Kadhaa Dirqamaa: Daddabarsa daa'immanii Taanzaaniyaa
Gabaasni qorannoo BBC karaa qindaa'aa daddabarsa daa'imman qaama miidhamtoota tahanii Taanzaaniyaarraa Keeniyaatti taasifamu saaxileera.
Hedduun daa'imman kanaa maatii isaaniirraa wayita fudhataman jireenya fooyya'aaf deemu jechuun waadaan galamaaf.
Haatahu malee, ijoolleen kunniin daandii gubbaarra waggootaaf akka kadhatan dirqamu. Maallaqni isaan argatan marti namoota isaan qabataniif galii taha.
BBC Africa Eye miidhamaan tokko kana jalaa akka miliqu gargaareera.
Gabaasa kana Njeri Mwangiitu Naayiroobiirraa dhiyeessa.









