Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sochii qaamaa torbanitti sa'aatii lama jireenya namaa jijjiiruu danda'u
Torban keessa saa'aatii hedduutu jiru, garuu saa'aatiin lama jireenya namaa jijjiiruu keessatti shoora guddaa qabaa jedhu qorattootni. Namoonni hedduun torbanitti sochii qaamaa hamma gorfamu raawwachuuf rakkatu. Garuu sochiin qaamaa hammi xiqqaanillee fayyaa namaaf bu'aa cimaa qaba.
Sochii qaamaa onneef gaarii ta'uun isaa gaaffii hin qabu. Sochii qaamaa yeroo hunda gochuun dhiibbaa dhiigaa fi kolestroolii gadi buusuun carraa dhukkuba onnee ykn dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu hir'isa.
Garuu yeroo tokko tokko yeroo ykn ammoo kaka'uumsa sochii qaamaa hojjachuu dhabuu dandeenya ta'a. Garuu hubannoon faayidaa sochiin xiqqoon illee hangama fayyaa namaaf akka murteessa ta'e argannuu himma kanaaf xiyyeeffannoo akka kenninu taasisuu danda'a.
Hanguma xiyyeeffannoon dhimmaa kanaaf kenninu gadi bu'u haalli fayyaa keenyaas xiqqaataa deema.
Sochiin qaamaa taasifamu kun dirqama gosoota ispoortii ciccimaafi humna guddaa baasuu barbaadu ta'uu dhiisuu mala. Sochii qaamaa xiqqaanillee balaa onnee namaarra ga'u hir'isuu ga'aa ta'uu himu ogeeyyiin.
Sochiin qaamaa akka miilaa deemuu, biskileetii oofuu fi ispoortii sasalphaa biroo torban keessatti sa'aatii tokkoo hanaga lamaa hojjatamu carraa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaatiin dhufan hanga 20% hir'isu.
Akkasumas hanguma sochiin qaama taasifamu dabalaa deemun bu'aan fayyaa onnee fi ujummoolee dhiigaa mul'achuun dhukkuboota umurii namaa gabaabsaniif saaxilamuu namaa xiqqaata.
Qorannoon tokko akka mul'isanitti namoota torban guutuu sochii malee dabarsan kan warra sochii qaamaa xixiqqaa taasisan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaa guddaa qaba. Kanneen ispoortii gaarii fi shaakala fiigichaa akka maraatoonii leenji'an ammoo yeroo gabaabaa keessatti sirna hargansuu fi caasaa onnee isaanii irratti jijjiirama mul'atu akka argan ibseera.
Haa ta'uu malee sa'aatiin sochii qaamaa dabalataa gama balaa dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaa hir'isuutiin faayidaa dabalataa kan hin kennine ta'us, jijjiiramni caasaa onnee kun fooyya'iinsa dandeettii qaamaa namaa agarsiisa.
Jijjiiramni caasaa onnee namaa kanaan dura atileetota muraasa qofa irratti akka mul'atuutti yaadamaa ture, garuu qorannoon kun warri xiyyeeffatanii yeroo yeroon sochii qaamaa taasisan jijjirama kana arguu danda'u
Kanaaf namni dhimmi fayyaa isaaf jecha yeroo fi kaka'uumsa dhabuun ofirratti murteessu caalaa, sochiin qaamaa hangam jireenya namaa akka jijjiiru hubatanii dafqa buusu qabu.
Sochiin qaamaa xiqqaan hanaga daqiiqaa 20 yoo ta'u, sochii qaamaa cimaadha jedhamu ammoo daqiiqaa 30 hanga 60tti kan turu fi gidduu gidduutti boqonnaa gabaabaa kan of keessaa qabudha.
Sochii qaamaa kun hammam gabaabaa ta'us, fayidaan isaan fayyaa namaa waliigalaa irratti qabu guddaadha.
Qorannoon namoota 37,000 ol irratti gaggeeffame tokko akka agarsiisutti, namoonni sochii qaamaa xiqqoollee torban keessatti taasisan carraan fayyummaa isaanii kan warraa omaa hin taasifnee caalaa guddaa ta'uu qorannoon kan mul'isu.