Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi Roobart F. Kenedii ajjeese ammas iyyati hidhaarraa hiikamuu isaa dhorkame
Bara 1968tti namtichi kaadhimamaa Pirezedantii Ameerikaa Roobart F. Kenedii ajjeese Boordiin oliyaannoo bilisa akka bahu erga yaada dhiyeessee waggaa lama booda akka hidhaarraa hin hiikamne dhorkame.
Namtichi Kenedii ajjeese Sirhaan Sirhaan jedhama, amma nama umurii ganna 78 ta'edha.
Komishinaroonni poolisii Kaarliforniyaa, Sirhaan, maaltu namni tokko ajjeecha siyaasaa akka raawwatu isa tasiisa kan jedhu hubachuuf caalatti hojjechuu qaba jechuu isaanii, abukatoon isaa dubbateera.
Bara 2021,tti boordiin iyyannoo yaa’ii taa’een namtichi kana caala hawaasa balaarra hin buusu jechuun abukaatoo Sirhaatti waliin walii galee ture.
Haa ta’u malee, bara 2022'tti Bulchaan Kaalifoorniyaa murtoo yaa’ii boordii oliyaannaa kana gidduu seene.
Iyyannii isaa kan ammaa waliin walumaagalatti si’a 16ffaaaf fudhatama dhabe.
Abukaatoon Sirhaan kan ta’an Aadde Angelaa Beerii, murtoon boordii oliyyannoo kan fudhatama hin argatiin hafe dhiibbaa Bulchaa Kaaliforniyaa Gaavin Niwsam fi maatii Kenediitii akka Sirhaan hin gadhiifamneef waan fedhaniifi jedhan.
"Boordin iyyannoo, siyaasa Bulchaa Kaarliforniyaatiin kan dhibbaan irra ga'e natti fakkaata’’ jechuun Aadde Beerin dhadacha Roobii mana hidhaa Kaawuntii Saandiyaagotti gaggeeffame booda dubbachuu miidiyaan AP gabaaseera.
Yeroo xumuraatiif Boordiin Iyyannoo bara 2021 dhimmasaa ilaalaa akka ture Sirhaan Komishiinarootatti hime.
Aadde Beerii iyyata 'habeas corpus' ykn himata haala seeraan alaan hidhamu, fuula 53 dheeratuu galchuun, gidduu galtummaan bulchaa kanaa seeraa kan cabse ta'uu abbaan murtii akka murteessuuf gaafataniiru.
Dhaddacha iyyata bara 2021'tti galche irratti, Sirhaan, "walakkaan jaarraa darbeera. Ani amma mucaa yeroo sanatti otoo itti hin yaadiin gocha sana raawwate miti,’’ jechuun komishinarootatti himuun isaa gabaafameera.
Ta'us garuu, Sirhaan, dhaddacha isa ammaa irratti sirnaan yaadasaa hin ibsine jechuun abukaatoon isaa himeeera.
Kanaan dura baqataan Paalestaayiin kan ta'e Sirhaaan, Kenediitti kan dhukaaseef deeggarsa inni Israa’eliif kennetti dheekkamee akka ta'e dubbatee ture, ta'us garuu dabalataan ajjeechaa kana raawwachuu isaa akka hin yaadanneef dubbaatee ture.
Sirhaan, Waxabajjii 5, 1968 irratti kushinaa hoteelaa Ambassador magaalaa Loos Anjelis jiru keessatti, umurii ganna 42 kan ture Kenediitti dhukaasee ajjesuu isaan yakka ajjechaan himatamee irratti mirkanaa'e.
Obboleessi hangafaa Roobart F Kenedii, Pireezdaantii US kan ture, Joon F Kenediin, bara 1963 bulchiinsa Daalas keessatti ajjeefame.