US galmee ajjeechaa Joon F. Keneedii agarsiisu guutuu isaa baaste

Ragaawwan ajjeechaa pirezidantii Ameerikaa duraanii Joon F. Keneedii agarsiisan hedduu akka bahu Waayit Haawus ajaje.

Ragaawwan ajjeechaa Keneediin wal qabatan kun yeroo jalqabaaf guutuun isaa bahe.

Dookumentiiwwan 13,173 intarneetii irratti kan gadi lakkifame yoo ta'u galmeewwan jiran keessaa harki 97 gadi lakkifameera jedhame.

Dookumentiiwwan ragaa ajjeechaa JF Keneedii guutuun isaa ifa haa ta'u malee odeeffannoo haaraa ta'e baay'ee hin dabalu jedhame.

Garuu, qorattoonni seenaa ajjeechaa isaaniin wal qabatee waan jiru caalmaatti baruu barbaadu waan ta'eef ragaalee bahan kana ija gaariin ilaalu.

JF Keneedii Sadaasa 22, 1963 Daalas, Teeksaasitti daawwannaarra osoo jiranuu isnaayippariidhaan ajjeeffaman.

Seerri bara 1992 mootummaan galmee ajjeechaa isaanii ummataf akka ifa godhu ni ajaja.

Mudde 15, 2022 Joo Baayidan dookumentiiwwan ragaa ajjeechaa Keneedii qabatan akka umataaf ifa ta'u ajaja dabarsaniiru.

Haa ta'u garuu dookumentiiwwan muraasni ammayyuu hanga Waxabajjii 2023'tti icciitidhaan tura jedhan.

Ragaan bara 1964 bahe JF Keneedii kan ajjeesse nama lammii Ameerikaa Lii Harveey Oswald jedhamu akka ta'e agarsiisa. Lii Harveey sanaan dura Gamtaa Sooviyeetii keessa jiraataa ture jedhame.

JF Keneedii ajjeesee erga to'annaa jala oolee guyyaa lama booda ajjeefame.

Ajjeechaa pirezidantii Ameerikaa duraanii kanaan wal qabatee waan baay'etu odeeffamaa ture.

Kamisa kaleessaa garuu CIA ajjeechaa kana keessaa akka harka hin qabnee fi qorattoota yakka jalaa odeeffannoo ajjeechaa isaan wal qabatu akka hin dhoksin beeksise.

Namni JF Keneedii ajjeese Lii Harvey bara 1963 ji'a Onkoloolessaa keessa hojjataa biiroo tikaa Raashiyaa KGB wajjiin Meeksikoo siitii keessatti akka wal argetu himama.

Ragaalen kun bahuun isaanii Lii Harvey hojjataa tika Raashiyaa wajjiin Meeksikoo siitii keessatti maal gochaa akka ture odeeffannoo kenna jedhanii hawwiin kan eegan danuudha.

CIAn gama isaatiin odeeffannoo waa'ee Lii Oswald gara Meeksikoo Siitii deemuu isaa duraanuu gadi lakkifamuu ibsuun, "Ragaa bara 2022 bahu irratti waa'ee kanaa odeeffannoo haaraan hin jiru" jedhe.

Garuu qorattoonni dhaabbata Mary Ferrell Foundation CIAn odeeffannoo waa'ee turtii Lii Haarvey Meeksikoo siititti taasisee dhokseera jechuun mootummaa irratti himata banani.

Dhaabbati kun akka jedhetti CIAn ragaalee hundumaa mana galmeetti akka hin galchineefi dookumentiiwwan gadi lakkifaman keessa ragaan guutun akka hin jirre ibsan.

Dokumentiiwwan kun gadi lakkifamuun isaanii ajjeechaa JF Keneeditiin wal qabatee maaltu uumamee akka ture lammiileen biyyattii odeeffannoo guutuu akka argatan akka gargaaru Waayit Haawus ibse.