Waa’ee dhugaatii wayinii diimaafi mataa bowwuu isaan boodaa

Wayiinii diimaa

Madda suuraa, THINKSTOCK

Qorattoonni US sababa namoonni alkoolii biroo dhuganii osoo homaa hin taane, wayinii xiqqoodhaan garuu mataa bowwuun isaan qabuu bira gahuu hin oolle.

Gareen Yunvarsiitii Kaalifoorniyaa akka jedhanitti, mataa bowwuun yeroo wayinii dhugan kan uumamu sababa galteen wayinii omishuuf oolu (Grapes) adeemsa bullaa’insa alkoolii qaama namaa keessatti uumamu waliin wal jeequfi.

Qorattoota garee kanaa keessaa tokko kan ta’e Piroofeesar Andrew Waterhouse BBC’tti akka himetti wayinii diimaan gatii qaalii wayinii diimaa gatii xiqqaa caalaa mataa bowwuu carraa namatti uumuu qaba.

“Baalli wayinii diimaa gatii rakasaa omishuuf oolu walitti heddummatee bal’inaan omishama. Saniif jecha ifa aduu gahaa hin argatu. Baalli wayinii diimaa gatii mi’aa oomishuuf oolu garuu xiqqaatee baala xiqqaa qabaata. Saniif ifti aduu argatus qulqullina wayiniitif murteessaadha” jedhan

Landaniitti Yunvarsiitii Queen Mary’tti piroofeesara kan tahan Roojar Korder ammoo qorannooleen wayinii diimaa gatii rakasaa mataa bowwuu kan hammeessan sababa si’eessitootni itti dabalaman gabaa bal’aa akka qaqqabuuf qulqullina gadi aanaan itti dabalamaniifi jedhu.

Ammaan dura Wayinii diimaan akkuma xiqqoo dhuganiin daqiiqaa 30 booda maalif mataa bowwuu namatti kaasa kan jedhu qorannoolee hedduun taasifamaniiru.

Muraasni qorannoowwan kunneenii kan akeekan galtee wayiniin yeroo dheeraa osoo hin alaa’in akka turuuf jedhamee itti dabalamurraa ka’a jedhu.

Galteen saalfaayitii jedhamu kuni garuu wayinii diimaa caalaa wayinii adii mi’aa keessatti heddummaata. Kanaaf jecha sababni saalfaayitiitu mataa bowwoo kaasa jedhu hedduu hin fudhatamne.

Galteen biraa wayinii keessaa mataa bowwoo kaasa jedhamee shakkamu ammoo Hestaamiin kan jedhamudha. Hestamiiniin kunii wayinii adii caalaa wayinii diimaa keessatti baayyata.

Hestaamiiniin ujummoo dhiigaa qaama namaa bal’isuun mataa bowwoo namatti kaasa kan jedhu yoo ta’u, kanaafis mirkanni dhumaa hin argamne.

Eksipartoonni namoota baha Eeshiyaa irratti qorannoo gaggeessan namoota sadi keessaa tokko akoolii akka biiraa fi wayinii akka hin feene himu. Ta’ulleen battala alkooliiwwan kana dhandhaman fuulli isaanii akka jijiiramuu fi mataa bowwootu isaan mudata.

Kunis qacceen sanyii adeemsa metaaboolizimii qaamni keenya alkoolii ittiin gara asiteetota nama hin miine yookan ammoo gara kompaawundii summaa’ootti jijjiiree dhabamsiisurratti dhiibbaa akka qabu kan akeeku.

Wayinii qicamu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababni biraan qorattoonni wayinii diimaan bowwoo mataa namatti kaasuuf jedhanii akeekan galtee wayinii keessatti argamu kan ‘Quercetin’ jedhamuutini.

Galteen kuni kuduraalee biroo keessattilleen kan argamu yoo ta’u qorichoota keessattis hojiirra ni oola. Matuma isaatiinis mataa bowwoo namatti hin uumu. Rakkoo kan uumu gaafa alkoolii waliin walitti makamudha.

Qorattoonni tiwoorii amma argatan kana qorannoo namarratti taasisanii mirkana gochuutu isana hafa.

“Rakkoo iccitaawaa baroota hedduuf ture kana sababa isaa baruuf amma daandii sirrii qabanneerra. Kanaaf tarkaanfiin itti aanu namoota mataa bowwoo irratti mul’aate karaa saayinsawaatiin qorachuudha. Kanaaf abdiin nu eegaa” jedhan Proofeesar Morris Levin.

Qorannoo kanas ji’oota muraasa keessatti akka jalqaban himan.

Faayidaa wayiniin fayyaa namaaf qaburratti qorannoo kan gaggeessan Piroofeesar Korder ammoo wayinii baayyee, saffisaanii fi machaa’uuf dhuguun fayyaa namaa yeroo gabaabaaf yookan dheeraaf miidhuu akka malu akeekan.

Alkooliin gosoota kaanserii torba nama qaabsiisuu akka danda’uu fi hammuma dhugamuun saaxilamummaan dabala.

Kaanserii harmaa namoota kudhan irratti mudatu keessaa tokko sababa alkoolii dhuguutin akka dhufuu fi UK keessatti waggaatti hanga namoota 4,400 akka gahus himan.