaa qabu yoo agarre ammoo mana yaalaa deemee akka yaalamu gorsa kennu qaban'' jedhan.
Addunyaairratti namoonni miliyoona 232 bakka dhukkubni ibirku/tiraakomaa keessatti baayyatu keessa kan jiraatan yoo taʼu, kanneen miliyoona 21 ta'an ammoo dhukkubicha qabu. Namoonni miliyoona 7.3 ammoo wallaansa baqaqsanii yaaluutu barbaachiisa.