Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuu caala wanti mootummaan barbaadu hin jiru'-Obbo Shimallis
Pireezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ''mootummaan rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa furuu caalatti wanti barbaadu biraan hin jiru,'' jedhan.
Pireezidantichi gaaffiifi deebii addatti dhimmoota addaa addaa irratti TV OBN waliin godhaniifi miidiyaa biyyaalessaa irrattis tamsa'e irratti kana kan dubbatan.
''Uummatni keenya dararameera. Hin gaha,'' jechuunis waamicha dhiyeessan.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessa jiru bara dheeraa kan tureefi qaamolee keessatti hirmaatan irraa kan ka'es walxaaxaa ta'uu obbo Shimallis himaniiru.
''Nagaa dhabuun Oromiyaa waggoota darban mudate akka malee cigaasisaadha, lubbuu namoota nagaa kan fudhate, qaamoleen nageenyaaa fi hooggansi naannichaa aarsaa akka malee qaalii kan itti baase'' jedhan.
''Haala baayyee gaddisiisaa keessa darbaa jirra,'' kan jedhan obbo Shimmallis, Oromoof meeshaa baatanii bosona keessa naanna'uun gaaffii deebisu hin qabu,'' jedhan.
Qaamni isaan Shanee ittiin jedhan gaaffii karaa hin malleen kaasaniin Oromiyaa keessatti badiin guddaan qaqqabuu himanii, gaaffiiwwan jiran marti karaa dimookraatawaa ta'een fala argachuu danda'u jedhaniiru.
''Gareen kun riphee lolaadha. Naannoon kophaa loluuf humna hin qabu. Humni hunduu qindaayee hojjechuu barbaachisa,'' jedhan obbo Shimallis.
Yeroo Waraanni Kaaba biyyattii adeeemaa ture ''naannichi humna isaatiin ol qormaata kana baateera. Qaamni nageenyaa naannichaa aarsaa hammana hin jedhamne kaffaleera'' jedhan.
Amma ammoo qaamoleen nageenyaa Federaalaa hojii guddaa hojjecha aaarsaa guddaa baasaa jiru.
Mootummaan naannoo fi kan Federaalaa dhimma kana irratti kallattii lama hordofaa jirra jedhan.
Inni jalqabaa karaa nagaan rakkoo kana furuu akka ta'e dubbatan
''Uummata keenyaaf jecha karaa nagaan wanti hin furre hin jiru. Qaamni fedhe karaa nagaa galee dhaaba ijaaree qabsaa'uu danda'a jennee daandii nagaa filannoo dursa kenninuuf gooneerra.''
''Amma hin gaha. Gara daandii nagaati haa dhufan. Waamichi ijoon dabarsuu barbaadu adeemsa kana keessa hirmaataa kan jiran gara daandii nagaa haa dhufan. Ummta keenyas Itoophiyaas hin fayyadu. Hunda caala kan miidhaa jiru uummata Oromoodha'' jedhan.
''Rakkoon kun dubbiin furamuu danda'a haa dubbannu haa furru,'' jedhanii, kun bakka hin taanetti garuu kallattiin inni lammataa mootummaan qabate ''seera alummaa kana dhaabsisuudha,'' jedhaniiru.
Olaantummaa seeraa kabachiisuuf qaamoleen nagenyaa mootummaa federaalaa fi naannichaa hojii bal'aa hojjechaa jiraachuu himan.
Obbo Shimallis qaamoleen shan hidhattoota Shanee jedhanii waamanitti fayyadamaa jiru jedhu.
''Kan jalqabaa warra fagoo taa'ee aarsaa osoo hin baasin Oromoofin quuqama jedhu, inni lammataa warra Itoophiyaanistiidha jedhee, irra keessa kan jibbu fakkaatee uummta Oromoo ittiin xiqqeessuuf itti fayyadamu, inni sadaffaan warra aangoo dhabe, afraffaan warra hannaaf jecha ganda keessa naanna'uufi shanaffaan ammoo warra biyya ala jiru,'' jechuun ibsan.
'Dhalootni kun Oromummaafi Itoophiyummaa gargar baasuuf ilaalcha ture cabseera'
Obbo Shimallis dhimmoota Itoophiyummaa fi Oromummaa, jijjiirama waggoota shanan darban Itoophiyaa keessatti mula'te, akkasumas sirna ijaarsa biyyaa amma mootummaan isaanii hordofu irrattis dubbatan.
Dhimma Federaalizimiin walqabaturratti yoo dubbatan hubannaan dogoggoraafi duulli Federaalizimiirra jiru hafee waan hanqatu itti guutuutu Itoophiyaa jijjiiruu danda'a jedhan.
''Sirni saba-daneessummaa hin leellisne, Ahaadaawwiin, yaalamee kufeera'' jedhan.
Seenaa biyya kanaa keessatti yeroon uummata Oromoofi kaan xiqqeessuun tarsiimoo itti ta'e ture jedhanii, innis eenyuufuu bu'aa buuse hin qabu jedhan.
Qabsoon Oromoo ammaan tana wantoota sadiirratti hunda'a kan jedhan pireezidantichi, ''inni duraa barnootaafi teeknoolojiin kan gahoome, lammaaffaa fayyadamummaa diinagdee kan mirkaneesse, inni sadaffaan ammoo sirna jabaa ijaaruurratti,'' jedhan.
Oromummaanis ta'e Itoophiyummaan kanaan ibsamuu qabu jedhan.
''Qabsoon Oromo inni durii, qabsaa'onni durii Oromummaa Itoophiyaarraa adda baasanii ilaaluutu ture, Warri Itoophiyaawwiidha ofiin jedhanis Oromummaafi Itoophiyumma adda bahee akka ilaalamu barbaadu ture. Dhalootni kun ilaalcha kana cabseera.''
''Oromummaan Itoophiyummaadha ilaalcha jedhu mirkaneesseera'' jedhan.
Waayee qabsoo biyya keessa jiraachuu qaba jedhanii yoo dubbatan, diina jedhanii maqaa walii moggaasanii duuluurra kaayyoo gooroo tokko lafa kaahanii isa galmaan gahuutu fuul duratti nama tarkaanfachiisa jedhan.
''Ilaalcha olaantummaan ykn gad-aantummaan qabsoon godhamu galmi isaa kufaatiidha'' jedhan.
Finxaalessumma Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisees yaada kennaniin obbo Shimallis, inni tokko miira gad-aantummaarraa kan maddu, inni lammaffaan ammoo hammaa ol of hubachuun of ilaaluu, sadaffaan ammoo qaamolee alaatiin amantaa ykn sabummaa fa'aa hundeeffatee ka ka'uudha jedhan.
Dhimmoota kunneeniif da'oo ta'uu osoo hin taane saaxilanii irratti qabasaa'uun barbaachisaadha jedhan.