Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayiden dabalatee gaggeesitootni addunyaa milkaa'ina Morokoon Waancaa Adunyaa irratti galmeesite jajan
Abjuun Morookoon Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar keessummeessaa jirtu fudhachuu hin milkoofne, garuu biyyattiin gaddaa hin jirtu, sirumayyuu garee biyyattiin boonaa jirti.
Morookoon Roobii kaleessaa galgala tapha Waancaa Addunyaa walakkaa xumuratti Faraansaayiin 2-0’n injifatamte.
Injifatamuun garee Morookoo deeggartoonni ga’umsa mul'isaniif galateeffachuurra isaan hin hambisne.
Gareen biyyaaleessa Morookoo Afrikaa fi biyyoota Arabaa keessaa yeroo jalqabaatiif dorgommii walakkaa xumuraa qaqqabuun seenaa hojjatan.
Kana bu’uureffachuun Mootiin Morookoo Mohaammad 6ffaan garee biyya isaan toora tiwitaraa gubbatti galateeffatan.
Hooggantoonni biyyoota biroollee otoo hin hafiin ga'umsa gareen Morookoo argarsiisan dinqisiifatan.
Pirezedantiin Faraansaay Imaanu’eel Maakiroon gareen kubbaa miilaa Morookoo dorgommii Waancaa Addunyaarratti seenaa dalaganiif galateeffatan.
‘’Michuuwwan keenya warri Morookoon sadarkaa miidhagaa kanarra qaqqabuu keessaniif baga gammaddan.
kubbaa miilaa keessatti seenaa dalagdaniittu,’’’ jedhan Maakiroon.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden,’’ milkaa’inni gareen kun gonfate wayita ilaalamu qalbii namaa kan booji’udha,’’ jedhanii jajan.
Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiliyaan Mibappee, waayila isaa kilaaba kubbaa miilaa Faransaay PSG’f taphatu Asharaaf Hakiimiin akkas jedhe:’’namni kamiyyuu kan isin hojjataniin ni boona, seena hojjatan,’’ jedheen.
Gabaastuun BBC Mayeni Joonsi, magaalaa Dhiha Morookootti argamtu Kaasaabilkaan tapha gareen Morookoo fi Faransaayi taphatan hordofaa turte.
Mayeni akka jettutti, naannichatti garee Morookoo namoota umrii garaa garaarra jiran irraa deeggarsa guddaa argate.
Deeggarsa garee Morookoo boonu tokko waa’e ga’umsa isaanii gaaffatte.
Maqaan isaa Mohaammad Berrada jedhama. Gabaasaa ispoortii biyya keessati jedheera.
‘’Biyya kootiin nan boona, gareen Morookootiin baayyeen boone. Otoon hin jaalatiin daqiiqa 20 hin caalle keessatti durfamne. Nan gadde, garuu ittinan boone,’’ jedhe.
Lammuummaa Morookoo fi Faransaay kan qabu Adiliin biyya dhaloota isaa deeggaraa ture.
‘’Yeroo hundumaa Morookoo deeggara, tasumaa harka hin kennanu,tasumaayyuu, garee baayyee gaarii ta’e qabna, Faransaayi caala taphatan,’’ jedhe.
Gareen Morookoo Sambata dhuftu Kirooshiyaa waliin sadaffaa fi arfaffaa argachuuf taphatu.
Abjuu Morookoo karaatti hafe hordofee Reguraay maal jedhee?
Abjuun Morookoon Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar keessummeessaa jirtu injifachuu hin milkaa’in hafe, garuu biyyattiin gaddaarra hin jirtu.
Biyyattii barana otoo sadarkaa kana geessi jedhamee hin eegamne dorgommicharratti walakkaa xumuraaf geesse ture.
Leenjisaan Morookoo Waalid Reguraay, seenaa hojjatan jedhamanii leellifaman.
Reguraay milkaa’uuf waan danda’an hojjachuu himan.
‘’Taphattoonni koo ga’umsa agarsiisaniin garee Morookootti maqaa gaarii horan, kana fudhachuun ni jabaata, isaan silaa galmee seenaa irra deebiin barreessuu yaadanii turan,’’ jedhe.
‘’Waancaa Addunyaa raajidhaan hin injifatamu, cimanii hojjachuu qofaan milkaa'a, kanarratti cimnee hojjanna,’’ jedhe.
Roobii galgala garuu Waancaa Addunyaa kan duraanii injifattee kan turte Faransaay imala Morookoo goolabde.
Tihoo Hernaandez, daqiiqaa shanaffaarratti Morookoorratti lakkoofsisuun deeggartoota Morookoo naasise.
Kan a qofaan hin hafne , taphataan garee Faransaay jijjirame gara dirree seene Randaal Koloo Muhaani, galchii lammataa Faraansaayiif dabaleetu ittumaa abdii warra Morookoo ittuu dukkaneesse.
Marsaa xumuraatiin Faransaayii fi Arjentinaan tapha Waancaa Addunyaa fudhachuuf Dilbata dhuftu walmorkachuuf jiru.