Qondaaltonni siyaasaa Naannoo Amaaraa labsii yeroo muddamaan hidhaman nyaata lagachuu maatiin himan

Naannoo Amaaraatti labsiin yeroo muddamaa labsamuu hordofee miseensonni paarlaamaa hidhaman lagannaa nyaataarra jiraachuun akka isaan yaaddesse maatiin himan.

Aanga'oonni siyaasaa miseensa manneen maree federaalaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Naannoo Amaaraa turan kunneen mooraa leenjii loltootaa Awaash Arbaatti hidhamanii jiru.

Keessattuu haala namoonni kunneen keessa jiran sirnaan hubachuu waan hin dandeenyeef guddoo yaadda'uu maatiin BBCtti himan.

Miseensi mana maree bakka bu'oota uummataa fi mana marechaatti walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota bulchiinsaa fi to'annoo baasii mootummaa Obbo Kiristaan Taaddalaa, miseensi mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dr Kaasaa Tashaagar fi miseensi mana maree Naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Buwaayaalaw akkasumas namoonni siyaasaa waliin hidhaman kaan har'a (Onkoloolessa 2, 2023) lagannaa nyaataa eegaluun ibsameera.

Aanga'oonni kunneen ''miidhaa uummata Amaaraa, dhiittaa mirga namoomaatti irra ga'aa jiruu fi hanga ammaatti mana murtiitti dhihaachuu dhabuu,'' mormuuf lagannaa nyaataa eegaluutu himame.

Haala hidhamtoonni kunneen keessa jiran ilaalchisee odeeffannoon ba'e kun bal'inaan kan dhagahame miidiyaa hawaasummaarratti.

Waa'ee namootasaanii hagas mara quba kan hin qabne maatiin, waa'eesaanii wayita miidiyaa hawaasummaarratti argan akkaan rifachuu BBCtti himan.

Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa mooraa qondaaltonni siyaasaa keessatti hidhaman kunneen keessatti walumaagalatti namoonni 53 hidhamanii akka jiran ijaan arguu ibsee ture.

Gaazexeessitoonni fi miseensonni paartilee siyaasaa mormituu namoota hidhaa jiran keessatti argamu.

Aanga'oonni siyaasaa kunneen qabiinsa mirga namoomaa himatanis poolisiin garuu sirreeffamtoonni kunneen mirgisanii sirnaan qabamaa jiraachuu ibse.

Wal'aansa fayyaas argachaa akka jiranii fi maatiisaanii waliinis walargaa jiraachuu poolisiirraa dhagahuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa ibseera.

Haati manaa Obbo Kiristaan Taaddalaa Aadde Naardos Addisee ''Abbaan warraa koo erga ALI Hagayya 15, 2015 poolisii federaalaan qabamee eegalee hanga komishiniin mirga namoomaa gabaasa baasutti eessa akka ture hin barren ture,'' jedhan.

Ergasii boodas ta'u yeroo lama ykn sadi qofa bilbilaan argachuu himan.

Kanaaf haala fayyummaa isaanii fi qabiinsa isaanii odeeffannoo ga'aa akka hin qabne himan. Qaamaan argachuuf gaafatanis didamuu ibsan.

Haati manaa Obbo Yohaannis Buwaayaalaw Aadde Heezar, abbaan warraasaanii dhukkubsachuu dhagahuun maatiin hundi jeeqamuu himan.

Sirreeffamtoonni kunneen Awwaash Arbaatti hidhamanii jiraachuusaanii Komishiniin Mirgoota Namoomaa erga ibsee booda garuu yaalaaf dhoksaan gara Finfinnee geeffamanii akka turan dhagahuu himan.

Garuu haala isaan keessa jiran qaamaan akka hin argine himan.

Haati warraa Dr Kaasaa Tashaagar Aadde Yichaaluu Zalaalam ''haala isaan keessa jiran beekuu hin dandeenye. Bilbilaanis daqiiqaa muraasaaf arganna,'' jechuun haala hidhamtoota kunneenii irratti odeeffannoo ga'aa akka hin qabne himan.

Hookkara naannoo Amaaraatti ka'een booda labsii yeroo muddamaa labsame hordofuun, magaalaa Finfinnee fi naannolee birootti hidhaan jumlaa seeraan ala ta'e raawwatamuu jaarmiyaaleen mirga namoomaa ibsaa jiru.