Oromiyaatti namoonni nagaan yeroo ajjeefamaniifi buqqa'an mootummaan maaliif hin dubbanne?

Oromiyaa keessaatti waggoota shanan darban keessatti sababa garaa garaan lammiileen nagaan ajjeeffamaa, qe’eesaanii irraa buqqaafamaafi rakkoo garaa garaaf saaxilamaa turan. Rakkoon kun ammallee hin dhaabbanne.

Rakkoon kunis keessumaa lixa, giddugalaafi kibba Oromiyaatti irra deddeebiin mul’ata.

Walitti bu’iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti waggootaaf deemaa jirus rakkoo kana hammeessutu himama.

Gumiin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa tibbana baaseen, Naannoo Oromiyaa iddoo garaa garaatti sarbama mirga namaa raawwatamuuf mootummaan xiyyeeffannoo hin kennine jechuun komachuunsaa ni yaadatama.

Godinoota akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Kaabaafi Shawaa Bahaatti ammoo hidhattoonni Amaaraa kan mootummaan ‘finxaaleyyii Amaaraa’ ittiin jedhu yeroo garaa garaatti daangaa cehuun, aanolee heddu keessaa lammiilee buqqisuudhaan kaan ajjeesanii, qaabeenyas saamaafi barbadeessaa akka turan BBC yeroo adda addaatti gabaasaa ture.

Lammiilee nagaan Oromiyaa keessa jiraatan yeroo humnoota mootummaanis ta’ee hidhattoota garaa garaan ajjeeffaman, buqqa’anii fi dararaman balaaleffannaas ta’e ibsa wayii hin laatu.

Gumiin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 28, 2023 baaseen, humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattootaan sarbamni mirgaa gargaraa qaqqabaa jiru furmaata akka argatuuf irra deddeebiin qaama ilaallatu gaafatus rakkoon kun yeroo yerootti hammaachaa dhufeera jedha.

"Haala kanaanis lammiileen lubbuun darbaa, qaamni miidhamaa, qabeenyi isaanii saamamaafi manca’aa akkasumas qe’ee isaaniirraa buqqa’aa jiru," jedhe.

Garuu ammoo miidiyaalee biyya keessaa, waa'ee ajjeechaafi dararaa uummata nagaarra gahu yeroo gabaasan baay'ee hin mul'atan.

Fakkeenyaaf, Fulbaana 15, 2023, Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti haleellaa hidhattoonni Amaaraa namoota nagaa konkolaataan deemaa turan irratti raawwataniin namoonni nagaan heddu du’uusaanii BBC'n odeeffatee ture.

Wajjiiri Bulchiinsaafi Nageenyaa godiinichaa lakkoofsa namoota du’aniifi eenyummaa namoota haleellaa kana raawwatani irratti BBC'tti haa dubbatan malee sadarkaa naannootti Mootummaan Naannoo Oromiyaa wayita akkasiin namoonni nagaan jumlaan ajjeefaman kanatti yoo balaaleffatuus ibsa yoo baasuu hin dhagahamu.

Gama biraan ammoo bara 2022 ji'a Waxabajjii keessa Gimbii, Toleetti haleellaa dhalattoota Amaaraa irratti raawwate jedhameen mootummaan naannoo Oromiyaafi kan federaalaa haleellaa namoota nagaa 300 ol galaatafe balaaleffachuun hidhattoota haleellaa kana duuba turan jedhaman Waraana Bilisummaa Oromoo balaaleeffatanii turan.

Haata'u garuu, yeroo humnoonni nageenyaa mootummaas ta'ee hidhattoonni naannoo Amaaraa namoota nagaa naannicha keessatti ajjeessan sagaleen akkasii keessumaa mootummaa naannoo Oromiyaa irraa hin dhagahamu.

Mootummaan karaa caasaa isaatiin, sarbama namoota nagaarratti raawwatu furuuf tarii hojjataa jira ta'a.

Mootummaan nagaa lammiilee isaa eegsiisuuf itti gaafatamummaa qabuun, lammiilee jajjabeessuufi gaachanummaasaa mirkanneessuuf waanta naannicha keessatti ta'u ilaalchisee dirqama odeeffannoo kennuus qaba.

Mootummaan haleellaa namoota nagaarratti raawwaturratti callisuu maaf filate?

Ofii Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo garaa garaatti haleellaan namoota nagaarratti yoo raawwatu maaliif callisuu filate?

Mootummaan callisee odeeffannoo dhoksuun ni fayyadama moo ni miidhama? Mirga odeeffannoo argachuu lammiileen qaban maaliif hin kabaju?

Gaaffiilee kanneeniifi kan biraa irratti namoota siyaasa Itoophiyaafi kan naannoo Oromiyaa itti dhiheenyaan hordofan dubbifneera.

Qondaala Paartii Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) kan ta’an Obbo Xurunaa Gamtaa, mootummaan naannoo Oromiyaas ta’ee kan federaalaa, rakkoo Oromiayaa keessaa irratti ni callisan osoo hin taane, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) rukuchiisuuf Faannoo hidhachiisan jedhu.

“Mootummaan nannoo Oromiyaas hin callisne, mootummaan federaalas hin callisne. Tokkoffaa WBO adamsaa jedhee Faannoo hidhachiiseera."

"Lammaffaa, pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bahaardaar dhaqanii pirezidaantii Naannoo Amaaraa wajjin mari'atanii walii mallateessaniiru,” jechuun lakkoofsi namoota du’anii xiqqaas ta’u guddaa dhimma mootummaa akka hin taane eeruun mootummaa qeequ.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, bara haaraa Itoophiyaa sababeeffachuun ergaa dabarsan keessatti, barri haaraan Itoophiyaa 2016 Oromiyaatti bara sagaleen dhukaasaa itti hin dhagahamne akka ta'u hawwiisaanii ibsanii turan.

"Barri 2016 bara araaraati. Mootummaan naannoo keenyaa gaaffiin uummata keenyaa hundumtuu karaa nagaatiin keessummaa'uu danda'a jedhee amantaa cimaa qaba," jedhan.

Itti dabalunis, "Qaamoleen naannoo keenya keessa kallattii addaa addaatiin hidhatanii socho'an hundumtuu karaa nagaatti deebi'uu qabu. Karaa nagaatiin ummatasaaniifi kaayyoosaaniitiif akka qabsaa'an waamicha koo dhiyeessuun barbaada," jechuun wal-dhabdee jiru mareefi marabbaan furuun fedhii mootummaa isaanii akka ta'e himanii turan.

Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa kana dabarsanii guyyoota muraasa booda Giddaatti hidhattoonni Amaaraa namoota nagaa konkolaataa keessaa buusun ajjeesuu qondaaltoonni mootummaafi jiraattoonni BBC'tti himan.

Paartiin KFO ibsa Fulbaana 19, 2023 ajjeechaa Gidaatti namoota nagaarratti raawwatame ilaalchisee baaseen, ajjeechaa kana kan raawwate humna Faannoo ta’ee mootummaa federaalaa wajjin hidhata qaban fakkaatan akka ta’e ibsee ture.

Humnoonni Oromiyaa keessatti ajjeechaa raawwatan kunneen maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo balleesina jedhuun, beekamtii mootummaatiin Naannoo Oromiyaa keessatti bobba’e,” jedha ibsi KFOn taatee sana ilaalchiisuun baase kun.

Kana malees, ji’a Hagayyaa keessa addumatti Godiina Shawaa Lixaa aanaalee Cobiifi Jalduu keessatti raayyan ittisaa namoota nagaa heddu akka ajjeese BBCn maatii namoonni jalaa du’aniifi kanneen madaa’an dubbisuun gaabaaseera.

Gaafa Hagayya 10, 2023 Aanaa Cobii ganda Qoricha Kootichaa keessatti raayyan ittisaa mana tokkotti nama jaha ajjeesuu namni rasaasaan rukutamee hafe BBCtti himanii turan.

Haata’u garuu humnoota mootummaa kana raawwatan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatames ta’ee namoota nagaa ajjeefaman ilaalchisee mootummaan naannoofi kan federaalaa homaa hin dubbanne.

Mootummaan callisuunsaa waan harka keessaa qabuuf akka ta’e dubbatu Obbo Xurunaan.

“Namicha yakka sana raawwate ykn seeratti hin dhiyeessine ykn uummatatti dabarsanii hin dhiyeessine. Kan inni raawwate sun ajajameetu raawwate jechuudha,” jedhan.

Gama biraan ammoo, biyyattii keessa caasaan mootummaa guutuun hojjatu akka hin jirre kaasun, “mootummaan hangaman turaatu isa yaaddessa malee waa’een du’a namaa waan isa yaaddessu natti hin fakkaatu,” jedhu.

'Bara dijitaalaa kanatti odeeffannoo dhoksuun mootummaas hin fayyadu'

Zalaalam Jaboo The Chinese University of Hong Kongi'tti ogummaa Sab-qunnamtiin kaadhimamaa PhD yoo ta’u, uummanni waan isa ilaallaturratti odeeffannoo waqtawaa argachuuf mirga akka qabu hima.

"Uummanni waan nageenyasaa ilaallatu, waan qe'eesaa ilaallatu odeeffannoo waqtaawaafi gahaa argachuuf mirga qaba. Yoo balaan jiraate, mootummaan biyya bulchu odeeffannoo gahaa kennee uummanni sun balaa itti deemaa jiru jalaa akka baraaramu gochuudhaaf dirqama qaba," jedhan oggeessi kun.

Zalaalam Itoophiyaa keessatti gaafa rakkoon uumamu odeeffannoo dhoksuun waanuma kana dura godhamaa ture ta'uu eerun, garuu amma bara taateen mudate tokko karaa miidiyaa hawaasaa gurra addunyaa gahutti odeeffannoo dhoksanii callisuun furmaata akka hin taane hima.

"Keessumattuu bara miidiyaa hawaasaa kanatti odeeffannoo uummanni beeku dhoksuuf yaaluu jechuun, tokkoffaa of-tuffachiisuudha.

''Lammaffaa, dantaa ummatarraa qabaachuu dhabuu argisiisuu irraa kan hafe, mootummaan odeeffannoo dhoksuun ni fayyadama jedhee hin yaadu," jechuun yaada oggummaasaanii BBC'f kennan.

Taateen tokko yoo mudatu dursa miidiyaa hawaasatiin kan qoodamu ta'uunsaa gama biraan waanta mootummaan to'achuu danda'u ta'uu dhiisuu mala. Garuu ammoo yoo xiqqaate waan uummatarra gahuuf mootummaan gadda itti dhagahame ibsuun barbaachisaa ta'u dubbata Zalaalam.

Waan miidiyaa hawaasarratti qoodamu "to'achuun humna mootummaallee gararraa ta'uu danda'a. Kana yoo to'achuu dadhabee, yoo xiqqaate gaddasaa ibsachuu, rakkoon akkasii akka hin dhalanne furmaata tolchuudhaaf fedhiifi kaka'uumsa akka qabu uummatatti himuun barbaachisaa ture," jedha.

Gama biraan ammoo mootummaan yommuu uummataaf odeeffannoo kennuu didee callisu, uummata biraa amantaa dhabaa akka deemuufi uummannillee yakkoota garaa garaa namoota nagaarratti raawwatan keessaa mootummaanis harka qaba jedhanii akka yaadaniif daandii akka banuu malu himu.

Gaaffiilee ajjeechaa, buqqaatii fi dararaa garaa garaa Oromiyaa keessatti lammiilee nagaarratti raawwatu ilaalchisee, mootummaan maaliif callisuu filate jedhaniifi kaan irratti yaalii aanga'oota Mootummaan Naannoo Oromiyaa sadarkaa adda addaarratti argaman irraa deebii argachuuf taasifne hin milkoofne.

Garuu qaamni mootummaa dhimma kanarratti BBCtti dubbachuu barbaade yoo jiraatee, yaada isaanii wayita arganneetti qilleensa irra kan oolchinu ta'a.